Lixa Shaggar Godina Amboo Keessatti Ummanni Walgahii Wayyaanee Lagachuun Diddaa Mul’isaa Yeroo Jirutti Baratoota Kutaa 9fffaa fi 11ffaa Baratan 11 Ammoo Midaa Qanyii Keessaa Hidhaman

Aside

Hagayya 06,2015 Amboo

Because I am OromoGodina Amboo aanaawwaan garaagaraa godinicha jalatti argamaan keessatti uummaatni walga’ii bifa kamiin iyyuu mootummaan EPRDF/TPLF fi ergamtoota Wayyaanee OPDO’n gaggeessan irraa qooda fudhachuu lagatan. Mootummaan Wayyaanee maqaa sochii Qeerroo bilisummaa Oromoo fi Uummata Oromoo dura dhaabbachuu jedhuun, akkasumas uummata nuun mormaa jiruu hidhaa fi qarshiin adabuun dorsifnee bulchina jedhuun uummata Oromoo gooluu irratti kan xiyyeeffate butachuun gandoota baadiyaa hanga magaalaatti ”uummatni keenyaa walga’ii wayyaaneen haala kamiin iyyuu gaggeessituu kam irraa iyyuu qooda akka hin fudhannee” jechuun murtii qeerroon bilisummaa Oromoo dabarsee fudhachuun bakka hundatti walga’ii Wayyaanee kam irraatti hirmannaa hin goonu, jechuun dabballoota Wayyaanee bulchitoota Aanaa fi Magaalaa dura dhaabbachuun qaanessaa jiru. keessattuu diddaan walga’ii wayyaanee lagachuu kun aanoota akka Midaa Qanyii, Geedoo, Iluu Galaan Ijaajjii, Tokkee Kuttaayee Gudar, Xiiqur Incinnii, Amboo fi Magaalaa Amboo, Dandii,Giincii, Jalduu, Meettaa Roobii, Gindabarati, fi Adaa’aa Bargaa, irratti duulli walga’ii wayyaanee lagachuu jabaatee itti fufee jira.

Yeroo ammaa kana mormii uummatni karaa nagaa gochaa jiru kana irraa ka’uun tarkaanfiilee kanneen akka waajjira poolisii aanaatti murtii fi himata malee hidhuun dararuu fi qarshiidhaan adabuun gochaa diinummaa uummata Oromoof qaban ibsacha jiru.

Addatti immoo aanaa Midaa Qanyiitti  keessatti barattoota Oromoo kutaa 9ffaa fi 11ffaa uummata kakaasaa jirtu jedhamuun Barattootni Oromo 12 waajjiraa Poolisii Aanaa Midaa qanyiitti humna poolisii federaalaa fi kora bittinneessaan qabamanii hidhaman. barattootni hidhaman kunis:

  1. barataa Tolasaa Tashoomaa
  2. barataa Badhaasaa Taakkalaa

3.barataa Warquu Takkalaa

  1. barataa Gammachuu Xuuqur
  2. barataa Dinqaa Xuuqur
  3. Barataa Shallamaa Guutamaa
  4. Barataa Guutamaa Caalumaa
  5. Barataa Caalasaa Tarfaa
  6. barataa Iddasaa Deesisaa
  7. barataa Mul’isaa Farajaa
    11. Barataa Geetuu Tamee  kanneen kessaatti argamaan uummata mootummaa keenya irratti kakkasaa jirtuu jedhamuun badii tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuu fi uummatni aangawoota wayyaanee seerri hin beekne maqaa Kumaad Post jedhamuun ijaaramee uummata goolaa jiraachuu  ibsamera.

Ela Akkasi !! Garaan Na Ciise Reefu / Wallee Qeerroo Bilisummaa

Aside

Diigamuu Manneenii fi Qabeenyaa Dura Dhaabbachuun Uummanni Shaggar Kaabaa, Sulultaa Gamtaan Qabeenya Isaa Oolfate‏

Aside

Hagayya 05, 2015 Sulultaa
diddaa9Naannowaa Finfinneetti ijaarsi manaa seeraan ala jedhamee diigamullee dhimma Investimentiif karoorri qabame diigumsi mana jireenyaa uummataa jabeeffamee itti fufaa jirus garuu uummanni naannoo adda addaatti jabaatee kan dura dhabbataa jiru tahuus kan mul’ataa jiruudha. Haata’u malee Buraayyuutti turban lamaan dura manni 140 ol diigamee kan jiruu fi kan karoorfame isaan ol tahuun kan hubatameedha. Kanumaan Hagayya gaafa 3,2015 kaayyoon diigumsa mana jireenyaa maqaa seeraaan ala jedhamee diigamu magaala Sulultaa irratti xiyyeeffatame diddaa uummataan dhaabbate.
Odeessa Qeerroo magaala Sulultaa irraa gabaasuun manneen jireenyaa hedduun lakkoofsa hin qabne diigamuuf karoorfame, seeraan ala ijaarame kan jedhuun uummanni abbaan qabeenyaa kun itti karoorfamee fi kan dhimmi kun isaan hin geenyes wal irratti dammaqummaadhaan qaama mootummaa wayyaanee dhimma kana irratti bobbahee jiru dura dhaabbatuun diddaa taasiseen feshelatee jira. Karoorri kun naannowaa oromiyaa
hundatti akeekamee jiraachuu fi Qeerroon Bilisummaa dhimma kana uummata waliin irratti dammaqummaadhaan dura dhaabbachuun qabeenya
isaa oolfachuu akka qabu waamicha taasisa. Qabeenyaa isaa irraa buqqa’uu irra wareegamuu filachuun roorroo ofii yerodhaan ofirraa gaggeessuun kan karoorfame hojjetamuun dura irratti dammaquu dhaamsaa

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast – 05 August 2015

Aside

Naannawaa Shaggar Aanaa Sulultaa Magaala Caancoo Keessatti Qondaaloti Wayyaanee Uummata Samaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Hagayya 05,2015 Caancoo

11817258_508038342693839_71411907612129102_nWayyaanee fi ergamtooti sirnichaa qabeenya uummataa saamuun uummata gooluu itti fufan! Akkuma beekamu naannawa Shaggar aanaa Sulultaa magaala Caancoo keessatti qotee bulaa lafa irraa buqqisuun saamicha lafaa gaggessaa kan turanii fi sochii dargaggoonni naannichaa irraa ka’uun dabballoota lafa saamtan jedhaman

Itti gaafatamaa mana qopheessa magaala Caancoo nama Salamoon Dabbabaa jedhamuu fi mahandisoota magaala nama 3 dabalatee gaaffii fi sochii dargaggoo fuulduradhaabachuuf mana hidhaa kan galchan ta’uu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Yeroo ammaa kana Wayaanee fi kaadiroonni ishee saamicha qabeenya uummataa irratti bobba’anii sochii uummataan saaxilamanii uummata goolaa jiru. Haaluma kanaan bulchaa aanaa Sulultaa kan turee fi yeroo ammaa godina addaatti waajjira barnootaa keessa kan hojjatu namni Tashoomaa Hurrisaa jedhamu maallaqa uummataa qarshii miliyoona 1.5 gara dabarsuu isaa sochii uummataan ifatti saaxilamuu isaa irraan kan ka’e saamtonnii fi hattooti mootummaa Wayyaanee naannawa kanatti argaman uummanni nurratti sochii eegale jechuun raafama keessa galanii jiru. Kanumarraa ka’uun nama qabeenya uummataa saame seeratti siniif dhiyeessina jechuun uummata keessa naanna’uun uummata hololuuf yaalanis dargaggoo fi uummanni naannawa kanaa waliin tahuun hattuun seeratti dhiyaatus murtiin itti laatamaa hin jiru isin nu sobdu nu saamaa nu miidhaa jirtu jechuu holola isaanii dura dhaabachaa jiru.