SBO Caamsaa 1 Bara 2013

Aside

Qeerroo Bilisummaa Yuniversiitii Arbaa Micni Part 3 (Kabajaa Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 2013)

Aside

Goototni Sabboontota Oromoo Biyya Norway Jila Wayyaanee Salphisuun Ergama Irraa Hanqisan

Aside

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo ilmaan Oromoo mana hidhaa jiran dubbisuuf deeman ukkamfaman

Aside

Ebla 30,2013 Ambo

BilisummaaYuunivarsiitiilee jiran mara keessatti gaaffiiwwan miraa barattootni Oromoo gaafatan wayyaaneen yeroo mara hidha,barnoota irraa ariiuu fi ajjeesuun dura dhaabbata.Yuunivarsiitii Amboo keessatti barattoota oromoo mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti sababa tokko malee dararamaa jiran barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Amboo gaafachuuf wayita deemanitti mootummaan wayyaanee mana hidhaatti isaan darbee jira.Barattootni oromoo

1. Barataa Tamasgeen Tafarii barataa Horticulture waggaa 3ffaa

2. Barataa Guutuu Hirphaa Horticulture waggaa 3ffaa

Baratan ilmaan oromoo mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti ukkaamsaman dubbisuuf wayita deemanitti sababa tokko malee mana hidhaatti darbamuun isin ABOtu isin erge, Isin Miseensota ABOti jechuun badii tokko malee mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Gochaan farrummaa mootummaa wayyaanee hanga hireen murteeffannaa uummata oromoo mirkanfamutti tasa kan hin dhaabbanne tahuu hubachuun uummatni oromoo marti dirqama nurraa eegamu akka baanu jechuun qeerroon yuunivarsiitii Amboo dhaammatee jira.

Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti dhiibbaa Wayyaaneen barsiisota irraan gahu jabaachaa dhufe

Aside

Ebla 30,2013 Gabaasa Qeerroo Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee cunqursaa addaa ilmaan Oromoo irratti geessisuu kan aadeffate Naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti barsiisota ilmaan oromoo tahan addatti miidhaa addaaf saaxilaa jira.Barsiisota oromoo mana barumsaa Baloo Jigaa keessaa barsiisan miindaa dhorkachuun qorannaan rakkisaa jiru.Barsiisaa Habtaamuu Oljirraa fi barsiisotni mana barumsaa kanaa gocha farrummaa mootummaan wayyaanee gaggeessaa jiruun rakkachuu irratti argamu.

Dhiibbaa mootummaan Wayyaanee gaggeessaa jiruunis barsiisotni oromoo 12 tahan Godina Kamash aanaa Kamash keessaa gadhiisuuf dirqamanii jiran.Gocha farrummaa kana irratti mootummaa wayyaanee waliin tahuun uummata qeee irraa buqqisaa fi barsiisota ammoo miindaa dhorkachuuf isin diina jechaa kan jiran jala deemtota mootummaa wayyaanee yeroo dheeraa Obbo Fiqaaduu fi Obbo Mazgabuu jedhaman akka tahe ifaan beekamuu dandaeera.Mootummaan wayyaanee basaastota ishee ulee gochuun uummata ittiin doorsisaa jirtu kana dabballootni gocha farrummaa irratti bobbaan hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eeggatu akka hubatan dhaammanna.