Mootummaan Wayyaanee Gumii Waaqeffanaa Haroo Haramaayaa Dhabamsiisuuf Shirri Inni Xaxe Saaxilame.

Aside

Gurraandhala 12,2013 Haromaya

Namni kamuu amantii barbaade amanuu fi barsiisuun Impaayera Itoophiyaa keessatti barreeffamaan uummata gowwoomsuuf kan taae yoommuu tahu mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun uummata nagaa mana hidhaatti guuraa turuun isaa ni yaadama.Mootummaan wayyaanee waanjoo garbummaa uummata irratti jabeessuun dhimma amantii musliimaa keessa seenuun uummata hidhaa turuun isaa ni yaadatama.

Yeroo ammaa kana ammoo Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti miseensota Gumii Waaqeffannaa Haroo Haramaayaa isin miseensota ABOti,Isiniin kan dhaabee fi gaggeessaa jiru ABOti akeekni keessanis akeeka ABOti jechuun doorsisaa kan ture yoommuu tahu guyyaa mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana Gumii Waaqeffannaa kana balleessuuf karoora jabaa irratti baasuu fi Guraandhala 8/2013 dabballootni wayyaanee fi basaasaan Margaa Taammiruu jedhamu irratti argamuun saaxilamee jira.Gumii kana balleessuuf jalqaba uummata irratti kakaasuun irratti akka hojjetan kan karoorftan yoommuu tahu barattoota uummata hubachiisuuf dhoksaan tahe ifaan deeme yakkamaa gochuun hidhuuf akka karoorfatan saaxilamee jira.Mootummaan wayyaanee dhoksaanis tahe ifaan aadaa fi seenaa,amantii fi duudhaa ilmaan oromoo balleessuuf halkanii fi guyyaa hojjechuu ishii hubachuun ilmaan oromoo harka wal qabachuun falma bilisummaatti akka kaanu jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Haramaayaa dhaammatee jira.

Itti Hin Baacu Gamni

Aside

(Qeerroo, 12 Guraandhala 2013) Humni ummata bal’aa guddaa fi ulfaataa, kan akka galaanaa nama nyaatu ta’uu kanneen hubatanii beekan, bulchitooti qaroo fi hayyuu sagalee ummataaf kabaja kennuu akka qaban maanguddoonni Oromoo dhaamsa karaa wallee dabarsan.

Hayyuu fi waayyuu Oromoo kan ta’an Maammoo Gadaa wallee warraaqsaa gidduu kana ummataaf gad-dhiisanb keessatti gamni sagalee ummataaf kabajaa kenna malee itti hin baacu jechuun kanneen imaammata abbaa irrummaan masakamaniif  akeekachiisa dabarsanii jiru.

 

 

Uummanni Godina Wallaggaa aanaa Anfilloo Ganda Yattii Diddaa Kaasaniin Sabboontoti Oromoo Sadii Hidhamana

Aside

Gurraandhala 12,2013 Anfilloo
Gabaasaa godina Qellem Ona Anfilloo ganda Yattii irraa addeessuun kaleessa Guraandhala 11 uummanni walgayii Wayyaaneen waamtu dhiyeessitu irratti ilaalcha ABO fudhattanii kaayyoo fi imaamata mootummaa Wayyaanee feshelleessuuf gufuu qabsoo misoomaa jedhuun uummata irratti komee qabdu dhiyeessuun uummannis dararamuu fi dhiphachuu irraa faayidaa maalii nuuf gootaan jedhuun walgayii wayyaanota feshelleessanii galan. Kana irratti sammuu uummata keenyaa kan jijjiiraa jiru, ABO waliin hidhata uumuudhaan diina keenya jedhanii yakkuudhaan namoota sadii mana hidhaatti reebama akka jirantu gabaasaan qeerroo addeessa.Namoonni kunis:

1.Fissahaa Aseffaa

2.Kaachoo Ligdii

3.Mallasee Asinaaqee kan jedhaman mana hidhaa galchanii garmalee reebaa akka jiran gabaasaan addeessa.

Kanneen hafan kaanis akeekachiisaa fi doorsisa Wayyaanotaa jala akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.