Hunda Dura Oromiyaa!!!

Aside

SBO Guraandhala 27 Bara 2013

Aside

Ani daa’ima miti akka joollee na sossobduu….

Wallee Yoonus Abdullaahii fi Hiboo Nuuraa

Ani daa’ima miti na hin sosobiin

Godina Harargee Aanaa Haromayaa Keessatti Diddaan Qonnaan Bultoota Oromoo Itti Fufe.

Aside

Gurraandhala 26,2013 Haroomayaa 

Oromian resistanceMootummaan wayyaanee dabballoota bobbaasuun qotee bultoota dirqamaan hojii isaanii irraa buqqisuun olola siyaasaaf duula Sulula qotaa deemsisaa jiraachuun isaa beekamaa dha.Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa ganda Xinniqqee araddaa gargaaraa keessatti ololli siyaasaa Wayyaanee nu biratti hin hojjetu jechuun qotee bulaan dabballoota Wayyaanee dura dhaabbatan.

Haala kanaan Wayyaaneen namootni baatanii Viidiyoo fi raadiyoon waraabamtanii mootummaan keenyi gaariidha hin jenne qarshii 100n adabamtu jechuun duula qotee bultoota irratti banus qotee bultootni walii galuun mormii dhiyeessanii jiran.Mootummaan Wayyaanee
dabballoota
1. Obbo Zaakkoo Saalii
2. Obbo Abdii Musaqeeroo
3. Angisoo fi
4. Jeeylaan waardiyaa yuunivarsiitii kan tahe
Bobbaasuun uummata afaan qawween doorsisuuf dirqama itti kennitus uummatni basaastotaa fi jala deemtota wayyaanee dura dhaabbatee jira.Yeroo ammaa kanas namootni walgahiitti akka bahan akeekkachiisnii fi waamichi halkanii guyyaa taasifamus uummatni guutummaan wayyaanee didee jira.

Kana malees Dabballootni Wayyaanee uummata doorsisuu,hidhuu fi saamuu kan amaleeffatan magaala Dirree Dawaa saabbiyaan ganda 02 keessatti basaasti wayyaanee federaala tahe Amaanu’eel Taammiruu jedhamu namoota nagaa osoo saamuu uummataan reebamuun saaxilame.Basaasaan Wayyaanee kun dirqama wayyaanee irraa fudhate keesumaa qabeenya sabboontotaa afaan qawween saamuu irratti kan bobbaafame mana Obbo Jundii Shariif saaminsaaf wayita seenutti dargaggootaa Oromoon qabamuun harka sabboontotaan salphatee jira.Mootummaan Wayyaanee magaala Dirree Dawaauummata nagaan waliin jiraachaa jiru keessatti saamtota akkanaan tolchuu ishees odeeffatni qeerroo maagaala kanaa addeessee jira.

Yuunivarsiitii Asoosaa Keessatti Diddaan Barattoota Oromoo Bifa Qindaayaan Itti Fufe

Aside

Gurraandhala 26,2013 Asoossaa

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattoota Oromoo Yuunivarsiitiilee,Koollejjii fi manneen barnootaa gad aanaa keessatti hidhaa fi ajjeechaa mootummaa wayyaaneen kan hin jilbeeffachiifamne itti fufuun barattootni Oromoo fi barattootni hiree wal fakkaataan Imaapera biyyattii keessatti isaan mudate Yuunivarsiitii Asoosaa keessatti nyaata lagatan.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti gaaffiiwwan mirgaa kan bilisummaa barattootaan gaafatamuuf bakka kennuu dhabuun gaaffii dabalataa uumuun barattootni mooraa Yuunivarsiitii Asoosaa kun gaaffiin nuyi gaafannu hanga guutummaan nuuf deebiutti jechuun lagannaa nyaataa taasisanii jiran.

Wayyaaneen gaaffiiwwan mirgaa gaafatamu kallattiin furmaata godhchuu haqachuu irraan hidhaa fi ajjeechaan barnoota irraa ariiuun akka dhaabbatu gaafatan siyaasa gaggeessitu,deeggartoota ABOti jechuun Yuunivarsiitii Finfinnee fi Amboo keessatti barnoota irraa ariiamuu tuquun ni dandayama. Yeroo ammaa kanatti Yuuniversitii Asoosaa keessatti gaaffiin ka’ee jiru,mirgi sabootaa eegamuu hanqachuu fi barattoonni wayita mana barumsaa jiranitti qabeenyii fi lafti maatii isaanii ammoo bakka dhaloota isaanii irraa waan saamamaa jiruuf yeroo boqonnaa isaanii bakkatti galan dhabuu irraan diddaa jabaa mootummaa Wayyaanee irratti kaasuu isaati. Gaaffiilee mirgaa gaafatame kanaan wal qabsiisee mootummaan kun waan isin gaafataa jirtan gaaffii ABO iti deeggartoota ABOti wayita jedhamanitti diddaa itti fufuun lagannaa nyaataa taasisanii jiran.

Wayyaaneen barattootni nyaata lagachuun kan kae baajata nyaataa baes gurguruun basaasaa fi federaalota dhibbaan naqee barattoota doorsisuu irratti argama.Mootummaan Wayyaanee doorsisaan gaaffii mirgaa akka dhaabuu hin dandeenyes qeerroon Yuunivarsiitii Asoosaa addeessee jira.

Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!!