Gabaasa Qeerroo Onkoloolessa 12,2014
Filannoo dhufuuf jecha mootummaan Wayyaanee doorsisa uummata irratti banuu eegalee jira. Gabaasa Qeerroo Qellem Anfilloo irraa kan addeessu maddibgabaasichaa kan nu qaqqabe Onkoloolessa 12,bara 2014 mootummaan Wayyaanee miidiyaa of harkaa qabuun filannoo bara kana karaa diimokiraasiin kan xumuramu tahuu isaa mootummaan qophii isaa xumuraa jira, uummanni mootummaa gama nagaatiin filannoo isaa gaggeessuun haala uummata amma irra jiru irraa waan hubatamuudha jedhchuun ololaa jiraachuun waan beekamaa jiruudha.
Yeroo ammaa miidiyaan Wayyaanee hunduu dhimma filnnoo dhufu ilaalchisee kan afarsaa jiraniidha. Gama gocha godina,aanaa fi ganda keessatti raawwatamaa jiruun ammoo doorsisni uummata irratti gama caasaa mootummaa Wayyaanee gadi bu’ee jiruun banamaa jira. Godinoota garagaraa bakka mootummaan Wayyaanee keessatti shakku, bakka mootummaan Wayyaanee amantii irraa dhabee shakkiin guutame keessatti filannoon bara kanaa uummanni dirqamaan akka filatu, dhimma jireenyaa fi misoomaan wal qabsiisee doorsisa qote bultoota irra kan banaa jiru odeessi nu gahe kan addeessuu f I akka madda gabaasni Qeerroo Qellem Wallagga, Anfilloo irraa ibsutti guyyoota fuula kana dura jiran guyyaa boruu irraa kaasee(Onkoloolessa 13 hanga Onkoloolessa 16tti) mootummaan Wayyaanee jiraattota uummata oromoo Qellem, Anfilloo fi Sayyoo keessatti walumaa gala darbee darbee aanaalee Qellem jala jiran hunda keessatti qorannoon caasaa isaatiin gaggeeffamuuf deemu dhimma filannoo dhufu ilaalchisee qorannaa adeemsisuu fi adeemsaa fi haala ittiin uummata qabatan, dirqamaanis wal qabatee uummanni hubachuu kan qabuudha.
Dhimma kana irratti qormaata kan gaggeessuuf deeman magaalaa Anfilloo Muggii irratti fi akkasuma magaalaa Dambi Doolloo irratti, haaluma kanaan wal qabsiisees namoota shakkii irraa qaban keessattuu hojjetoota isaanii qabanii hidhuu kan eegalaniidha, kana qofas miti, akka gabaasni addeessutti waraqaa yaadaa qopheessuudhaan kaabinoonni mootummaa wayyaanee yakkas/ miidhaa mootummaan Wayyaanee bara bulchiinsa isaa keessatti godhe nuf ibsaa jechuudhaan waraqaa uumata keessa kan facaasaa jiraniidha, waraqaan kun torbeewwan darban keessa uummatatti hiramaa kan ture uummannis yaada kennu dhabuu irran deebiin yoo dhabamu, yaada uummataa argachuu hin dandeenye, filannoo kanaaf uummanni kun quubsaa miti kan jedhuuf qorannoo gochuuf kan deeman, qorannaan isaan waliin godhan kun waanta uummata miidhanitti filannoon isaanii waan gaheef miidhaa / balleessaa keenya barree uummata amansiisuu qabna,haala amma uummanni keenya itti jiruun filatamuun waan sobaati jedhanii guutummaatti waan amananiif daandii ittiin uummata amansiisaan irratti qorannaa gochuuf kan deemaa jiraniidha.
Kun godina Qellem qofa keessatti ta’aa kan jiru miti godinaalee oromiyaa garagaraa keessatti kan raawwatamaa jiruudha. Mootummaan Wayyaanee haala keessa jiru keessatti wan qabu dhabee jira, uummata Oromoo shakkii qabuuf jecha horiidhaan dargaggootallee kan umurii isaanii 18 ol tahe bitacha jira, akka magaalaa Finfinneetti waanni taasifama jiru dhimma filannoof jecha barattootni mana barumsaa isaaniitti bifa lenjiin guyyaa guyyaatti qarshii 50,50ni kennamaafii kan jiru, kan gochuun isaas uummataan jibbamee waan jiruuf horiidhaan amansiisuuf kan gochaa jiru tahuun isaa waan hubatamaa dha,akka gabaasota Qeerroo bakka adda addaa irraa nu gahaa jiruu fi sochii jiru irraas hubatamaa jirutti adeemsi mootummaa wayyaanee humnaa fi qarshiitti hirkatee fedha isaa guuttachuuf kan deemaa jiruudha,aangoo isaa irra turuuf kan karoora baafataa jiruudha.