Gurraandhala 1,2013 Baakkoo
Qabsoo Bilisummaa oromoo galmaan geessisuuf wareegamni qotee bultootaan gaggeeffamaa ture daangaa hin qabu.Yeroo ammaa kanas QBO gaggeeffamaa jiru galmaan geessisuuf qotee bultootni Godina Shawaa lixaa magaala aanaa Baakkoo keessaa gochaa hammeenyaa ummata Oromoo irratti ta’u dura dhaabbachuuf jecha qotee bultoota Horroo waliin walitti dhufuun marii gaggeessan.Qotee bultootni kunneen
- Ilmaan keenya akka bineensaa manneen barnootaa keessatti adamsamuun hanga yoomiitti?,
- Nuyi qe’ee keenya irraa buqqaanee qe’ee dhabeessa kan taanu hanga yoomiitti?
- Gibirri humnaa ol kan nutti fe’amuu fi gabaa bilisaan dhorkamnu kun xumurri yoomi?
qabxiilee jedhan kaasuun tokkummaan ilmaan oromoo murteessaa akka tahe ibsuun mootummaan wayyaanee yeroodhaa gara yerootti qotee bultoota gowwoomsuun maqaa misoomaan bittaa umrii isaa dheereffachuu ibsatanii jiran.Fuulduratti quunnamtii bu’a qabeessummaan itti fufuun qotee bultoota Oromiyaa mara hammachuun gaaffii mirgaa kaasuuf murteessuun ibsa ejjennoo armaan gadii kana baafatanii jiran.
- Mootummaan wayyaanee hanga aangoo irraa darbamutti qabsoo keenya cichinee itti fufna
- Ilmaan keenya mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti ukkaamsaman akka gadhiifaman ni gaafanna
- Gibira mootummaa wayyaanee hin kaffallu
- Waraana Bilisummaa Oromoo ni nyaachisna,Obaasna,Iccitii isaaniis ni tiksina
- Dabballoota mootummaa wayyaanee ilmaan oromoo garbummaa jalatti hambisuuf kurukuran ni balaaleffanna
- Mootummaan wayyaanee badii balleessaa turetti seeraan akka gaafatamu ni iyyanna
- Qe’ee irraa buqqa’uu fi saaminsa ni mormina
Kan jedhan erga baafatanii Koree Hojii raawwachiistuu ”BIIFTUU JAALLAN QOTEE BULTOOTAA” jechuun moggaasanii dirqama wal irraa fuudhuun galmaan gahuuf waadaa seenuun milkiin xumuranii jiran.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk