Ammaan dura rakkoon barreeffaamotaa Qubee afaan Oromoo Waajjiiraalee Mootummaa TPLF fi OPDO irraa egaalee hangaa barreeffaamotaa Hoteelaa fi manneen Daldalaa garaagaraa Godinaa Jimmaa Magaalaa Jimmaa fi Anotaa Godinichaa keessaatti argamaan keessaatti barreeffaamonnii argaman Qubee Afaan Oromoon yeroo barreeffaaman Seeraa Afaanichaa kan hin egganee fi Ol aantummaa Afaan Amaaraatiin barreeffaamanii kan argaman ta’uun beekamaadha,
Daily Archives: February 22, 2013
Qeerroo Sidaamaa: Leemboo
Aside
(Qeerroo, Hawaasaa, 22 Guraandhala 2013) Mootummaan Wayyaanee sabooti biyyattii, keessaayyuu kanneen akka saba Sidaamaa fa’aa irratti daba olaanaa wayita raawwachaa jirutti, Qeerroon saboota kunneenii immoo imaanaa abbootii isaanii harkaa fuudhan eeggachaa, qabsoo diddaa isaanii ittii fufanii akka jiran beekame.
Keessaayyuu Qeerroon Sidaamaa Qeerroo Oromoo waliin walta’uun roorroo wayyaanee ofirraa faccisaa kan jiran yoo ta’u, gamtaa Qeerroolee kunneenii cabsuuf shiraa fi daba karaa addaddaa wayyaanee dhaan irratti raawwatamaa jiru jabinaan ofirraa ittisaa jiran.
Gabaasaan Qeerroo akka Hawaasaa keessa naanna’ee Qeerroo SIadaamaa gaafatee huabchiisetti, Qeerroon Sidaamaa akkuma abbootii isaaniitti mirga biyyaa fi saba isaanii tiksuuf kutatanii hojjachaa jiran.
Dhiyeenya kana illee Qeerroo Sidaamaa keessaa garii isaanii himannaa sobaatiin murtii dabaa itti murteessitee akka jirtu kan yaadatamuu dha.
Qeerroon Sidaamaa garuu diddaa isaanii karaa hundaan itti fufanii kan jiran yoo ta’u, aadaa Sidaamaa deebisanii guddisuunis Qeerroon akka Alamaayyoo Tsaggaa tattaaffii jabaa gochaa akak jiran Qeerroon Bilisummaa Hawaasaa keessaa gabaasee jira.
Shamarran Oromoo Yuuniversitii Adda Addaa Irraa Walitti Dhufan Qooda Qabsoo Daran Jabeessuuf Jecha Ejjennoo Fudhatan
Aside
Gurraandhala 22,2013 Sulultaa
Gabaasaa Godina Addaa naannoo Finfinnee Ona Sulultaa irraa gabaasi Qeerroo Guraandhala 20 akka addeessutti shamarran Oromoo qooda qabsoo bilisummaa Oromoo bahuu fi sochii Qeerroo daran cimsuuf jecha bakkoota adda addaa irraa walitti dhufuun bifa haalaan gammachiisaan walgahii godhachuun murtii fudhatan.
Shamarran Oromoo bakkoota adda addaa irraa walitti dhufuun ola sulultaa keessatti wal gahan kun irra guddaan isaanii kanneen ammaan dura Yuniversitiilee adda addaa keessatti sochii barattooti Oromoo godhan keessatti qooda guddaa warra fudhataaa turani dha.
Qindeessituun Shamarran Oromoo kanaa yeroo haasaa gootu keessatti qoodi dubartooti Oromoo qabsoo keessatti yeroo dheeraan dura kennaa turanii fi amma illee gumaacha qabsoof jecha wareeega kafalaa jiran gahaatti ibsuun seenaa jaallan wareegamanii kaasuun hirmaatota walgahicha irratti argaman booyichaan akka jaalala qabsoof qaban baafatan ta’ee jira.
Haala kanaan shamarran kun sochii qabsoo qeerroon deemaa jiru jabeessuuf jecha gumaacha maallaqaa gahaa gochuun qindeesitoota Qeerroof akka galchan gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa
Kana malees maadhee Utubaa Oromiyaa jedhamu jalatti of ijaaruudhaan shamarran lakkoofsaan nama 12 tahan,isaan keessaas barattoota yuuniversitii adda addaa irraa boqonnaaf galan,hojjettoota mootummaa fi hojjettoota dhuunfaa akka tahan gabaasaan isaan irraa nu gahe dabalee addeessa.
Dhuma irrattis ibsoota armaa gadii buufachuun teessuma milkiin xumuratan.
- Nuti Shamarran Kaayyoo keenyatti cichinee qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf tokkoomnee kaanee jirra.
- Qabsoo qindoomina qabuu fi ijaarsa tokkummaatiin uummata keenya waliin sirna nama nyaataa Wayyaanee dura dhaabachuun mirga Oromoo kabachiisuuf qophii dha.
- Gaachana saba Oromoo WBO cinatti of ijaarree hanga dirree qabsootti deemuuf haalaan kan hin daangeffamneen murtoon keenya ibsanna
- Sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo naannoo Oromiyaa hunda keessatti wal gurmeessinee qindeessuu irratti gumaacha barbaachisu ni kafalla.
- Waan qabnuun qabsoo bilisummaa Oromootti hirmaachuun waadaa keenyaa cimsanna
Jedhuun ibsa ejjennoo isaanii lafa keeyatani jiru.