The damage being done to Oromo humanity and property by the TPLF/EPRDF regime is difficult to estimate!

Aside

By Getinet Dinkayehu

The Ethiopian Empire is generally the land of slavery for Oromo nation. Ever since oromo were colonized by Abyssinian rulers in the last decades of the 19th century, the Oromo people have been under repression of successive Abyssinian-Ethiopian regimes and now by the TPLF colonial-Apartheid regime. The ongoing harassments of Oromo nationalists is part of the general policy of the Abyssinian-Ethiopian empire-state to politically, culturally and economically subjugate the Oromo people, who are currently struggling for the right to self-rule to break free from the colonial burden of the Abyssinian-Ethiopian empire-state. Now days the scale of oppression against the Oromo people by the incumbent Wayane regime has no comparable. This government actively involved in systematic genocide and ethnic cleansing against the Oromo people.

Read More:- The damage being done to Oromo humanity and property by the TPLF EPRDF regime.docx

Oromiyaa: Irreecha Bishooftuu Bara 2012 Irratti Qeerroo Bilisummaan Maal Jedhee?

Aside

Waadaa/Irbuu  Qeerroo Bilisummaa 2012

Ayyaana Irreechaa Baranaa Laalchisee Waamicha Ummata Oromoo Maraaf!

Aside

Fulbaana 21, 2013

Ayyaanni ummata Oromoo guddichi waggaatti gaaf tokko hawwii ol’aanaadhaan eegamu, Irreechi, Dilbata dhufu Fulbaana 29, bara 20013 kabajamee oola. Ayyaana ummata Oromoo fageenya adda addaa irraa waamee walitti fidu kana milkeessuuf sabboontonni Oromoo tattaaffii guddaatti jiran. Hiree waggaatti gaaf takkittii argamtu tana irratti ummanni Oromoo miliyoonotaan bahee waan hirmaatuuf, guyyicha guyyaa isaa (Annual Oromo Day) godhatee akka oolu beekamaa dha. Ayyaanni kun raaw’annaa irreeffannaaf jecha Hora HarSadiitti kan geggeeffamu tahu illee, guyyaan kun Finfinnee dabalatee magaalaalee fi baadiyyaalee Oromiyaa mara keessatti Guyyaa Oromoo tahee oola. Ummanni Oromoo ayyaana isaa Irreecha sadarkaa kanatti ol guddifachuu kan danda’e qabsoo waggoottan dheeraa dabran taasisaa baheeni malee kennaa mootummaa Wayyaaneetiin akka hin tahinis ifa galaa dha.

Waamicha Irreechaa- Amharic.pdf

Waamicha Ummata Oromoo Maraaf.pdf

SBO Fulbaana 22 Bara 2013

Aside

Seenaa Gabrummaa Dhaaluun Yoom Dhaabbataa???

Aside

Y.G(2005) | Fulbaana 20, 2013

barruuHabaabileen keenya akaakilee keenyaaf , Biyyaa fi ummata seenaa mataa isaa qabu dhiisanii dabran . akaakileen keenya ammoo,Biyya walabummaa qabdu dhaalee, Biyya gabrummaa jalaatti kufte Abbootii keenyaaf dhaalsise dabre . Abbootiin keenyaa fi dhalooti isaan harkaa fuudhes, waan Abbootii isaanii irraa dhaalan bakkatti deebisuuf qabsoo wal irraa hin cinne gaggeessaa haa jiraatan malee, seenaan waggaa 150 olii, gabrummaa waliif dabarsuudha. Qooqa, aadaa, dudhaa, seenaa gabrummaa jalatti sukkumamu walii dabarsaa har’a geenye jirra. Biyyaa fi Ummati kabajamaan kun garuu har’allee gabrummaa jala jira. Dhalooti har’as , imaanaa abbootii isaa fi akaakilee isaa bakkatti deebisuuf , lubbuu isaa bakka bu’aa hin qabne wareeguuf gama hundaan sochii taasisaa jira.

Guutuu isaa dubbisuuf:- GOOTUMMAAN BARA KEENYA,,,,,,,.docx

Seife Nebelbal Weekly Radio Program/September 20,2013

Aside

Mootummaan Wayyaanee Dargaggoota Oromoo maqaa Miseensummaa ABOn yakkuun hidhuu itti fufe

Aside

Fulbaana 20,2013 Amboo

Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa finiinaa jiruu fi dura dhaabbannaa miidhama mirga dhala namaa itti jiramu hidhaan ala filannoo haaraa kan hin qabne Godina Shawaa lixaa magaala Amboo keessatti dargaggoota mana hidhaatti ukkaamsaa jira. Akka kanaan Fulbaana 19,2013 Mootummaan Wayyaanee waraqaalee dhaadannoo “ABOn Gaachana Ilmaan Oromooti” kan jedhu maxxansitanii jirtan jechuun dargaggoota hojii dhabdoota mana hidhaatti guuraa jira. Kanneen keessaa
1. Dargaggoo Tasammaa Taaddasaa
2. Dargaggoo Gaaromaa Immiruu
3. Shamarree Katamee Gaarii
Jedhaman mana hidhaatti ukkaamsuun reebichaa fi qorannoon dhiibbaa jabaa irraan gahaa jira. Dargaggoota Oromoo kanneen mootummaan wayyaanee warra isaanii jala adhoksuun nyaataa fi uffataan dararamaa jiraachuun isaaniis beekamee jira.
Mootummaan wayyaanee amala kana kan barate Godina Harargee keessattis dargaggoo Ahmed Jeeylan jedhamu maqaa miseensa ABOn yakkuun mana hidhaatti ukkaamsee jira.

Haawaasni Oromoo naannoo Phoenix Ing.Tasfaahun Camadaa fi Oromoota Koofaleetti ajjeefamaniif siirna dungo ibsu gaggeessan

Aside

Fulbaana 19, 2013

TASFU-02Ummatni Oromoo nannoo Phoenix jiraatan walitti dhufudhaan goota oromoo yeroo dhihoo mana hidhaa wayyaanee keessatti haala sukkanneessaa ta’een du’aan adunyaa kana irraa booqoote Ing.Tasfaahun Camadaa fi akkasumas Oromoota jumlaan Koofaleetti  guyyaa saafaa rasaasa wayyaaneedhaan ajjeefaman yaadachuuf qophi gaafa 09/15/13 qophaahee irratti argamuun gadda isaani ibsatan.

Qophi kana irratti senaan goota oromoo Engineer Tasfaahun Chamadaa Engineer Musa Dawudiin dubbifamee jiira. Qabsoo baratoota Oromoo keessatti guubachuun boosana bale seenaa fi bakka guuddaa qabaachuun kan ibsame yeroo ta’u Eerga addi bilisummaa Oromoo Motuummaa ce’umsaa lakkisee baheen booda qabsoon baratootni Oromoo  goodhan faffaca’u irraan kan ka’ee barruulee ebbiifamtoota oromoo maxxansu irratti daangeeffame ture. Motummaan wayyaane kan saamu saamee, kan gurguuratu gurguuratee, ka haafee ammo balleessuu imaammata siyaasa isaa goodhachuun yeroo boosana baaleetti abidda qabsise barattoota oromoo university finfinnee qindeessuudhaan ibida kana dhaamsu irratti akka boobbaafaman goochu keessatti barattoota gahe guddaa xabatan keessa gootichi oromoo Eng. Tesfahun isa jalqabaa ta’uun ibsameera. Barattoonni abiidda kana dhaamsuuf bobbaafaman carraa guuddaa argatan kanatti fayyadamudhaan bosana keessatti ijaaramani akka dallaatti debi’ani goochu keessatti gaheen Eng. Tasfaahuun Chamadaa bara baraan kan seenaa qabsoo barattoota Oromoo keessatti yaadatamaa hafudha.Bara 2000 booda barattoonni oromoo doorsisa, hidhaa fi ajjeechaaf osoo hin jiilbeeffatiin haala daran qindaaheen gaaffi mirgaa fi gaaffi abbaa biyyuummaa daddabalani kaasuun bu’aa goota oromoo Eng. Tasfahun Camadaa fi barattoota yeroo sanatti koree giddu (central committee) keessa turan ta’u seenaatu ragaa baha.

Barattoonni Oromoo yeroo eebbifamani hoojjaa irratti bobbaafaman haala hojii irraan kan ka’een network yokaan walqunnamtiin isaan barattoota dallaatti haafan dukaa qaban laafaa ta’uun  rakkoo qabsoo barattootaa keessaa isa guuddaa ta’uun kan ibsame yeroo ta’u Gootni Oromoo Eng. Tasfaahun Chamadaa kanaanillee kan hin daangeeffamnee fi erga eebbiifame hoojjaa irratti boobba’een boodas commitment ykn of-keennuummaa isaa dachaa dachaatti dabaluun nama qabsoo dukaa hafee fi barattoota birofiillee fakki guddaa kan ta’uu danda’u akka ture ibsameera. Mootummaan wayyaane tuffi ummata keenyaaf qabu irraan kan ka’ee barattoota Oromoo toorcharaan gugguubee mirga yaalamu illee dhoorkuun haala suukkanneessaan akka lubbuun keessaa yaatu goochun kan jalqabaa akka hin taaneef qaroo Oromoo kan akka Alamaayyo Garbaa fi Gaaddiisaa Hirphasaa haaluuma wal fakkaataan mana hidhaa keessatti wareegamuun yadannoo yeroo dhihoo ta’uu wal yaadachisuun Oromoo gumaa gotoowwan isaa baasuudhaan motummaan wayyaanee goochaa qaroo oromoo balleessu irraa akka dhaabbatu yoo hin barsiisne hireen barattootta Oromoo ammallee mana hidhaa keessatti haafani kanaan ala akka hin taane namootni qoophi kana irrati argaman dhaammatani jiiru.

Mootuummaan wayyaane mirga amantaa dhibuun karaa manneen amantaallee qabsoo ummata Oromoo dhukaamsuuf jeecha amantaa haaraa ummatatti fiduun karoora yeroo dheeraa ta’uu kan dhibsee obboo Waqgaariin, ajjeechaan magaala koofaleetti obboolaawwan keenya irratti guyyaa saafaa raawwatame yakka guuddaa ta’uu ibsuun mirgi amanti nuf haa kabajamu jeechudhaan sabootni biroo kan oromoo hin ta’iin illee akka gaafachaa jiirani garu haala nama ajaa’ibsisuun ajjeechaan kan raawwatamaa jiru naannoo Oromoo qoofatti ta’uun ammam dubbichi siyaasa dukaa hidhata akka qabu argisisa jeedhe jiira.

Qophii kana irratti walaloon mata dureen isaa “Maal Dhaammate Gootni” jeedhu Eng. Musaan kan dubbisame yeroo ta’u ummatni sagantaa kanarratti argame ijaaramuun ummata Oromoo balaa dina isaatiin irratti aggaamamaa jiru of irraa qoolachuuf furmaata ta’u ibsuudhaan akkaataatti Hawaasa Oromoo naannoo Phoenix daran jabeessuun danda’amurratti mari bal’aa taasisuun sagantaa isaani milkiin xumurataniru.

Qabsaahaan ni Kuufa Qabsoon itti Fuufa!!!

Phoeinx, AZ          09/15/2013

Raadiyoo Simbirtuu Fulbaana 19,2013

Aside

  • Gaazexessaan Siifan Midhagsaan Tajaajila Media EPRDF Gadhiisuun Daba Wayyaanee Gutummaatti Saaxile.
  • Artistii sagalee fi jechoota midhagoon Oromomoo fi qabsoo Oromoo kan ibsitu, Sabbontittii Oromoo Faaxee Anniyaa

 

SBO Fulbaana 18 Bara 2013

Aside