Qeerroon yuunivarsiitii Wallaggaa waraqaa waamichaa raabseen ayyaanni guyyaa sabaa fi sablammii Wayyaanee harkatti fashale.

Aside

Muddee 05,2012 Naqamte

Yeroo ammaa akkuma beekamu mootummaan wayyaanee olola afaan faajjessaa mirgi sabaa fi sablammii biyyattii keessaa kabajameera maqaa jedhuun Guyyaa sabaa fi sablammii kabajaa,kaan ammo qophii taasisaa jira.Garuu akeekni mootummaa wayyaanee qeerroon bakkeewwan garaa garaatti fashalaa jira.Television fi raadiyoon uummata gowwoomsuu akka hin dandeenyee fi mirgi uummattoota Impaayera biyyattii akka hin kabajamne qeerroon yuunivarsiitii garaa garaa keessatti dura dhaabbachuun akka fashalu taasisee jira.

Mudde 03/2012 Yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti mootummaan wayyaanee guyyaa sabaa fi sablammii barattootni oromoo akka kabajan waamicha dabarsus barattootni kun olola diinaati,Kana waliin wayita dhaabbannuu fi kabajnu hin qabnu jechuun hafan.Mootummaan wayyaanee fi Bulchinsi mooraa barattoota kumaatamaan kabajsiisuuf akeekkatus barattootni bahuu diduun wayyaanee rifaasisee jira.Ololli mootummaan wayyaanee qopheesses fashalee jira.Miseensotni DH.D.U.O mooraa yuunivarsiitii keessaa waamicha isaan dhaqqabeen QBOtti makamuun guyyaa sabaa fi sablammii irrattis hirmaannaa dhiisanii jiran.Waraqaalee waamichaa Mudde 02/2012 galgala sabboontotni oromoo raabsaniin ololli siyaasaa wayyaaneen ittiin bittaa umrii isaa dheereffachuuf akeekkate qeerroon fashalee jira.Guyyaan sabaa fi sablammii kunis baayina barattootaa kanneen mootummaa wayyaanees amanamaa tahanii fi ilmaan habashaa muraasaan fakkeessanii jira.

Injifannoo uummata oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

SBO Mudde 05 Bara 2012

Aside

Hordoftootni Gumii Waaqeffannaa Haroomayaa gargaarsa hatattamaa barbaadu

Aside

Muddee 04,2012 Haroomaya Gaaffii fi deebii gumii Waaqeffannaa waliin taasifame

Barattooti Oromoo FDG Mooraa University Jimmaa Keessaatti Kaasan Jabachaa deeme.

Aside

Muddee 04,2012 Jimma

Gabaasa Muddee 3,2012 FDG Mooraa University Jimmaa keessaattii jabaatee itti fufuun guutummaan Mooraa University Jimmaa waaree boodaa humna Waraanaa Muutummaa Wayyaanneen guutame.

diddaa barattootaGootonni Baratootaa University Jimmaa  dhagaadhaan humnaa Waraanaa Motummaa Wayyaanee jala dhaabbaachuun gabaafame.  Baratootaa Oromoo dabalatee sabaa fi sablammoonnii baratotnii biyyaattii mooraa University Jimmaa irraa barachaa jiran FDG Qeerroon Bilisummaa gaggeessaa jiruu sirriidhaa waan ta’eef jechuun keessaattii qoodaa fudhachuu egaaluun kun isaa jalqabaa fi kan itti fufiinsaa qabuu ta’uu gamtaan Qeerroo University Jimmaa Ibsee,itti dabalun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Sabaa fi Sablammoonnii hiree fakkataa Ummataa Oromoo waliin qabdaan gamtaadhaan kaanee mirga keenyaa haa kabachiifannuu jechuun ibsa gochaa jira.Kanumaa hubachuun  goototni baratootaa University Jimmaa guyyaa kaleessaa ganama irraa kaasuun hanga ammattii [sa’atii 24]guutuu nyaataa dhaabuun sagaleen keenyaa nuu haa dhagahamuu gaaffii qabna gaaffiin keenyaa dhageettii haa argatuu gaaffii keenyaa nurraa fuudhaa deebii nuf kennaa!!!

Hoggantoonni siyaasaa Wayyaanee ykn EPRDF  mirgaa Sabaa fi Sablammiitu kabajamuu qaba jettaanii ololaa mirgi keenyaa ammo baroota dheeraaf sarbamee jira. Gama biraan Ayyaanni sabaa fi sablammootaa yeroo ammaa EPRDF ittiin olalaa jiru gaaffii hundee fi mirga sabi Oromoo gaafachaa jiru bakka hin bu’u!! jedhanii jiru.yeroo barattooti didan

Haaluma kanaan dabballoonii fi humnooti tikaa akkasumas poolisoonni sirnichaa barattoota keessa deemuun kan gaaffii fuudhu Dr Firqee dha inni ammo yeroof naannoo hin jiru jechuun barattoota itti haahiman malee diddaan hanga ammaa itti fufee jiraachuu qeerroon gabaasa.

Haala kanaan qabanaawuu dadhabuu irraan humni waraana Wayyaanee konkolaataa Oraalii 4 dallaa mooraa Yuniversity ol seenuun qubatanii akka jiran eekame.Qeerroon gootota wareegaman shaamaa qabsiisuun yeroo yaadatu

Walumaa gala itti baha haala kanaa Qeerroon jala bu’ee ni gabaasa.

Yuunivarsiitii Haramaayaa Keessatti Guyyaan Ayyaana Sabaa fi Sablammii Jechuun Wayyaanee Qopheeffatte Fashale.Tokkummaa Barattoota Oromoon Bulchinsi Mooraa Yuunivarsiitichaasa Wayyaaneen Qoratame.

Aside

Muddee 04,212 Haromaaya

Mootummaan Wayyaanee bittaa umrii isaa kan ittiin dheereffatu keessaa tokko oloa dharaa foddaa TV fi Raadiyoon gaggeessuun uummata gowwoomsu dha.Kana keessattis guyyaan ayyaana sabaa fi sablammii bakka guddaa qabata.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti tokkummaa uummattoota Impaayera Biyyattii keessaa diiguuf wal waraansisaa,Wal ajjeesisaa ture,amantii keessa seenuun uummata shororkeessaa ture mirgi sabaa fi sablammii biyyattii keessaa kabajamee jira jechuun guyyaa sabaa fi sablammii qopheessee jira.Tooftaan Wayyaanee kun uummata biyyattii birattis saaxilamee jira.Wayyaaneen garuu akkuma karoorfate abdii kutannaa dhabuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti Mudde 02/2012 barattootni guyyaa sabaa fi sablammii akka kabajan qopheessus diddaa barattoota Oromoon fashale.

Sabboontotni Oromoo yuunivarsiitii Haramaayaa nuyi aadaa,biyyaa fi seena guutuu qabna,uummata biyya of dandeesse qabu dha jechuun diddaa dhageessisanii jiran.Wayita ayyaanni kun qopheeffamettis mooraa yuunivarsiitii keessa naannauun dhaamsa barattoota Oromoo maraaf dhaamanii jiran.WalleeOROMOO ISIN WAAMTI HARMEEN jedhu Qeerroon Oromoo yuunivarsiitii Haramaayaa Gamtaan ilmaan Oromoo maraaf waamicha dabarsanii jiran.

Gama biraan miseensotni DH.D.U.O Yuunivarsiitii Haramaayaa Qeerroo yuunivarsiitii kanaatti dabalamuun sirba Nuhoo GoobanaaTOKKUMMAA jedhu harka wal qabatanii sirbuun yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti yeroo jalqabaa fi mootummaa Wayyaaneetti yaaddoo guddaa kan naqe ture.Miseensotni Qeerroo tokkummaa ilmaan oromoon hedduu kan gammadanii fi mooraa QBO keessattis araara taasifameen hedduu itti boonuu isaanii ibsatanii jiran.Mootummaan Wayyaanee godha kanaan kan baarage basaastota hedduumminaan bobbaasus tokkummaa barattoota oromoon fashalee jira.

Guyyaa sabaa fi sablammii mootummaan Wayyaanee shira bittaa umrii isaa ittiin dheereffachuuf dalagu irratti qeerroon T-shirt loogoo qeerroo fi duubaan QEERROON BILISUMMAA OROMIYAAF WAREEGAMA KAMUU BAASA jedhu qopheeffachuun uffatanii jiran.Basaastotni mootummaa wayyaanee irraa ramadamuun waardiyaa mooraa qabatanii naannawuun barattoota doorsisuuf yaalanis tokkummaa barattoota oromoon shirri wayyaanee marti fashalee jira.Ayyaanni sabaa fi sablammii jedhamu mooraa yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti akka wayyaaneen yaaddeen kabajamuu dhabuun bulchinsi mooraa gaaffii wayyaanee jalatti akka kufus taasisuu odeeffatni bulchinsa mooraa irraa qeerroo dhaqqabe saaxilee jira.Wayyaaneen mooraa yuunivarsiitii mara keessatti qophii wal fakkaataan kan itti qophaaaa jirtu barattootni oromoo fi sabawwan cunqurfamoo marti akka shira wayyaanee dura dhaabbattan waamicha dabarfatanii jiru.

Waamichi Oromummaa Miseensota Koree Gidduu galeessaa DH.D.U.O maadheen gurmaayan irraa Oromootaa fi KG-Dh.D.U.O Kanneen Sirna Wayyaanee Tajaajilan Kaaniif Taasifame

Aside

Waamicha Oromummaa Koree Gidduu Galeessa DH.D.U.O irraa Ilmaan Oromoo Maraaf

Muddee 3, 3012

Kabajamoo Ilmaan Oromoo,

opdoMootummaan abbaa irree wayyaanee wayita aangootti bahu irraa kaasee ilmaan Oromoo ajjeesaa, saamaa, hidhaa, biyya irraa ariiaa kan as gahe karaa Dhaaba siyaasaa ilmaan Oromoo bakka bua jedhee kaae DH.D.U.O tahuun isaa hin haalamu. Miseensotni fi hogganootni DH.D.U.O yeroo mara qoratamu, ajjeefamu, Hojii fi biyya irraa ariiamu. Kun wayyaaneen DH.D.U.O ilmaan Oromoo miidhuuf kan gad dhaabe tahuu ifatti ibsa. Yeroodhaa yerootti Miseensotni DH.D.U.O isin ABO waliin hidhataan hojjettu, Isin ABO dha jedhamuun bakka hojii irraa ariiamaa fi aangoo irraa darbamaa turuunis hin haalamu.

Wayita ammaa roorroon haalaan hammaachaa dhufetti, mootummaan wayyaanee lafa Oromoo saamaa, qabeenya Oromoo alagaatti gurguruun duwwaa hambisaa jirutti ilmaan Oromoo tokkummaan falmuun barbaachisaa waan taheef waamicha kana dhiyeessina.

Waamichi Kunis:

  1. Miseensota DH.D.U.O Yuunivarsiitiilee keessaa, Koollejjiiwwan keessaa, manneen barnootaa ol aanaa keessatti argamtan marti mootummaan wayyaanee cunqursaa addaa ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffannoon gaggeessaa ture, haalaan jabeessaa ilmaan Oromoo garbummaa bara baraa keessatti hambisuuf haala mijeeffachaa waan jiruuf;
  2. Mootummaan kun wayita hundeen hin dhaabbannee fi wal shakkiin gidduutti jabaata jiru kanatti dirqama mootummaa wayyaanee irraa dhufu LAKKI GAHE jechuun akka simattan waamicha dabarfanna. Barattoota Oromoo dhaabbiilee barnootaa keessatti diinaan doorsifamaa jiran waliin walitti dhufuun dhimma QBO irratti mariiachuun gaaffii bilisummaa Sochii Dargagoota Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroon) finiinaa jiru cinaa akka dhaabbattan dhaammanna. Mootummaan wayyaanee hundeen buqqaee booda gaabbiin waan hin oolleef dirqama Oromummaa akka baatan jabeessinee dhaammanna

Guutuu isaa dubbisuu jecha link armaa gadii tuqa:-

A Call to all Oromo Nationals from the Central Committee of OPDO.pdf
Waamicha Oromummaa Koree Gidduu Galeessa DH D U O Ed.pdf

Raadiyoo Daandii Ragabaa

Video

Diddaan Barattoota Oromoo Geedoo Jabaatee Itti Fufuu Irraa Kan Ka’e Barataan Kutaa11ffaa Tsaggaayee Kabbadaa Seeraan ala Mana Barnootaa Irraa Ari’ame

Aside

Muddee 03,2012 Geedoo

Godina Shawaa lixaa aanaa Calliyaa mana barumsaa Geedoo sadarkaa lammaffaa keessatti diddaan barattootni Oromoo dhalate jabaatee itti fufuun beekame. Barsiisaan Abaaddin Nugusee dhalootaan Tigiraay tahe barnoota seenaa kan barsiisu seenaa ilmaan Oromoo dabsee waan barsiiseef seeratti nuuf haa dhiyaatu jechuun irra deddeebbiin gaafatan deebii waan dhabaniif barsiisaa kana irratti tarkaanfii reebichaa fudhatanii jiran.

Mootummaan Wayyaanees diddaa barattootaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa keessatti jabaate dura dhaabbachuuf Boordii mana barumsaatti dirqamaan barataa akka ariian dirqisiisanii jiran.Boordiin mana barumsaa Geedoo jala deemtota Wayyaaneen kan gaggeeffamu barataa Tsaggaayee Kabbadaa jedhamu barataa kutaa 11ffaa mana barumsaa irraa waggaa 2f adabanii jiran.

Barattootni mana barumsaa Geedoo barataan keenya hanga deebiuu fi gaaffiin mirgaa barataa Oromoon gaafatamu hanga deebiu hin barannu jechuun murteeffachuun barattootni manneen barnootaa gad-aanaa fi Yuunivarsiitiilee keessaa akkasumas ilmaan Oromoo marti waamicha keenya akka nuu dhageessan jedhanii jiru.

Yuunivarsiitii Jimmaatti Qophii GDASAO irratti gootota Oromoo QBO irratti wareegamaniif yaadannoo godhan.Qeerroon Jimmaas walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii’achuun qarshii 150 ol kaa’atan.

Aside

Muddee 03,2012 Jimmaa

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa kampaasii guddaa(main campus) keessatti baratan qophii Gumiin Dagaagina aadaa,Seenaa fi Afaan Oromoo(GDASAO) Mudde 01/2012 galgala saa 1:00 irraa kaasee hanga 5:00 tti qopheesse irratti gootota ilmaan Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti wareegamaniif yaadannoo sammuu daqiiqaa tokkoof taasisan.Qeerroon yuunivarsiitii Jimmaa aadaa fi seenaa keenya guddisuuf wareegama barbaachisaa ni kaffalla,Wareegamtootni ilmaan Oromoo galmee seenaa keessatti bara baraan yaadatamu,shira guddina aadaa fi afaan Oromoo dura dhaabbachuuf taasifamu mara dura ni dhaabbanna jedhanii jiran.Qophiin GDASAO eebbaan akkuma jalqabee yaadannoon wareegamtootaaf taasifameen aadaa fi sirbootni gootummaa hedduumminaan sirbamanii jiran.Sirbootni Kadir Martuu,Nuhoo Goobanaa qophii kana irratti kan dhiyaatan yoommuu tahu jala deemtota diinaa fi diina Qeerroon yuunivarsiitii kanaa garaa gubee jiraachuu qeerroon gabaasa.

Sabboontoti Oromoo hedduumminaan bakka qophiin kun itti qophaae Istaadiyoomii xiqqicha(mini stadium) Yuunivarsiitii Jimmaatti kumaatamaan walitti qabamuun waamicha tokkummaa dabarfatanii jiran.Araarri ABO fi QC ABO gidduutti taasifames Qeerroo yuunivarsiitii Jimmaa haamilee kaasee jira.Qeerroon Yuunivarsiitii Jimmaas qophii GDASAO irratti walitti dhufan Mudde 02/2012 wal arguun dhimma QBO irratti marii gaggeessanii jiran.QBO galmaan geessisuuf waadaa isaanii haaromfachuun QBO kan ittiin tarkaanfachiisan qarshii 150 walitti buufatanii jiran.Qarshii kanaanis waraqaalee dhaadannoo fi barnoottan siyaasaa baayisuun miseensotaaf hiruu fi dhaadannoolee bakkeewwan garaa garaatti maxxansuuf walii galanii jiran.

SBO Mudde 2 bara 2012

Aside