Fulbaana 1,2013 Haromayaa
Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa keessatti waraqaaleen dhaadannoo ajjeechaa mootummaan wayyaanee Injineer Tasfaahun Camadaa irrattii fi ilmaan Oromoo godina Arsii irratti raawwate balaaleffatan maxxanan. Waraqaaleen dhaadannoo
1. Tokko ajjeestan malee mara hin ajjeesne
2. Gumaa Goota keenyaa ni baasna
3. ABOf wareegamuun kabaja
4. Seenaa goota keenyaa ifa baasna
5. Wayyaanee dhumte waan taateef hin dhamaiin
6. WBOn gaachana
Kanneen jedhan magaala Haramaayaa, Awwadaay, Qullubbii, Dhangaggoo keessatti hedduumminaan maxxanfamanii jiran. Mootummaan wayyaanee hojii qeerroon Godina Harargee bahaa hojjeteen kan dhiphate waraana bobbaasuun poolii elektirikii fi bakkeewwan beeksisni bahanii buqqisiisuuf dirqamee jira. Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu ilmaan Oromoo irraan gahu injifachuun Oromoo waan dhiyaateef Oromoo wal qabadhaa kaaa jechuun qeerroon Harargee bahaa addeessee jira.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk