SBO Guraandhala 24 bara 2013

Aside

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Jaardagaa Jaartee Ganda Diimaa Jokkee Keessatti Qeerroo Bilisummaa fi Hidhattoonni Wayyaanee Walitti Bu’an.

Aside

Gurraandhala 24,2013 Gabaasa Qeerroo Jartee

OromiaALutaContinua2011FDGMootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa ilmaan Oromoo dura dhaabbachuuf yeroo mara hidhaa,ajjeechaa fi doorsisaan dura dhaabbachaa kan ture yeroo ammaa daran jabeessuun Godina Horroo Guduruu aanaa Jaardagaa
Jaartee ganda Diimaa Jokkee irraa funaanuun mana hidhaa Wayyaanee aanaa kanaa Waajjira Poolisii magaala Aliboo keessatti ukkaamsuun reebichaa fi darara irraan gahaa jira.Dargaggootni aanaa Jaardagaa Jaartee mootummaan wayyaanee mootummaa garboomfataa waan taheef sirni bulchisa isaa nurraa dhaabbachuu qaba jechuun Gabaa Roobiitti walitti dhufuun dhaadannoo dhageessisaa kan turan yoommuu tahu wayyaaneen dargaggoota oromoo isintu gaaffii mirgaa kana qindeessa jechuun mana hidhaatti ukkaamsanii jiraachuun gabaafame.

Dabballeen Wayyaanee aanaa kanaa Bulchinsa aanaa Jaardagaa Jaartee kan tahe Obbo Misikkir Lammii Deebisaa gaaffii mirgaa kanaan baaraguun waraana
bobbaasee ilmaan oromoo mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Dargaggootni
mana hidhaatti ukkaamsaman
1. Barataa Wandee Margaa Galataa
2. Dargaggoo Dobee Mangistuu Haayiluu
3. Barataa Mokonnon Baqqalaa
4. Barata Kabbadaa Filee
5. Dargaggoo Badhaasaa Taaddasaa Hundarraa
Yoommuu tahan kaabinootni aanaa kanaa marti gaaffii mirgaa sirna bulchinsa wayyaanee irratti kau keessaa harka qabdu jedhamuun dabballoota wayyaanee fi amanamtootaan qorannoon rakkamaa jiru.Mootummaan wayyaanee shira kamuu xaxee gaaffii mirgaa dura dhaabbachuuf yaalus warraaqsi bilisa nu baasu nurraati eegama waan taheef qeerroo kai jechuun walii dhaamanii jiran.

Radio Afuura Biyyaa Tamsaasa Gurraandhala 24,2013 Xiyyeeffannaa Tokkummaa Mooraa Qabsoo

Aside

Imalli Simbirtuu Qeerroo Godina Jimmaa Irraa Odeessa Qabdi

Aside

Qonnaan Bultooti Oromoo Godhina Harargee Aanaa Haromaayaa , Maadhee Xinniqee Gochaa Wayyaanee Balaaleffatan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Haromaya Guradhala 23,2013

Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa Ganda Xinniqqee keessatti qotee bultootni Oromoo walitti dhufuun dhimma Wayyaaneen yeroo ammaa sabaa fi sablammoota walitti buusuun hidhattootaan ummata Oromoo naannoo irraa buqisuu fi dhibbaatamaan miidhaa irra geessisan akkasumas dhimma QBO irratti marii gaggeessan.Qotee bultootni Ganda Xinniqqee quunnamtii bua qabeessummaa baratttoota Yuunivarsiitii Haramaayaa waliin tolchuun akeeka goototaa galmaan geessisuuf hojjechuuf waadaa kan seenan yoommuu tahu diina keennya walitti birmannee bilisa baana jechuun mariiatanii jiran.Qotee bultootni ganda Xinniqqee Maadhee XINNIQQEE 01 tti wal ijaaruun gumaata isaan irraa QBOf barbaachisu adda durummaan bahuuf irbuu seenuun ibsa ejjennoo armaan gadii baafatanii jiran.
Ibsawwan ejjennoo
1.Ummanni Oromoo bakkoota adda addaa Oromiyaa keessaa haalaan dararamaa waan jiruuf qabsoo inni godhu bakka gahee hanga mirga argatutti diddaan qotee bulaa itti fufa

2. WBO ni deeggarra,waan barbaachisaan cinaa dhaabbanna
3. Hidhaa,ajjeechaa,saaminsaa fi dhiibbaa mootummaan wayyaanee ilmaan
Oromoo irraan gahu ni mormina
4. Sagaleen qotee bultoota Oromoo fi ilmaan oromoo maraa Addunyaatti
akka dhagaamu ni taasifna
5. Dabballoota Wayyaanee yeroo dheeraa mootummaa wayyaanee jala fiigan
hubannoo gahaa ni kenninaaf
6. Yeroodhaa gara yerootti qotee bultoota hubachiisaa gumaata qotee
bulltoota irraa eegamu ni baana
7. Wayyaaneen garboomfataa waan taheef hanga Bilisummaa qabsoo irraa
hin dhaabbannu
8. Waadaa keenya tikfannee QBO haala kam keessattuu galmaan ni geenya
Kanneen jedhan yoommuu tahu wayyaaneen hidhaa fi ajjeechaa ilmaan
Oromoo irraan gahu wal hubachiisaa maadhee Xinniqqee 01 irraa kaasnee
maadheelee ABO ijaaraa deemna jechuun mariiatanii irbuun goolabanii
jiran.

Dhaamsa Ayyoo Oromoo dhaa

Aside

Duulli Qubee Sirreessuun Barreessuu Gototaa Baratootaa Oromoo Yuunivarsiisii Jimmaatiin Gaggeeffaame.

Aside

Ammaan dura rakkoon barreeffaamotaa Qubee afaan Oromoo Waajjiiraalee Mootummaa TPLF fi OPDO irraa egaalee hangaa barreeffaamotaa Hoteelaa fi manneen Daldalaa garaagaraa Godinaa Jimmaa Magaalaa Jimmaa fi Anotaa Godinichaa keessaatti argamaan keessaatti barreeffaamonnii argaman Qubee Afaan Oromoon yeroo barreeffaaman Seeraa Afaanichaa kan hin egganee fi Ol aantummaa Afaan Amaaraatiin barreeffaamanii kan argaman ta’uun beekamaadha,

Duulli Qubee Sirreessuun Barreessuu Gototaa Baratootaa Oromoo Yuunivarsiisii Jimmaatiin Gaggeeffaame.docx

Qeerroo Sidaamaa: Leemboo

Aside

(Qeerroo, Hawaasaa, 22 Guraandhala 2013) Mootummaan Wayyaanee sabooti biyyattii, keessaayyuu kanneen akka saba Sidaamaa fa’aa irratti daba olaanaa wayita raawwachaa jirutti, Qeerroon saboota kunneenii immoo imaanaa abbootii isaanii harkaa fuudhan eeggachaa, qabsoo diddaa isaanii ittii fufanii akka jiran beekame.

Keessaayyuu Qeerroon Sidaamaa Qeerroo Oromoo waliin walta’uun roorroo wayyaanee ofirraa faccisaa kan jiran yoo ta’u, gamtaa Qeerroolee kunneenii cabsuuf shiraa fi daba karaa addaddaa wayyaanee dhaan irratti raawwatamaa jiru jabinaan ofirraa ittisaa jiran.

Gabaasaan Qeerroo akka Hawaasaa keessa naanna’ee Qeerroo SIadaamaa gaafatee huabchiisetti, Qeerroon Sidaamaa akkuma abbootii isaaniitti mirga biyyaa fi saba isaanii tiksuuf kutatanii hojjachaa jiran.

Dhiyeenya kana illee Qeerroo Sidaamaa keessaa garii isaanii himannaa sobaatiin murtii dabaa itti murteessitee akka jirtu kan yaadatamuu dha.

Qeerroon Sidaamaa garuu diddaa isaanii karaa hundaan itti fufanii kan jiran yoo ta’u, aadaa Sidaamaa deebisanii guddisuunis Qeerroon akka Alamaayyoo Tsaggaa tattaaffii jabaa gochaa akak jiran Qeerroon Bilisummaa Hawaasaa keessaa gabaasee jira.

Shamarran Oromoo Yuuniversitii Adda Addaa Irraa Walitti Dhufan Qooda Qabsoo Daran Jabeessuuf Jecha Ejjennoo Fudhatan

Aside

Gurraandhala 22,2013 Sulultaa

Gabaasaa Godina Addaa naannoo Finfinnee Ona Sulultaa irraa gabaasi Qeerroo  Guraandhala 20 akka addeessutti shamarran Oromoo qooda qabsoo bilisummaa Oromoo bahuu fi sochii Qeerroo daran cimsuuf jecha bakkoota adda addaa irraa walitti dhufuun bifa haalaan gammachiisaan walgahii godhachuun murtii fudhatan.

Shamarran Oromoo bakkoota adda addaa irraa walitti dhufuun ola sulultaa keessatti wal gahan kun irra guddaan isaanii kanneen ammaan dura Yuniversitiilee adda addaa keessatti sochii barattooti Oromoo godhan keessatti qooda guddaa warra fudhataaa turani dha.

Qindeessituun Shamarran Oromoo kanaa yeroo haasaa gootu keessatti qoodi dubartooti Oromoo qabsoo keessatti yeroo dheeraan dura kennaa turanii fi amma illee gumaacha qabsoof jecha wareeega kafalaa jiran gahaatti ibsuun seenaa jaallan wareegamanii kaasuun hirmaatota walgahicha irratti argaman booyichaan akka jaalala qabsoof qaban baafatan ta’ee jira.

Haala kanaan shamarran kun sochii qabsoo qeerroon deemaa jiru jabeessuuf jecha gumaacha maallaqaa gahaa gochuun qindeesitoota Qeerroof akka galchan gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa

Kana malees maadhee Utubaa Oromiyaa jedhamu jalatti of ijaaruudhaan shamarran lakkoofsaan nama 12 tahan,isaan keessaas barattoota yuuniversitii adda addaa irraa boqonnaaf galan,hojjettoota mootummaa fi hojjettoota dhuunfaa akka tahan gabaasaan isaan irraa nu gahe dabalee addeessa.

Dhuma irrattis ibsoota armaa gadii buufachuun teessuma milkiin xumuratan.

  1. Nuti Shamarran Kaayyoo keenyatti cichinee qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf tokkoomnee kaanee jirra.
  2. Qabsoo qindoomina qabuu fi ijaarsa tokkummaatiin uummata keenya waliin  sirna nama nyaataa Wayyaanee  dura dhaabachuun mirga Oromoo kabachiisuuf qophii dha.
  3. Gaachana saba Oromoo WBO cinatti of ijaarree hanga dirree qabsootti deemuuf haalaan kan hin daangeffamneen  murtoon keenya ibsanna
  4. Sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo naannoo Oromiyaa hunda keessatti wal gurmeessinee qindeessuu irratti gumaacha barbaachisu ni kafalla.
  5. Waan qabnuun qabsoo bilisummaa Oromootti hirmaachuun waadaa keenyaa cimsanna

Jedhuun ibsa ejjennoo isaanii lafa keeyatani jiru.

Seife Nebelbal Radio Interviews Sidama Liberation Front Vice Chairman

Aside