Poolisoonni Wayyaanee bara tajaajila isaanii xumuruun hojii gadhiisuuf gaafataa jiran dirqamanii gara adda waraanatti akka ergaman taasifamee jira.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Onkoloolessa 31,2014

Wayyaanonni yeroo Qeerroo hidhanHumna waraanaas tahe hidhataan poolisii bara tajaajila isaa waggaa 7 ol tajaajila kenne fedha isaatiin hoji itti fufuus dhaabuus kan danda’u gaaffii bara hojii keenyaa xumurre ni boqonna, hojii ni dhaabna jedhani gaaffii iftoominaan mootummaa gaafatan gara adda waraanaatti dirqamaan akka ergaa jiru gabaasni nu gahe addeessa.

Shakkii fi soda  mootummaan Wayyeenee hidhattoota isaa keessattuu lammiin Oromoo ta’an irraa qabuun humni waraana isaa yeroo ammaa sabaan Oromoo tahan, aadaa Oromoo guddisu, ijoollee Oromoo qabee mootummaatti dhiyeessuu dhiisuu, sabboontota  waliin walitti dhiyeenya uummachuu, sirboota qabsoo fi sabboontotni weellistootni Oromoo sirban dhaggeffachuu fi wal dhaggeeffachiisuu, mootummaa irratti wal ijaaruu fi dhaaba mormaa uummata Oromoof dhaabbatu keessatti hirmaannaa gochuu, dhaaba ABOfis ilaalcha gaari qabaachuu isaanii, dhimma jireenyaaf malee sodaa fi dirqama mootummaa Wayyaaneef osoo hin tahin ittiin bulmataaf, jireenya isaaniif jecha meeshaa baachuu fi kkf hunda waan hordofsiisee hubataa jiruuf fedhuma isaaniiyyuu eeguu dhabuun mootummaa Wayyaanee hidhattoota isaa irratti kaasaa jiraachuun dhagayamaa kan jiruudha.

Humni waraana wayyaanee keessaa sabaan oromoo tahanii argaman kamiyyu yeroo ammaa miidhaan mootummaan Wayyaanee nurraan gahe inni guddaan saba keenyaan, saba bal’aa fi kabajamaa kanaan jibbamuu keenyaadha. Beela’uun keenya, dheebochun keenya daaraa uffachuun keenya, miidhama miti sabaan jibbamuun miidhama lafee suphaa hin qabne tahuu isaa hubatanii kophee qulqulleessani jiraachuu kan filatan, mana namaa keessa jiraatanii hojjetaafii jiraachuu yeroo itti filatanii ka’aniidha. Isaan kaan ammo dirqama mootummaa wayyaanee isaanitti kennu uummata dura dhaabbachuun saalfii itti tahee naannoo itti ramadamanii hojjetan iraa miliqanii naannoo biraatti galanii hojii kanas gadhiisanii kan jiraataa jiran tahuu gabaasni ibsa, kanumaan wal qabateemmoo olitti akkuma ibsame bara tajaajila isaanii xumuramanii hojii dhaabuuf, boqonnaa gaafatanii kan jiran dirqamni itti jabaatee yeroo ammaa naannoo gammoojjitti ergamaa, adda waraanaa naannoo Gambeelaatti dirqamaan ergamaa akka jiran gabaasni Qeerroo irra madde odeessi caasaa poolisii irraan as bahe addeessa.

ቄሮ : የኦሮሞ፡ ወጣቶች፡ ለነፃነት: ንቅናቄ:ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና:: October 28, 2014

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, October 29, 2014

Aside

BBC interviewing torture survivor and Dr Awol K on Amnestry rep

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Onkoloolessa 27, 2014

Aside

Ayyaana Irreecha Godina Jimmaa Malkaa Booyyee fi Hirmaatnaa Qeerroo Onkoloolessa 26,2014

Aside

Amnesty: Ethiopia Systematically Repressing Oromo

Aside

FE2E1076-BAB0-47FE-8E11-8FCB80AE7C9E_w640_r1_s_cx0_cy5_cw0

Amnesty International has issued anew report claiming that the Ethiopian government is systematically repressing the country’s largest ethnic group, the Oromo. Read more…

http://www.Ayyaantuu.com

http://www.Gadaa.com

SBO Onkoloolessa 29 Bara 2014 Oduu – Sadaasa 9 guyyaa yaadannoo FDG Waggaa 9ffaa sababeeffachuun gaaffii fi deebii Art.J.Sutee Barentoo waliin godhamee fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Gabaasa Kabajamuu Ayyaanni Irreechaa Godina Jimmaa

Aside

10734181_584535965023130_6421479275020323424_n (1)Onkololeessaa 26,2014 Ayyaanni Irreechaa Godina Jimmaatti sirna ho’aa ta’een kabajame!! Uummatni Oromoo jalbultii ayyaana kana ilaalchisuun Onkololeessa 25/2014 irraa eegaluun godinaalee Oromiyaa gara dhihaa kanneen akka Godina Iluu abbaa Booraa, Godina kibba Lixa Shawaa, Shawaa Lixaa fi wallaggaa Bahaa irra gara Magaalaa Jimma seenan, jalbultiin Ayyaana kanaa haala akkam miidhagaa ta’een Malkaa Deeddeetti kan eegalame, Guyyaa kaleessaa Malkaa Booyyeetti haala akkam ajaa’ibsiisaa ta’een kabajame jira. Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa fi Saabboontootni hojjettootni fi barsiisotni Godina Jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaa Ayyaana kana irratti argamuun haala akkam boonsaa ta’een Eenyummaa, Oromummaa ,sabboonummaa, fi tokkummaa uummata Oromoo jabeessuun Uummata Oromoo kuma kudha-shani (15,000) Olitti lakka’amuun kabajame jira.
Kabaja ayyaana Irreechaa Godina Jimmaa Malkaa Booyyeetti kabajame kana irratti dargaggootni Qeeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gamtaadhaan argamuun walleewwaan warraaqsaa fi mootuummaa abbaa irree balaaleeffatan Sirbuun uummatni Oromoo eenyummaa, Oromummaa, Sabboonummaa fi bilisummaa isaa gonfachuuf yoom iyyuu rafee akka hin bullee fi tole jedhee halagaa fi abbootii irreef akka hin bitamne walleewwaan warraaqsaa kanaan uummataaf barnootaa fi ergaa guddaa dabarsa, walleewwaan warraaqsaa kanaaniis ABO fi Uummata Oromoo, Qabsoo bilisummaa Oromoo sodaa tokko malee faarsuun diina garaa gubaa oolaniru. walleewwaab Artisti kabajamaa fi Jaalatamaa Eebbisaa Addunyaa guutummaatti sirbaa Oolaan.
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee akkuma amala ayyaana irreecha kana danquu fi uummata sodaachisuuf humna poolisaa guddaa bobbaasuun guyyaa jalbultii Ayyaana kana irraa eegaluun Magaalaan Jimmaa eegamaa turte, tokkummaa Uummataa fi haala hedduminan uummatni Ayyaana kanaaf qophii gochaa jiru irraa ka’uun tajajila uummataa kanneen akka Ibsaa Eliktiriikii, Bishaan dhugaatii fi Network Magaalaa Jimmaa irraa balleessun uummata darara jiraachuun beekamee jira. kessumattuu Ayyaana kanaan walqabatee tajajillii bishaan dhugaatii, Ibsaa fi Network magaalaa Jimmaa irra baduun immoo yeroo amma kana haalan kan uummata dheekkamsiise ta’uun gabaafame.
Goototni Barattootni Yuunibarsiitii Jimmaa tajajillii bishanii, Ibsaa fi network uummata irraa dhaabbatee(citee waan jiruuf Mooraa yuunibarsiitii Jimmaa Main Campus keessa naanna’uun roottoowwaan bishaan itti kuufaman caccabsuun Mootummaan wayyaanee tajaajila hawwasuummaa uummata irraa kutuun uummata darara jiru nurraa ka’uu qaba jechuun halkan guutuu hanga poolisiin mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa dhaabsiisuu dhadhabutti iyyaa bulan, Diddaa gootota barattoota Yuunibarsiitii Jimmaa kanatti Mootummaan Wayyaanee Yaaddoo ulfaata keessa seenuun humnoota basaasaa fi poolisaa bobbaasuun Yuunibarsiitiin Jimmaa eegamaa jira.

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, October 27, 2014

Aside