Hundee Dhugaa fi Hiriyoota isaa
Wayyaaneen jecha Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhu irra jireessa ykn ifatti itti fayyaadamu kan eegaltee, Filannoo 2005 boodadha. Garuu, Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhamee akka shirri gaggeeffamu kan karoorfatan, baruma bosona jiranidha jedhama.Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhamanii seeraan hayyamameefii akka garaa isaanii akka taan kan hayyamameef eenyufaati ? Lammiilee addunyaa keenyaa meeqatu Itoophiyaa keessatti dhalateetu, xiyyeeffannaan akkasii laatamuufii dandaee?? wayyaaneen Ilmaan sabootaa miliyoonaan beelessee, kumaantamaan hiraarsee, kumaatamaan lubbuu galaafatee, kaan dhaabbitti namummaa baasee , kaan mana hidhaatti tortorsaa yoo barbaade ammo summiin ajjeesaa, maaliif warra Tiwulidda Itoopiyaawwii jedhamaniif warqee hafeefii jiraachisaa ?
warri Tiwulidda Itoopiyaawwii jedhamanii Itoophiyaa keessatti seeraan baakaman meeqaa ? bara wayyaanee kana jechi kun akkamiin dhufuu dandaee ? sirni wayyaanee Ummatoota miidhaa jiru, balaa dhala namaaf hin mallee raawwachaa jiru, akkamiin warra Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhamaniif gaarii taee , biyya alaa itti godaananii, waraqaa eenyummaa tokkon alatti qabeenyaa akka saaman taasifama ? ? ilmaan saboota yoo dhaaba siyaasaa dhaabbatan guyyuu adamfamanii diigaman. Hiraarrii fi shirri adda addaas irratti gaggeeffama. Miseensa dhaaba kanaa taee kan argame gooleessaadha jedhamee Biyya abbaa isaa irratti itti roorrifama. Warri Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhaman garuu, waan isaan hin galchine keessa seenanii harka mirgaa wayyaanee taanii ummata yennaa miidhan argaa jirra . kun akkamiin tauu dandae.?
hundee dhugaa.doc
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk