

Bara 2005 waamicha ABOn ummata bal’aa Oromoof haaromseen Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG)n guutuu Oromiyaa keessatti erga bifa ho’aan qabsiifamee haga har’aatti bifa adda addaan mootummaa gabroomfattuu wayyaanee akka guggubaa jiru eenyullee haaluu hin danda’u.
Ebla Bara 2011 warraaqsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo erga finiinuu jalqabee kaasees guutuu Oromiyaa keessatti Qeerroon Oromoo (Barattootnii fi Dargaggootni) sabboontotaa fi walii galatti ummata Oromoo bal’aan walta’uun FDG bifa adda addaan mootummaa gabroomfataa wayyaanee irratti qabsiisuun ummatni Oromoo bilisummaa kan barbaadu ta’uu ifatti mul’isaa jiran.
Addatti bara 2014 kana keessa qooda Qeerroo Bilisummaa Oromoon (Barattootaa fi Dargaggoota)n warraaqsi FDG fi Falmaan Mirga Abbaa Biyyummaa sirna gabroomfataa wayyaanee irratti qabsiifame haga har’aatti mootummicha guggubaa, QBOf injifannoo galmeessaa jira. Fincila deemaa jiru kana keessattis wareegamni qaqqaaliin kafalameera; kafalamaas jira. Dargaggootni, barattootnii fi sabboontotni Oromoo Bilisummaan Oromoo kan hin hafne ta’uu lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne wareeganii mirkaneessaa jiran. Ilmaan Oromoo qaroon, beekoo fi hubatoon, kanneen biyyaa fi ummata isaanii caalchifatan dhiiga dhangalaasanii, lafee cabsanii bilisummaa balbala Oromoon gahanii jiran. Bara baraanis seenaan QBO isaan yaadata! Sadaasa 9 Guyyaa FDG ilaalchisee beeksisa SBO
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk