Mana barumsaa Geedoo sadarkaa 2ffaa keessatti diddaan barattootaa jabaatee itti fufe.

Aside

Muddee 13,2012 Geedoo

Godina Shawaa lixaa aanaa Calliyaa mana barumsaa Geedoo sadarkaa lammaffaa keessatti ammas diddaan barattootaa itti fufe. Barattootni Oromoo garbummaa mootummaa Wayyaanee of duraa buqqisuuf wareegama jajjaboo kaffalaa kan turan yoommuu tahu yeroo ammas daran jabaachuun wareegama qaqqaalii kaffalaa jiru.Barattootni mana barumsaa Geedoos

  1. mootummaan wayyaanee nu hin bulchu
  2. Dura taa’aan barataa mana barumsaa(student council) filannoo barattootaan malee wayyaaneen tahuu hin qabu
  3. Yeroo hunda barattootni oromoo gaaffii mirgaaf hidhamuu hin qaban

Jechuun diddaa itti fufanii jiran.Mootummaan wayyaanee diddaa barattootaa dhaabuuf barattoota oromoo mana barumsaa irraa arii’us diddaan daran jabaatee jira.Mootummaan Wayyaanees diddaa barattootaa dura dhaabbachuuf barattoota doorsisaa jira.Waraanni Wayyaanee sakatta’insaa magaala kana rakkisaa kan jiran yoommuu tahu waraqaaleen waamichaa barattoota irraa darbee jira.

!

Qeerroo Yuuniversity Adaamaa.Muddee 2012

Aside

Dargaggooti Oromoo Barnoota Yunversity Xumuratan Dabballoota ABO dha Sababa Jedhamuun Wayyaaneen Ukkaamfaman

Aside

Muddee 12,2012 Finfinnee

Godina Shawaa bahaa magaala Bishooftuu keessaa mootummaan Wayyaanee dargaggoota Oromoo maqaa dabballoota ABO jedhuun yakke qabuun gara mana hidhaatti darbe.

Mudde 10/2012 guyyaa keessaa saa 2:00 pm irratti dargaggootni Oromoo hoteela Baqqalaa Mollaa keessaa laaqana nyaachaa wayita jiranitti isin ABOtu isin erge,Qeerroo beektu jechuun tikni mootummaa Wayyaanee mana hidhaatti ukkaamsee fudhatee jira.Dargaggootni oromoo kunneen gara Finfinnee dhoksaan kan fudhataman yoommuu tahu bakka eessa akka jiran hin beekamu.Maatiin dargaggoota kanaa mana hidhaa maaikelaawwii gaafatanis mootummaan wayyaanee bakka jiran dhoksaa jira.Dargaggootni kunneen

1. Dargaggoo Wayyeessaa Guddataa Tuulii dhalootaan wallagga bahaa,sadarkaa barnootaa digirii management 2. Dargaggoo Abdu Mohaammed dhalootaan Harargee Mieessoo,sadarkaa barnootaa digirii 1ffaa accounting

Kan tahan yoommuu tahu yeroo ammaa bakka buuteen isaanii dhabamee jira.Dargaggootni kunneen hojii barbaaddannaaf gara Bishooftuu kan deeman yoommuu tahu mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo hojii dhabdummaan rakkisaa miseensota ABO ti jedhee hidhaa jira.

Guyyaa Sabaa fi Sab-lammii Yunversity Arbamincitti Qophaaye irratti Bakka Bu’aan DH.D.U.O Yuunivarsiitii Arbaminc Qeerroo Tumsite Jedhamee Qormaataaf Dhihaate

Aside

Muddee 12,2012 Arba Minc

Mootummaan Wayyaanee shira bittaa umrii isaa dheeressuuf guyyaan ayyaana sabaa fi sablammii akka kabajamu ofii bixxiluun ifa.Ayyaana kanas Yuunivarsiitiilee,manneen barnootaa gad aanaa fi magaalottan garaa garaa keessatti karoorfatee ture. Qeerroon olola dharaan Wayyaaneen gurra uummataa fi mirgoottan namummaa Addunyaa duuchuuf shira lafa taae tahuu hubatee hubachiisuun ayyaana kana irratti gaaffiiwwan mirgaa,waamichii fi hubannaan uummataaf akka godhamu irratti hojjetee jira.

Haala kanaan miseensotni DH.D.U.O waamicha Oromoo KG DH.D.U.O warraaqsa keessatti of ijaarani irraa isaan dhaqqabe hojii irra oolchuun gaaffiin bilisummaa gaaffii adda durummaan uummata Oromoo tokkummaaeen gaafatamu tahuu akka qabu wal hubachiisuun gaaffii mirgaas kaasanii jiran.

Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti guyyaa ayyaana sabaa fi sablammii Wayyaaneen qopheeessite irratti qeerroon tokkummaan sirboottan warraaqsaa,gootummaa sirbanii jiran.Miseensotni DH.D.U.O tahan qeerrootti dabalamuun uummatni Oromoo biyya of dandeessee fi alaabaa ofii qaba waan taheef alaabaa alagaa hin baannu jedhanii jiran.Haaluma kanaan wal qabatees wayyaaneen barataa Oromoo dura taaaa miseensota DH.D.U.O kan barattoota yuunivarsiitii Arbaminc kan tahe Huseen Junda barataa water supply and Enviromental Engineering waggaa 5ffaa tahe qorannaan cinqaa jiru.Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Arbaminc Mudde 16/2012 ifaan dhimma Oromummaa irratti haasauuf kora qabatan.Guyyaa kana irrattis ifaan dhimma QBO irratti mariin jabduun taasifama.

SBO Mudde 12 Bara 2012

Aside

Barsiisonni Oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Godina Shawaa Lixaa Keessaa Barsiisan Maadheen Wal Gurmeessanii Ejjennoo Fudhatan

Aside

Muddee 11,2012 Amboo

OromiaALutaContinua2011FDGGodina Shawaa lixaa aanaa Ijaajjii mana barnootaa adda addaa keessatti barsiisotni Oromoo walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii jabaa taasisan.Barsiisotni mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi tokkoffaa barsiisan haala hammaataa mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa ilmaan Oromoo irratti keessumaa ammo dargaggoota Oromoo irratti gaggeessaa jiru mormuun waltajjii marii kanaa qopheessanii jiran.

Barsiisotni mana barnootaa kanneen keessaa mootummaa Wayyaaneen yeroodhaa yerootti qorannaa fi doorsisaan rakkachuu irra darbanii mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamaa,Jireenya qaala’een rakkamaa jiraachuun walitti dhufuun dhimma QBO irratti akka marii’atan taasisee jira.Araara mooraa QBO keessatti taasifameenis gammachuu isaanii ibsatanii jiran marii baldhaa gaggeessan keessatti ejjennoo armaa gadii fudhatan:-

1. Wareegama barbaachisaa kaffallee QBO galmaan ni geessisna
2. Barattoota keenya akka abbaa fi haadhaatti qabannee dhimma QBO irratti akka hirmaatan ni hojjenna
3. Mootummaan wayyaanee abbaa irree waan taheef yeroodhaa yerootti shira wayyaaneen dhufu dura ni dhaabbanna
4. Dhaabbiileen mirgoottan namummaa biyyattii keessatti dhaabbatan sagalee ilmaan oromoo akka dhaga’an waamicha dabarsina
5. Maadhee jabaa yeroodhaa gara yerootti ijaaruun ni barsiisna
6. Wayyaaneen saamicha,doorsisaa,hidhaa fi ajjeechaa ilmaan oromoo irraa akka dhaabu gahee keenya ni baana
7. Mooraa QBO keessatti araara taasifame ni deeggarra,ittis gammadna

Kan jedhan yoommuu tahu . Fuula duraatti qeerroo waliin wal gurmeessuun akka hojjetanis eeranii jiru.

 

 

Human Rights Activism – The Practice For Changing

Aside

hrlha_10

December 10, 2012.

10 December, 1948 was the day on which United Nations General Assembly adopted the Universal Declaration of Human Rights, which has become a universal standard to defend and promote human rights. It is observed every year around the globe as a special day among the peoples of the world. Because it was the day on which the fact that all human beings are born with equal dignity and inalienable rights and fundamental freedoms was recognized thorough the Universal declaration of Human Rights, and spread to the world nations.

A theme is chosen every year for the Human Rights’ Day. This year’s theme of observance of the Human Rights’ Day is “inclusion and the right to participate in public life”. It was taken from Articles 19, 20, and 21 of the Universal Declaration of Human Rights that elaborate on the right to freedom of expression and opinion, the right to freedom of assembly and association and the right to take part in government, either directly or through freely chosen representatives. Human Rights Day – 10 Dece, 2012.pdf

Ayyaana Sabaa fi Sablammii Irratti Qeerroon Wal Qindeessuun Tokkummaa Faarfatan

Video

Ayyaana Sabaa fi Sab Lammii Wayyaanonni Yunversity Arba Micnii fi Adaamaatti qindeefatan irratti Qeerroon diddaa muldhisuuf jecha wal qindeessuun tokkummaa faarfatan


 

Walaloo Qeelloo Daakaa Irraa

Aside

 Qeelloo Daakaa Irraa

Q   Qee Abbaa keenyaa Oromiyaa deeffachuuf!

E   Eenyummaa Saba keenyaa Tikfachuuf!

E   Ejjennoo hin daddaaqabne qabannee!

R   Roga hundaan QB finiinsinee!

R   Roorroo diinaa ofirraa mancaafnee!

O   Oromiyaa wala-boomsuuf Irbuu senne!

O   Oromoo saba keenya bilisoomsuuf  waadaa  lammiif seenne!

                                                                       Namni Muka hin yaabne,

  Kan miilli Tokkootii,

   Namni /Lammiin/ biyyaaf hin duullee,

  Kan qomoof hin dirmannee,

  Gara dhablee ofi hin beeyne

 Marrataan kottee hin qabuu,

Barruusaati Jaatamaa,

 Dabeessii onnee hin qabuu,

 Marrumaantuu raafamaa!

 Abbaya malkaa siree,

Nooraa karaa bidiruu,

 Ani yooman garaa hiree,

 Yartuu ykn gadhee kan  garaa hirtuu!

Baddeessaa muka faachaa,

Oomii muka Waaqayyoo,

 Anoo kan  namaan faachaa,

 Koo ammoo yoomi laata Waaqayyoo?

 Qiqqiriixaniitii jiddu lamaan uruu,

 Maal maqaan qaqqallii,

 Qabsoo finiinsaanii,

Diina mo`aniitii gita namaa buluu,

 Maal maqaan gabbarrii!

Yeroo Iriyyaan kee mana qayyifattuu,

Mana gubdi seetee? jettee gamanni daalleen jedhe Oromoon mammaakee!

 Dhiroo bakka jirruu fi waan nutti jiru haabeeknu!

 Bakka jirruu haajabaannu!

Godina Iluu Abbaa Booraa Yuniversity Mattuu Keessatti Qeerroon Diddaa Muldhisan

Aside

Muddee 09,2012 Mattuu
Muddee 8/2012 University Mattuu fi Godina Iluu Abbaa Booraa keessattii Ayyaanaa Sabaa fi Sablammotaa Wayyaaneen qopheesse irraattii Qeerroon fincilaa kaasuun gabaafame. Guyyaa ayyaanaa sabaa fi sablammiin kabajichsaa jechuun olola afaan fajjeessaa Wayyaaneen gaggeessaa turee bifaa garaagaraan Ummaanni mormii kan irraattii kaasee ta’uun beekama.

Baratootni Oromoo University Mattuus guyyumaa kana nuti mirgi keenyaa fi walumaa gala kan ummata Oromoo sarbamee jira,baroota 20f cunqursaan akkaanii fi gadi qabaan ummata Oromoo irra jiru haaka’u. mootummaan ukkaamsaa fi ajjeechaa Oromoo irraan gahu akka dhaabu jechuun iyyaa fi sagaleen jabaan diddaa isaanii dhageessifatanii jiru. Kana malees gaaffiin nuti kaafne hamma deebii argatutti nyaata qulqullina hin qabne hin nyaannu jechuun lagatan.

Kana Malees yeroo Ammaa kana rakkinaa nyaataan wal qabatee baratootni mooraa University Mattuu irraa barachaa jiran rakkoo Ulfaataa Keessaa jiraachuun gabaafame. Baratootni Oromoo 16ttii lakkaa’aman nyaata summaa’ee fi qulqullinaa isaa hin eggatne nyaachifamanii dhibee garaa kaasaa hamaan qabamanii rakkoo ulfataa keessaatti kan argaman ta’uun yeroo amma kana akka malee dhukkubsachuun Hospitalaa galanii waldhaansa gahaa dhabuun du’aa fi jireenyaa gidduu jiraachuun gabafamera. Haala kanaan gutummaan baratootaa University Mattuu dhakkubaa garaa kaasaan qabamanii gargaarsaa yaalaa guddaa kan barbaadaan ta’uun gabafame.