Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa Gurrandhala 20,2013
Gurraandala 19,2013 Godina Shawaa lixaa aanaa Ejeree keessatti ololli mootummaa Wayyaanee uummataa fi dabballoota isaa yeroo dheeraa biratti fudhatama dhabuun uummatni wal gahii diiguun diddaa agarsiise.Amanamtootni mootummaa Wayyaanee yeroo dheeraa shira mootummaa wayyaaneen wal gahii irratti kaasu dura dhaabbachuun amanamtoota Wayyaanee qaanessanii jiran.Yeroodhaa gara yerootti misooma,misooma jechuun maallqni guuramu eessa gahe? Nuyi oromoo sababa taaneef duwwaa maaliif yoo gaafatne hojii irraa ariiamna? Jechuun dabballootni mootummaa wayyaanee yeroo dheeraa uummatatti ifaan mootummaan Wayyaanee saamuu malee guddina Oromoo fi Oromiyaaf waan hojjetuu fi hojjechaa jirus hin qabu jechuun uummata qabatanii wal gahii lakkisanii jiran.
Mootummaan Wayyaanees diddaa kana kan qindeessu ABO dha jechuun magaala Hoolotaa galumsaa fi bahumsaan waraanaan tiksuu irratti argamti.Waraanaa fi ukkaamsaan gaaffii mirgaa ilmaan oromoo dura dhaabbachuuf garboomfaa fi abbaa irreen xaarus hanga bilisummaa jabaatee akka itti fufu diinaa fi firaaf qeerroon dhaamee jira.