Ka’i Oromoo!!

Aside

JAN. 25 * DC * RALLY FOR HUMAN RIGHTS, AGAINST INJUSTICE

Barattootni Oromoo Y uunivarsiitii Finfin needhaa hidhaman maq aa shororkeessumaan himataman.ABO dhaaba mirga namaaf dhaaba tu malee dhiibu miti jechuunis qorattoot a Wayyaanee qaanessa n!

Aside

Amajjii 15,2013 Finfinnee

Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti gaaffiiwwan mirgaa gaafataman mootummaan Wayyaanee maqaa shororkeessummaan shakkuun barattoota Oromoo 28 himata Gaarii Tolliinaan waamaman mana murtiitti dhiyeesse.Guyyaa haraa mana murtii Gullallee dhageettii haqaa fi himataatti dhiyeessuun beellama torbaan Jimaataatti qabuun barattootni barnoota isaaniitti akka hin deebine gochaa jira.Dabni mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo irratti taasifamaa jiru daran jabaachaa kan dhufe yoommuu tahu yeroo ammaa daran rakkisaa fi hammaataa tahee jira.Mootummaan wayyaanee tika mootummaa wayyaaneen ilmaan Oromoo fi habashaa walitti buusuun shira xaxe jalaa miliquuf ilmaan oromoon isintu kana godhe,ABOtu isinii kaffalee kana akka gootan taasise jechuun rakkisaa jiru.Ilmaan Oromoo mana hidhaa keessattis ABO mirgi namaa akka kabajamu malee akka dhiitamu dhaaba barbaadu miti jechuun ifaan mootummaa Wayyaanee qaanessanii jiran.

Oromoonni Ala Jiran Lammiilee Oromoo Biyya Keessaa Hidhamaniif Akka Dirmatan OSAn Waamicha Taasise.

Aside

LOON ABBAAN GAANFA CABSEE, ORMI IJA JAAMSA

Aside

Y.G (2005)

parchment 7Ummati Oromoo Biyya keessa jiru , hiraarrii dhala Namaa irratti hin raawwatamneetu irratti raawwatamaa jiraachuu guyyuu dhaga’amaa jirra. Wayyaaneen abdii kutannaan , miidhaan Ummata kana irraan ga’a jirtu , guyyuu dabalaa deemuu hundatu taajjabaa jira. Waggoota 21 dabran kana miidhaan gama hundaan Ummata Oromoo irra ga’aa jiru, kan baroota dhibbaa dachaa ,dachaan caala. Namummaan keenya, Sabummaan keenya, Qabeenyaan keenya, aadaan keenya Barbadeeffamaa jira. Dhalooti itti aanu beekumsaan, Ogummaan , Barnootaan, Namummaan hegareen isaa akka karaa hin qabanneef shirri waggaa 50tu of irraa baasuu hin dandeenyetu irratti hojjatamaa jira. wayyaanoonni fi waa’eellan isaanii , Biyya Itoophiyaa jedhamtu kana yoo xiqqaate waggaa 50f bulchuu fi yoo itti milkaa’aniif bara baraaf Ummatoota Biyyatti hacuucanii bituuf karoora lafaa qaban irraa ka’nii , sadarkaa 1ffaatti Ummata Oromoo fi qabasoo isaa irratti xiyyeeffatanii hojjachaa jiran.

LOON ABBAAN GAANFA CABSEE, ORMI IJA JAAMSA !.docx