Barttoota Oromoo Yuunversitii Wallaggaa

Aside

Amajjii 22,2012

Amajjii 21/2013 Kaleessa galgala Tapha kubbaa Milaa Afrikaa Kibbaatti Ethiopia fi Zaambia gidduutti taphatama turee irratti Alaabaan ABO Dirree kubbaa Miilaa keessaa bololi’uun Addunyaa fi Wayyaaneetti argisiifamuun uummaannii gammaachuun guutamee Dargaggoonnii fi Ummaannii Oromoo Godina Bahaa Wallaaggaa Magaalaa Neqeemtee Halkaniin magaalaa keessaa naannaa’uun ” Korma Guduruu ABO Leencumaa Duruu” kanarraa maltuu dhufaa ilmii Oromoo fi Alaabaan Oromiyaa Addunyaa keessaa gulufaa” jechuun sirbaa kan buulan ta’uu Qeerroon gabaasee jira.

Galgaluma sanaa Baratootni Yuunivarsiitii Wallaaggaa gammachuun liqinfamanii iyyaa kan turaan ta’uu ibsuun mooraa yuunivarsiitii keessaa gara magaalaatti akka gadii hin baanee humna poolisaatiin kan dhorkamaa bulaan ta’uu Qeerroon gabaasee jira. kana malees diddaan FDG mooraa Yuunivarsiitii Wallaaggaa keessaatti jabachuutti kan jiruu qeerroon nu hubachiisee jira.

Tapha Kubbaa Miillaa A/Kibbaatti Ta’een Alabaan ABO Mul’teen Uummanni Anfillo Gammachuun Wallee Dhageessise

Aside

Amajjii 22,2013 D.Doolloo

Gabaasaa Godina Qellem Ona Anfilloo irraa Amajjii 21 addeesssuun kaleessaa tapha kubbaa miillaa Afriikaa Kibbaatti gaggeeffameen Alaabaa ABO mul’achuu isaa irraan uummanni magaalaa Anfilloo Muggi keessatti sirba qabsootiin jalee wayyaanee garaa gubaa turan. Akka odeessa qeerroo ona kanaatti argamuu Alaabaa ABOtiin namni taa’ee tapha kubbaa san hordofulle hin turre uummanni balal’uu Alaabaa ABO dirree kubbaatti arguudhaan sirbaan,waraqaa barreessuudhaan hamma halkan keessaa sa’a 4:30tti sirba qabsoo “Hibboo …..Hiph…… Kallacha Qabsoo Uummata Oromoo…..ABO jedhuun sirba Eebbisaa Addunyaa sirbuudhaan uummatni wal dammaksee jira jedha Qeerroon ona Anfilloo irraa addeessu,waraqaan barreeffame waajjira OPDO jalatti kan maxxanfameedha.Hidhataan wayyaane magaalaa Anfilloo,Muggiin jiru afaan qabatee,garaatu gubatee jiraachu isaa Qeerroon gabaasee jira.