Qeerroon Yuunivarsiitii Asoosaa dhimma QBO irratti marii gaggeessaniin booda gaaffii mirgaa kaasan.

Aside

Amajjii 16,2013 Asoosaa
Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti gaaffii mirgaa barattoota oromoon gaafatame mootummaan Wayyaanee dura dhaabbachuuf mana hidhaatti ukkaamsuun isaa ni yaadatama.Gaaffiin mirgaa ukkaamsaan hin dhaabbatu jechuun barattootni oromoo Yuunivarsiitii Asoosaa walitti dhufuun marii erga gaggeessanii ibsa ejjennoo armaan gadii kana baafatanii jiran.Ibsawwan ejjennoo kunneen

1. Hidhaa fi ajjeechaan hanga dhaabbatu qabsoo irraa hin dhaabbannu

2. Mootummaan wayyaanee garboomfataa waan taheef aangoo irra akka buu iyyanna

3. Sagaleen ilmaan oromoo fi sabawwan cunqurfamoo biyyattii keessaa Addunyaatti akka dhagaamuuf dirqama keenya ni baana

4. Paarlamaan biyyattii dhugaa uummataa dhoksu addunyaan akka nuu dhagauu fi hubatu iyyanna

5. Miseensota OPDO tahan hubachiisuun QBO galmaan ni geessisna

6. Waadaa galle haal duree tokko malee ni baana

Barattootni Oromoo kunneen QBO galmaan geessisuuf kutannaan hojjechuuf waadaa erga walii galanii booda sabawwan cunqurfamoo uummata Gambeellaa waliinis walitti dhufuun haala biyyattii irratti marii gaggeessanii jiran.Koreen Hojii raawwachiistuus ilmaan Oromoo fi sabawwan cunqurfamoo Gambeellaaf kan filaman yoommuu tahu dargaggootni Gambeellaa ilmaan Oromoo waliin tahuun mootummaa Wayyaanee aangoo irraa darbuuf hojjechuu isaaniitti ilmaan Oromoof galata galchaa gammachuu isaanii ibsatanii jiran.

Kana malees Qeerroon Yuuniversitii Asoosaa barattooti Oromoo Yuniversitii Fifineetti gaaffii mirgaa gaafataniif deebiin mootummaa Wayyaanee irraa kenname reebichaa fi hidhaa waan ta’eef dhimmi kun akka hatattamaan dhaabbatuuf ifatti xalaaa bulchiisa mooraa Yuniversitichaaf barreessanii jiraachuun gabaafame.

Qeerroon Yuunivarsiitii Miizan Teeppii dhimma QBO irratti marii gochuun ibsa ejjennoo baafatan

Aside

Amajjii 16,2013 Miizaan Teeppii

Garbummaan mootummaa wayyaaneen gaggeeffamaa jiru yeroo kamuu caalaa jabaachuu isaa fi dura dhaabbachuun yeroon isaa amma jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Teeppii walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii erga gaggeessanii booda ibsa ejjennoo lafa kaawatanii jiran.Mootummaan wayyaanee wayita keessa isaa irraa amantii dhabee fi abbaa irrummaan isaa mirkanaaetti gumaatni adda durummaan nurraa eegama jechuun qeerroon marii gaggeessee jira.Marii isaaniis eebbaan kan jalqaban ibsa ejjennoo armaan gadii baasuun waadaa walii seenanii jiran.Ibsi ejjennoos:-

1. Hidhaa, Dararamaa, Ajjeechaa, Ukkamsanii gara dabarsuu, Arraabsoo, Tuffii, Jibbinsaa , fi Gabrummaa Ummataa Keenyaa irraattii Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee gochaa jiruu cimsinee ni balaaleffaanna.

2. Roorroo Diinaan Uummata Oromoo fi Biyyaa Keenyaa Oromiyaa irratti dalagamaa jiruu dhabamsiifnee Ummataa Oromoo bilisoomsuuf irree tokkoon jabaannee ni hojjeenna.

3. Gaaffiin Barattootaa Oromoo kallattii Garaagaraan gaafatamaa ture gaaffii keenya, Ummaanni Oromoo hangaa Bilisummaa isaa gonfatutti gaaffii mirgaa hiree murteeffaannaa uummata keenyaa jabeessinee itti fufna.

4. Uummaanni Oromoo Mootummaa wayyaanee qabeenya ilmaan oromoo saamaa fi samsiisaa,ilmaan Oromoo barnotaa irraa Ajjeeesisaa fi hiisisaa jiruuf gibiraa fi galiiwwan mootummaa wayyaaneef tahan akka hin kaffalle ilmaan oromoo ni barsiisna.

5. Filannoo kijibaa Mootummaan Abbaa irree biyyaa keessaatti gaggeessaa jiru saaxiluun mootummaan wayyaanee abbaa irrummaa tahuu addunyaatti akka beekamu jabeessinee ni hojjenna.

6. Hidhamtootni siyaasaa biyyattii keessatti maqaa shorokeessummaan hidhaman haal duree tokko malee akka gadhiifaman gumaata nurraa eegamu ni baana.

7. Mootummaan Wayyaanee hanga aangoo irraa buutti wareegama barbaachisaa kaffallee waadaa keenya tikfachuun ilmaan oromoo ni ijaarra,ni barsiifna,gaaffii mirgaaf ni qopheessina. Kan jedhan yoommuu tahan mootummaan wayyaanee dhiibbaa barattoota oromoo irratti geessisaa ture yaadachuudhaani.

SBO Amajjii 16 bara 2013

Aside

Gumiin waaqeffannaa Haroo Haramaayaa shira Wayyaanee dura dhaabbatan.

Aside

Amajjii 15,2013 Haromayaa

Barattootni oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa Gumii waaqeffanaa Haroo haramaayaa aadaa fi amantii keenya guddisuuf eeyyama hin gaafannu jechuun shira mootummaa wayyaanee dura dhaabbatan.Mootummaan wayyaanee Gumii waaqeffannaa Haroo Haramaayaa bara 2009 dhaabbate isin QBO tarkaanfachiisaa jirtu malee dhimma waaqeffannaa gaggeessaa hin jirtan jechuun uummata naannoo waaqeffannaan kun itti gaggeeffamu irratti kakaasuu fi barattoota gara waaqeffannaa kanaa deemanis maqaa miseensa ABO yakkaa jira.Miseensotni Gumii waaqeffannaa Haroo Haramaayaa aadaa fi amantii isaanii barsiisuuf mootummaa wayyaanee irraa eeyyama akka fudhatan wayita dirqisiifamanitti nuyi aadaa fi amantii keenya barsiisuuf eeyyama hin barbaanu jechuun mootummaa wayyaanee jala dhaabbatanii jiran.Waardiyootni mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa ilmaan oromoo gara bakka waaqeffanaa kanaa deeman akka dhorkan dirqamni itti kennamus barattoota waliin tahuun dirqama wayyaanee fashalsanii jiran.