Gurraandhala 25,2013 Finfinnee
Mootummaan EPRDF Wayyaanee gaaffii bilisummaa ukkaamsuun uummata biyyattii garbummaan dhuunfatee itti fufuuf shaakalus hidhaa fi ajjeechaan daran qabsoo uummtaa jabeesse malee jilbeeffachiisees hin beeku.Sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa uummatni Sidaamaa qeerroo waliin tahuun mormii sirna bulchinsa Wayyaanee irratti dhiyeessuun sirni bittaa Wayyaanee amma dhumachuu qaba,ummanni kana irra haacuucaa hifatee waan jiruuf mootummaan kun karaa nagaa aangoo gadhiisuu qaba,Sirni bulchinsa wayyaanee abbaa irrummaadha,Bilisummaa barbaadna jechuun gaaffii mirgaa kaase wayyaaneen dura dhaabbachuuf ilmaan Sidaamaa keessumaa dargaggoota Jumlaan mana hidhaatti guuraa jira.
Haala kanaan diddaa mootummaa irratti kakaafataniittu sababaa jedhuun Gurraandhala 24,2013 Bulchiinsa Sidaamaa aanaa Beensaa keessaa uummata nagaa hedduumminaan kan hidhe yoommuu tahu isaan keessaa
1. Obbo Tashoomaa Dabbabaa
2. Obbo Tasfaayee Hasamoo
3. Dargaggoo Amaaree Dastaa
4. Diikkaa Diirraa
5. Sukkaaree Amadoo
6. Burqaa Buunkisoo
7. Kaanuu Kaayessoo
8. Lankaamoo Kaaloo
9. Lammaa Laalegoo
10. Burqitoo Gaasee
11. Sombolaa Shiifoo
12. Dimbaaroo Chiicholaa
13. Asaffaa Musee
14. Didaamoo Fagoo
15. Narramoo Sombolaa
Jedhaman loltoota Wayyaaneen ukkaamsamuun kanneen mana hidhaatti fudhataman keessatti argamu.Wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti gaaffii mirgaa sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa hidhaa,ajjeechaa,qeee irraa ariiuu,saaminsa,barnootaa fi hojii irraa ariiuu fi kanneen kana fakkaataniin dura dhaabbachuuf yaalus dargaggootni Sidaamaa yoomuu qeerroo waliin tahuun bittaa garbummaa jalaa bahuuf akka hojjetu diinaa fi firaaf dhaamuun sabawwan cunqurfamoo marti harka wal qabachuun gaaffii bilisummaa akka gaafatan dhaamanii jiran.