Gurraandhala 08,2013 Asoosaa
Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti bittaa umurii isaa dheereffachuuf tooftaan itti fayyadamu keessaa uummata biyyattii hidhaa,doorsisaa fi ajjeechaa fayyadamuun yommuu tau naannoo Beenishaangul gumuz aanaa addaa Toongoo keessatti yeroo ammaa Wayyaaneen uummata hidhuu fi doorsisuu keessatti argama.
Bulchaan Godina kanaa Obbo Ahmed Naasir mootummaa Wayyaanee waliin harka walitti hidhachuun uummata nagaa mana hidhaatti guursisaa jira.Keessumaa ilmaan Oromoo hojii mootummaan ramadamanii naannoo kanaa jireenya isaanii gaggeessaa jiran waraana bilsummaa Oromoo nyaachistanii obaastu maqaa jedhuun mana hidhaatti guuramaa jiran.Namootni nagaan 9 mana hidhaa Wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu isaan keessaa
1. Darajjee Tarrafaa Hojjetaa mootummaa
2. Hasan Suleeyman hojjetaa mootummaa
3. Amsaaluu Dalasaa daldalaa
4. Efreem dargaggoo
Keessatti argamu.Yeroon ammaa yeroo uummatni biyyattii mirga isaa falmachuuf kae tahuu hubachuun mootummaan wayyaanee mana hidhaatti guuraa jira.Mootummaan Wayyaanee keessi isaa bullaaee wayita jirutti uummatni gamtaan loluun itti gaafatama yeroodha jechuun qeerroon dhaammatee jira.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk