
Du’aan Boqotuu Adde Tsehay Tolasaa Ilaalchisee Ibsa Gaddaa ABO Irraa Kenname.
Harka guddeessa Sabboontota Oromoo addatti ammo dhalattoota Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromootti dhihoo jiraniin bal’inaan kan beekaman Adde Teshay Tolasaa hoospitaala Land Mark jedhamutti waldhaanamaa osoo jiranii Onkoloolessa 12, 2014 Oromiyaa/ Finfinneetti addunyaa kana irraa du’aan boqatanii jiran.
Sabboontuu, hiyyeessa gargaaruu fi jajjabeessuun kan beekaman Adde Tsehay Tolasaa Abbaa warraaisaanii Lubi Guddinaa Tumsaa badiin alatti murtii faashistummaan kan ajjeese mootummaan Dargii, ajjeechaa Abbaa warraa isaanii irratti raawwateen quufuu dhabuu irraa isaaniinis waggoota 10ni oliif mana hidhaa keessatti dararaa turuu seenaan Adde Tsehay ni hubachiisa.
Sabboontuu fi haadha hiyyeessaa kan tahan Adde Tsehaay Tolasaa mana hidhaa Dargii keessatti miidhaan ol aanaa irra gahullee midhaa irra gaheef osoo harka hin laatne akka mana hidhaatii bahaniin dhalattoota biyyaa isaaniin olitti rakkoo adda addaan qabamanii jiran gargaaruuf murteeffatanii waggoota 20 ol dabraniif dalagaa namoomaa boonsaa hojjataa turan. Garaa laaftuu fi ummata rakkateef kan naasuu qaban Adde Tsehay, waggoota kanneen keessatti harka qalleeyyii hedduu nyaachisuu, daara baasuu fi waldhaansisuun hojii boonsaa bara baraan ittiin yaadataman hojjatanii dabran.
Haadha Ijoollee Afurii kan tahan Adde Tsehay Tolasaa waggaa 84-tti Onkoloolessa 12, 2014 du’aan boqatan. Qabsoo Bilismmaa ummata Oromoo keessatti qoodni isaanii guddaa dha. Senaan hidhaa waggaa 10 olii kana mirkaneessa. Addi Bilisummaa Oromoo du’aan boqotuu Adde Tsehay Tolasaatti gadda cimaa itti dhagahame ibsaa maatii, firoottanii fi sabboontota Oromoo maraaf jajjabina hawwa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 14, 2014
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk