Ayyaana Irreecha Bishooftuu Onkoloolessa 5, Bara 2014

Aside

Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF kabaja ayyaana irreecha dura dhaabbachuuf humna poolisii Federaalaa fi Poolisii kora bittinneessaa jedhamu humnaa ol kellawwaan biyyaattii fi magaalaa Bishooftuu irratti bobbaasuun sakkatta’insa guddaa gaggeess

Aside

Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF kabaja ayyaana irreecha dura dhaabbachuuf humna poolisii Federaalaa fi poolisii kora bittinneessaa jedhamu humnaa ol kellawwaan biyyaattii fi magaalaa bishooftuu irratti bobbaasuun sakkatta’insa guddaa gaggeessa jira.
Onkololeessa 4/2014 Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF kabaja ayyaana irreecha dura dhaabbachuuf humna poolisii Federaalaa fi poolisii kora bittinneessaa jedhamu humnaa ol kellawwaan biyyaattii fi magaalaa bishooftuu irratti bobbaasuun sakkatta’insa guddaa gaggeessa jira.
Guyyaa kaleessaa Onkololeessa 4/2014 irraa eegaluun mootummaan abbaa irree Wayyaanee TPLF kellawwaan biyyaatti gara magaalaa Finfinneetti geessuu fi dandiiwwaan kallattii hundaan gara Ayyaanaa Irreechaa Hora Arsadiitti geessan hundarratti humna poolisii Federaalaa fi kora bittinneessaa ofiin jedhu bobbaasuun Sakkatta’insa guddaa Uuummata Oromoo godinaalee Oromiyaa hunda irra kallaattii garaagaraan adeema jiran irratti gaggeessuun gufuu guddaa ayyaanichaa ta’aa jira. Namoota uffata Abbaa gadaa uffatanii fi uffaata Odaa sirrii of irra qababan uffatan irraa saamaa jira, dargaggootni Oromoo hedduun gara Ayyaanichatti adeema jiran irraatti qorannaa addaa gafggeessuun waraqaa eenyummaa gandaa gaafachuun akka bakka Irreeffannatti hin darbinee humna waraanaa kanaan ittifama jiru, namootni uffata abbaa gadaa fi uuffata aadaa Oromoo calaqisiisuu sirnaan uffatanii gara Irreechatti adeemaa jiran humna poolisaa fi waraana wayyaaneen daandii irra hiriirseen doorsifama jiru. waraannii hin humnootni tikaa waayyaanee uummataa nagaa aadaa, eenyummaa, Oromummaa fi Amantaa isaa Ibsachuuf adeemuun isin miseensa ABOti, uffatni isin uuffattan kunis alaabaa ABO ti jechuun uummata doorsisuuf yaalii guddaa godhanis uummatni gaamtaan jala dhaabbachuun eenyummaa, amantii, aadaa fi tokkummaa keenyaa fi kabaja nuti ayyaana Irreechaaf qabnu irraa eenyumti iyyuu booddetti nu deebisuu hin danda’uu jechuun uummaanni gamtaa isaa jabeeffatee gara malkaa Irreechaa Hora Arsadiitti adeemaa jira.
Mootummaan waayyaanee akkuma amala isaa barabaraan ayyaana Irreechaa irratti ukkamsaa uummatichaaf qabu argisiisuuf sakkatta’insaa fi uummata nagaa qabee hidhuun shororkeessuu baranas kan itti jiru ta’uu maddeen keenya gara Ayyaana Irreechaa Hora arsadiitti Adeema jiran waan uummata irra ga’aa jiru nuuf ibsa jiru. dargaggootni Oromoo loltootaa fi poolisoota wayyaaneetiin illee qabamaa jiraachuun maddeen keenya ibsa jiru, maqaa namoota utuu gara Ayyaanaa Irreechaa Hora Arsadiitti adeemaa jiranii qabaman kan isin qaqqabsiifnu ta’a.

Gabaasa Ayyaana Irreechaa Kan Onkoloolessa 5,2014 Bishooftuu Oromiyaa

Aside

Gabaasa Irreechaa Kan Baranaa, Onkoloolessa 5/2014
04Ayyaanota Irreecha kan hora arsadee darban keessatti adda kan taasise hirmaannaa uummataa heddummaachuu isaati, akka namoota waggaadhaa waggaatti irreecha irratti argamanii ayyaanefattaa hanga har’aa deeman irraa waanni kaafamu baayina uummata Oromoo kan guyyaa kaleessaa ayyaana san irratti gaggeeffameedha. Haala ajaayibsiisaadhaan uummanni miliyoonaan lakaawamu bahee waaqa isaa galateeffachuu irratti fageenya adeemsa guyyaa lama sadii oliin dhufanii hirmaachuu isaaniti. Egaa akkuma beekamu walitti qabamuun uummata oromoo kun mootummaa Wayyaanee kan
hinaaffiseedha, tikoonni Wayyaanee naannoo magaalaa Bishooftuu buufatanii kan turan kan uummata keessatti argaman suurawwan kanaa gadii irratti kan argamuu fi uummanni sodaa tokko malee ayaana kana irratti fedhaa fi weelluu qabsoo Qeerroo Bilisummaa waliin tahuudhaan dhiichisa garagaraan guyyaa guutuu kan kabajaa ooleera.

Gama biraan weellistoota miseensa OPDO tahanii jiran keessattuu hojii uummata Oromoo diinummaaf saaxilu waltajii irratti afeeramnaan uummataan ariyamanii jiru,weellistoonni sabboonummaa qaban hunduu uummata waliin yeroo kabajaa isaanii dabarsanii jiru. Waantonni uummata Oromoo ayyaana irreechaa kanaaf deeman kan mudate karaa mootummaa wayyaanee namootuma sabboonummaa qabani karaama ittii nama barbaadan san argataniin namootni hanga lakkoofsaan 100 qaban keessaa gara nama 30 gadhiisanii jiru. Kana malees kitaaboleen garagaraa gurguttaadhaaf dhiyaatan kan tikootaan daandii gubbaatti toohatamanis jiru, sababa kan tahe ammo bifa alaabaa ABOtiin hojjetameedha, alaabaan mormamus guyyaa kaleessaa magaala Boshooftuu
fi Dukam keessatti faaruun ABOdhaa guutummaatti hanga halkan keessaa sa’a 5:00niitti sirbamaa tureera, waraabbiwwan hedduun kanaa gaditti kan maxxananii jiraniidha. Dimshaadhumatti eebba abbootii gadaa fi qondaalota wayyaanee kanneen akka Abbaa Duulaa Gammadaa fi Muktar Kadiriin ayyaanni kun saaqamee kaasee hanga galgalaatti nageenyi uummataa kan eegamee ooleedha, suurawwanii fi viidiyoowwan adda addaa
ayyaana irreecha kaleessaa ilaalchisee kanaa gaditti kan argamuudha. Dhadannoo hedduun uummataan dhagayamaa tureera,sirbootni qabsoo ifaa ifatti kanneen akka ……eenyu isheen daanga oromoo lixxu irra ejjettee
mormashee hin kuttuu….
…oromoon guutuma duruu………..,
…. ka’I Qeerroo Hin Kaana…,
….ABOn Gaacha Uummata Oromooti,….
….Siifam lola yaa oromoo narra hin gortuu……, ragoota dabalataaf waraabbii kanaa gadii ilaaluu dandeessu. Dhuma irrattis haalli uummata Oromoo sodaachisaa tahus, kan waamamuu fi faarfatamus ABO wan taheef poolisoonni Oromiyaa naannoo sanii fi uummata keessatti argaman uummanni tokkummaa qabu kanatti isaan gammachiisuu irraan uummata waliin hirmaachuuttii kan fufaniidha. Yeroo irreechaa kana qofa osoo hin taanee tokkummaan uummata oromoo duratti kana caalaa diina isaa kan yaaddesseen itti fufuu akka qabu dhaamsoleen Qeerroo dhaan darbaa tureera,walumaa galatti uummani oromoo guyyaa kaleessaa Irreecha irratti argaman dhimma amantaan utuu wal hin qabsiisin sirboota qabsoo uummata oromoo kakaasu irratti kan argaman kanneen naannoo kan akka Adaamaa, Finfinnee, Amboo, Sabbataa,Arsii, naannoo galan hundatti
sirboota qabsoo dhageessisaa galaniiru, gabaasni isaa ganama kanallee kan nu qaqqabaa jiru ayyaana kanaan wal qabsiisee faaruwwan qabsoo naannoo jirutti halkan guutuu kan itti bule tahuu nu qaqqabsiisaa jiru,nageenyi uummataa haala eegame caalatti kan milkaaweedha. Kan barana xumurae kan bara dhufuuf nagaan walitti deebi’uun hawii isaa waliif dhaamaa wal irra adda kan baheedha,namoota diinaan ayaana kana irraa ugguraman gama hundaan jala bu’amee hordofamaa jira,gabaasa saniin walitti kan deebinu ta’a.

01.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPbnZCZ0w4SlFEMDQ/edit?usp=drive_web>
2.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPNWw5RGZDQ284YzQ/edit?usp=drive_web>
03.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPMUdqblFJTlBaMEU/edit?usp=drive_web>
04.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPQUFyc0hLZlRDUlE/edit?usp=drive_web>
05.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPWlppRngzVG92cW8/edit?usp=drive_web>
06.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPM2FEMVM3OUdMSU0/edit?usp=drive_web>
7.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPWFNGMTlBQTdRdkk/edit?usp=drive_web>
08.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPNUJPc1hPVENtMTQ/edit?usp=drive_web>
09.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPNWhBUldPSVZNUHM/edit?usp=drive_web>

010.JPG

https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPWlBtRkFZMURVaVE/edit?usp=drive_web>
011.JPG
https://docs.google.com/file/d/0B4g4F523KEbPdXJzc1ZFOTYzZGs/edit?usp=drive_web>