Gurraandhala 03,2013 Jimmaa
Gaaffii mirgaa barattootni mooraa Yuunivarsiitii Jia darbe keessa dhaabbatan mootummaan Wayyaanee doorsisaa fi waraanaan dura dhaabbachaa turuun isaa ni yaadatama.Yeroo ammaa kanas mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa barattoota irraa mudachaa jiru dura dhaabbachuuf barattoota mooraa kanaa isintu qindeessa,gaaffii akka gaafatab barattoota kan kakaasu isini jechuun barattoota sadii waggaa tokkoof barnoota irraa yoommuu ariiu barattoota 4 tti ammo akeekkachiisa dhumaa dabarsee jira.Mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti barattoota ariiuu fi hidhuu kan jabeessaa dhufe yoommuu tahu barattoota kanneen ariiuu fi akeekkachiisuun gaaffii mirgaa hin dhaabu jechuun qeerroon yuunivarsiitii Jimmaa ibsee jira.Barattootni ariiaman barattota eebbifamtoota yoommuu tahan isaanis
| Lakk |
Maqaa barataa |
Muummee |
Waggaa |
Adabbii |
| 1 |
Barataa Moosisaa Kitilaa |
Electrical Engineering |
5th |
Waggaa tokkoof barnoota irraa ariiame |
| 2 |
Barataa Atsbayaa Balaay |
Mechanical Engineering |
3rd |
Waggaa tokkoof barnoota irraa ariiame |
| 3 |
Barataa Taarikaayyoo H/Maariyaam |
Midwife |
3rd |
Waggaa tokkoof barnoota irraa ariiame |
| 4 |
Barataa Abbabaa Isheetee |
Chemistry |
3rd |
Akeekkachiisa xumuraa |
| 5 |
Barata Biraanuu Shewaangizaw |
Civil Engineering |
3rd |
Akeekkachiisa xumuraa |
| 6 |
Barataa Boshaa Kumarraa |
Mechanical Engineering |
5th |
Akeekkachiisa xumuraa |
| 7 |
Barataa Taaddasaa Mogos |
Mechanical Engineering |
3rd |
Akeekkachiisa xumuraa |
Yoommuu tahan mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa hidhaa fi barnootaan dura dhaabbachuuf akeekkatus yeroodhaa gara yerootti gaaffiin mirgaa mootummaa wayyaanee cinqaa jiraachuun isaa beekamaa dha.Jala deemtotni mootummaa wayyaanee harka mirgaa mootummaa wayyaanee tahuun sabboontota dabarsitanii diinaaf kennaa jirtanis akka of qusattan qeerroon dhaamsa jabaa dabarsa.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk