Oromootni Biyya Alaa Jiraatan Magaalota Oslo fi NY Keessatti Hiriira Mormiyii Sira Wayyaanee Gaggeessan.

Aside

Odeeffata Caalaaf: http://www.Gadaa.com

ቄሮ /Qeerroo/ የኦሮሞ፡ ወጣቶች፡ ለነፃነት: ንቅናቄ:ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና:: October 15,2014

Aside

“ Haaromsa Itoophiyaa” Maqaa Jedhuun Tarsiimoo Siyaasaa Addaa Mootummaan Wayyaanee Baafate Dura Dhaabbatnaa Barattoota Oromoon Fashalaa Jira.

Aside

diddaa9(Gabaasa Qeerroo Onkololeessa 14,2014) Mootummaan abbaa irree Wayyaanee maqaa walga’ii tarsiimoo siyaasaa fi haaromsa Itoophiyaa jedhuun gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa goototni barattootni Oromoo qabsiisan dura dhaabbachuuf olola afaan faajjeessaa ofaa jiru bakka hundatti mormii guddaan danqame jira. Walga’ii abbootiin irree qopheessan kana irraa kasaaraa malee bu’aa argachaa akka hin jirre beekamaa ta’uun isaa mootummicha keessattu gaaffi kaasaa jira.

Mootummaan Wayyaanee sochii goototni dargaggootni barattootni Oromoo biyyatti keessatti qabsiisuun dirmanna uummata biyyatti fi idil addunyaa argachaa jiru irraa yaaddoo fi sodaa guddaa keessa seenuun, gochaa hammeenyaa uummata Oromoo irratti rawwatee fi yakkoota abbaa irrummaa sabaaf sablamiii biyyatti irratti rawwatuun uummaatni biyyatti hojjetaa mootummaa hanga hojjettoota guyyaa fi hojii dhabdoota daandii irraa rakkachaa jiranitti Wayyaanee irratti dammaquun moormii guddaa Wayyaaneef qabaatan., Addaatti dargaggootni barattootni Oromoo Wayyaaneen abbaa irree beekamaa fi mootummaa uummata afaan qawween shororkeessa jiru ta’uu addunyaa biyya lafaaf saaxiluun , FDG bifa qindaa’een Wayyaanee irratti qabsiisuun eenyummaan wayyaanee ifatti baasan. Halli kun waliigalatti uummatni biyyatti mootummaa EPRDF/TPLF balaaleffachuun  mataa itti baatee uummatni kaan immoo quqqaa isaa karaa dubbatu dhabee rakkachaa waan jiruuf, Mootummaan Wayyaanee adeemsa kana irraa yaaddoo fi kufaatiin ulfaataan itti dhufuu irraa sodaa hamaa keessa seenuun waan qabee gadhiisu dhabuun ” maqaa walga’ii tarsiimoo siyaasaa isaa fi olola afaan fajjii ittin uummata dubbachiisu danda’uu qopheeffatee, uummatni natti aaree jiru yoo dudubbate natti wayyaa’a isa jedhuun harka tokkotti qawwee harka bitatti immoo ajandaa siyaasaa butatee  Oromiyaa keessa fiiguutti gadi ta’ee.

Haala kanaan hanga ammatti gaaffiin uummata tokko illee deebii argatee hin jiru, Uummatni dubbatee gaaffii mirgaa gaafachaa jiru kun waanuma dubbatee deebii’ee galee ciisuu Wayyaneetti fakkate, Uummatni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafachaa jiruuf deebii mirga abbaa biyyummaa kabachiifachuu fi biyyaa isaa irratti Oromoon abbaa biyyaa ta’ee, ofiin of bulchuun biyyoota ollaa waliin illee naqaa fi tasgabbiin jiraachuu barbaada. Oromoon hanga deebii sirrii kana hin arganneetti guyyuu bakka jiru hundatti FDG qindeessuun mootummaa Wayyaanee jala dhaabachuun itti fufa. Haalli sochii walga’ii wayyaaneen cichoominaan itti fufaa jirtu irratti dammaqamee jira  wayyaaneen walga’ii kanaan uummata walitti qabdee maqaa walga’ii kanaan uummaatni aarii garaa isaa akka hin dubbannee fi malaan sochii keessa uummataa duddubbachiiftee tasgabbeessuuf tole jettee waan yaaddee malee jijjirama biyyaaf jedhamee kan yaadame akka hin taane saaxilame jira.

 

Gama biraan mootummaan Wayyaanee torbee darbee keessa barattoota waggaa tokkooffaa gara Yuunibarsiitii seenaa jiran maqaa walga’ii kanaan dursitee waamte irratti diddaa guddaan barattootni Oromoo dura dhaabbatan, walga’ichiis mormii fi gaaffii guddaa barattootni Oromoo kaasaniin deebii tokko malee xummuramee jira. Ammas abbaan Irree Wayyaanee abjuun hallayyaa qilee keessa ba’uu hin dandeenye irra adeema bulu hojjettoota mootummaa sectora fayyaa fi barattoota Oromoo Kolleejjii barsisotaa Jimmaa, Naqemtee, Shambuu, Mattuu, Asallaa fi Baalee Roobeetti baratan Onkololessaa 13/2014 irra eegaluun olola qopheeffate karaa ergamtoota ishee ofuu itti fufte jirti, akkuma walga’iin wayyaanee eegaleen goototni barattootni Oromoo gaaffii mirga abbaa iyyummaa irratti kaachisuun Wayyaanee fi ergamtoota TPLF dura dhaabbachaa jiru.

 

Hundee Gaaffii Mirgaa Barattooti Oromoo Hagayya 2014 Keessa Kaasan Qeerroo Bilisummaa

Aside

Hogganoota Wayyaaneen Kan Durfamu Leenjii Siyaasaa Bakkoota Adda Addaatti Hojjettoota Fayyaaf Kennamaa Jiru Wal Diddaa Hammeesse

Aside

Onkoloolessa 15,2014 Finfinnee

diddaa9Hojjetoonni mootummaa ogeessota fayyaa hospitaalaa fi buufata fayyaa magaalaa Finfinnee keessaa hojjetanii fi kutaa biyyaa garagaraa keessaa hojjetan leenjii turban lamaa mootummaan Wayyaanee kennaafii ture ammas kan itti fufee jira. Leenjiin siyaasaa hojjetoota fayyaa Wayyaanee kennamaa jiru bara mootummaa aangoo isaa keessatti mootummaan miidhaa maalii uummata isaa irraan gahee? Maqaa misoomaan wal qabsiisanii, mootummaan EPRDF uumataaf mishooma baldhise malee qotee bulaa lafa irraa hin buqifne sababa dhimma filannoo dhufuuf jecha dursee hojjetoota amansiisuuf yaalii gochaa jira, haata’u malee hojjetoonni ogeessota fayaas tahe hojjetootni biraa gaaffii dhimmoota mirga namoomaa fi mindaa ilaalchisee gaaffiileen jajjabduu waan irratti ka’aa jiruuf bakkoota hedduutti rakkoon qondaalota Wayyaanee walgahii dhimma kanaa gaggeessan mudachaa jira.

Mootummaan dhimma filannoo dhufu ilaalchisee daandii ittiin filamu hojjetoota isaa sobaan amansiisuu malee dhimmi miindaa dabaliinsaa irratti waan dubbataa jiru hin qabu, mootummaa Wayyaanee ammas haalli isa yaaddeesu utuu jiruu, filatamuudhaaf shiroota adda addaaf qophii isaa xumurachuu malee dhimma hojjetoota isaa mil’achaa waan hin jirreef leenjii ogeessota fayaa jedhee yaada irraa fuucha jiru irrattis gaaffiin ka’aa jiru olola sobaa miti kan feenu dabaliinsa miindaa fi miga namoomaati  feena jechuun walgayii Wayyaanotaa kana  irratti diddaa kaasanii jiru.

Gama biraan gaaffiin barattooti Oromoo kaasaa turanii fi jiran gaaffii mirgaa fi haqaati kan jedhu hojjettooti fayyaa kun bakkoota adda addaatti qondaalota Wayyaaneetti kaasanii jiru. Kana malees dhimma filannootiifis namoota horiidhaan gowomsaa jiraachuun waan ifaati, horii fi aangoo akkasuma shira isaa abdatee waan jiruuf
mootummaan Wayyaanee gaaffii hojjetootaas tahe gaaffiin mirgaa karaa garagaraan ka’aa jiru isatti kan dhaga’amaa hin jirreedha, gaaffiin dhimma miindaas hojjetootaan diddaan itti fufuuf dhagayamaa kan jiruudha.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Onkoloolessa,13 2013/ Alaabaa Ilaalchisee Qophii Addaa

Aside

SBO Onkoloolessa 15 Bara 2014 Oduu – Ibsa gaddaa ABO irraa kanname – Qophiilee Guyyaa yaadannoo FDG fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, October 13, 2014

Aside

Du’aan Boqotuu Adde Tsehay Tolasaa Ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO Irraa Kenname.

Aside

ABO

Du’aan Boqotuu Adde Tsehay Tolasaa Ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO Irraa Kenname.

Harka guddeessa Sabboontota Oromoo addatti ammo dhalattoota Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromootti dhihoo jiraniin bal’inaan kan beekaman Adde Teshay Tolasaa hoospitaala Land Mark jedhamutti waldhaanamaa osoo jiranii Onkoloolessa 12, 2014 Oromiyaa/ Finfinneetti addunyaa kana irraa du’aan boqatanii jiran.

Sabboontuu, hiyyeessa gargaaruu fi jajjabeessuun kan beekaman Adde Tsehay Tolasaa Abbaa warraaisaanii Lubi Guddinaa Tumsaa badiin alatti murtii faashistummaan kan ajjeese mootummaan Dargii, ajjeechaa Abbaa warraa isaanii irratti raawwateen quufuu dhabuu irraa isaaniinis waggoota 10ni oliif mana hidhaa keessatti dararaa turuu seenaan Adde Tsehay ni hubachiisa.

Sabboontuu fi haadha hiyyeessaa kan tahan Adde Tsehaay Tolasaa mana hidhaa Dargii keessatti miidhaan ol aanaa irra gahullee midhaa irra gaheef osoo harka hin laatne akka mana hidhaatii bahaniin dhalattoota biyyaa isaaniin olitti rakkoo adda addaan qabamanii jiran gargaaruuf murteeffatanii waggoota 20 ol dabraniif dalagaa namoomaa boonsaa hojjataa turan. Garaa laaftuu fi ummata rakkateef kan naasuu qaban Adde Tsehay, waggoota kanneen keessatti harka qalleeyyii hedduu nyaachisuu, daara baasuu fi waldhaansisuun hojii boonsaa bara baraan ittiin yaadataman hojjatanii dabran.
Haadha Ijoollee Afurii kan tahan Adde Tsehay Tolasaa waggaa 84-tti Onkoloolessa 12, 2014 du’aan boqatan. Qabsoo Bilismmaa ummata Oromoo keessatti qoodni isaanii guddaa dha. Senaan hidhaa waggaa 10 olii kana mirkaneessa. Addi Bilisummaa Oromoo du’aan boqotuu Adde Tsehay Tolasaatti gadda cimaa itti dhagahame ibsaa maatii, firoottanii fi sabboontota Oromoo maraaf jajjabina hawwa.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 14, 2014

Kabaja Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee Ilaachisee Gabaasa Addaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Onkoloolessa 10,2014

Aside