MATAA NU MARAA JIRUU !!! Kutaa 2ffaa

Aside

Barruu QeerrooY.G(2005)

Yaadachiisa:-

Barruun mata duree “Mataa nu maraa jiru ”miidhama keenya bara baraan himachaa jiraachuuf jecha sirnoota durii irraa kaasee kan dubbatu miti. Kutaa sadiin kan xumuramuudha.. Mataa nu maraa jiruun, keessa keenyaan akkamiin akka mataa nu maraa jiran, saboota biroo keessaan akkamiin mataa akka nu maran fi wayyaaneen deemsa keenya sodaachuu irraa mataa nu maruuf kan arreedaa jirtu keessatti argattu. akeeki barruu kanaa waa sadii irratti xiyyeeffata

MATAA NU MARAA JIRUU !!!!!!!!!!!!!!!!!! (kutaa 2ffaa).docx

Shamarran Oromoo Qooda Qabsoo Bahuuf Lixa Shawaa Keessatti Ijaaramuu Isaanii Beeksisan

Aside

Gurraandhala 11,2012 Amboo 

QBO galmaan gahuuf shamarran Oromoo irraa qoodni jabaan eegama jechuun shamarran Godina Shawaa lixaa magaala Jalduu marii gaggeessuun maadheen of ijaaran.

Qabsoo Bilisummaa Oromoo galmaan geessisuuf qoodni shamarran Oromoo gochaa turan guddaa dha.Galma gahumsa QBO keessattis gahee guddaa taphatu.Shamarran Oromoo Godina Shawaa lixaa magaala Jalduu keessaas QBO galmaan geessisuuf maadheen of ijaaruun gahee oromummaa bahuuf murteessanii jiran.Shamarran kunneen wayita mootummaan Wayyaanee keessi isaa nyaatamee fi tokkummaan Oromoo daran jabaachaa diinotni

Oromoos ifaan saaxilamaa dhufanitti ilmaan Oromoo harka wal qabachuun kauu qaba qabxii jedhu irratti marii jabaa gaggeessanii jiran.Shamarran oromoo 10 fi dargaggoo 2 tahuun walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii gaggeessan Maadhee Lalistuu lakkoofsa 1 fi Lakkoofsa 2 jalatti of hiriirsuun gumaata barbaachisu gochuuf waadaa seenanii jiran.Qabsoo kamuu keessatti qoodni shamarranii qooda dargaggootaa gad akka hin taane hibachuun shamarran oromoo hidhannoo fi kutannaan QBOtti akka makamanis dhaammachuun ibsa ejjennoo armaan gadii baasanii jiran.
1. Qabsoo Bilisummaa keessatti qooda keenya haala kam keessattuu ni baana
2. Hojii hojjetamu gamaggamaa fi madaalaa shamarran oromoo guutuu biyyattii ni dhaqqabsiisna
3. Ilmaan oromoo QBO galmaan gahuuf akeekkatan waliin tahuun ilmaan Oromoo waadaa tiksuun bilisa ni baasna
4. Hidhamtootni siyaasaa akka hiikaman waamicha dabarfanna
5. Dirqama dhaabaa kennamu ni baana
6. Gocha farrummaa wayyaaneen shamarran irratti yuunivarsiitiilee keessatti waraana bobbaasuun taasisu ni mormina Kanneen jedhan ibsa ejjennoo lafa kaawwachuun galmaan gahuufis irbuu seenanii jiran.Shamarran marii kana irratti argaman gammachuu fi haamileen kan itti dhagaame tahuu ibsachuun marii isaanii tokkummaan goolabanii jiran.

Barsiisoti Oromoo Diddaa Qeerroo Qindeessitu Sababa Jechuun Yakkaman.

Aside

Gurraandhala 11,013 Dambi Doolloo

Mootummaan Wayyaanee sabboontotaa fi qabsaawota ilmaan Oromoo yeroo irraa yerootti sababoota ABO deggertu FDG qindeessitu jechuun hidhuu fi biyyaa ariuu caalaatti ammo qabeenya saamuu aadaa godhatee jira. Haala kanaan godina Wallaggaa aanaa Qeellam mana barumsaa qophaayina Qeellem keessaa barsiisaa beekamaa fi ummata naannoo biratti kabajaa qabu Akliiluu Hordofaa Gurraandhala 2,2013 irraa kaasee ukkaamsee bakka buutee isaa dhabamsiisee ture.Yeroo ammaa kana garuu akka mana hidhaa Dhiddeessaa keessatti haalaan miidhamee fi dararamee akka argamu gabaasi qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.

Kana malees naannoo aanaa Innaangoo irraa barsiisota lama Maaster Fisahaa Qalbeessaa fi Caalii Hordofaa jedhaman mana hidhaa Gimbiitti akka geessee jiru qeerroon gabaasa.

Ummanni Oromoo fi hojjettooti Oromoo maqaa fincila Qeerroo qindeessitu jedhamuun hidhamaa fi dorsifamaa akka jiran beekamaa dha.