Waamicha Oromummaa Koree Gidduu Galeessa DH.D.U.O irraa Ilmaan Oromoo Maraaf
Muddee 3, 3012
Kabajamoo Ilmaan Oromoo,
Mootummaan abbaa irree wayyaanee wayita aangootti bahu irraa kaasee ilmaan Oromoo ajjeesaa, saamaa, hidhaa, biyya irraa ariiaa kan as gahe karaa Dhaaba siyaasaa ilmaan Oromoo bakka bua jedhee kaae DH.D.U.O tahuun isaa hin haalamu. Miseensotni fi hogganootni DH.D.U.O yeroo mara qoratamu, ajjeefamu, Hojii fi biyya irraa ariiamu. Kun wayyaaneen DH.D.U.O ilmaan Oromoo miidhuuf kan gad dhaabe tahuu ifatti ibsa. Yeroodhaa yerootti Miseensotni DH.D.U.O isin ABO waliin hidhataan hojjettu, Isin ABO dha jedhamuun bakka hojii irraa ariiamaa fi aangoo irraa darbamaa turuunis hin haalamu.
Wayita ammaa roorroon haalaan hammaachaa dhufetti, mootummaan wayyaanee lafa Oromoo saamaa, qabeenya Oromoo alagaatti gurguruun duwwaa hambisaa jirutti ilmaan Oromoo tokkummaan falmuun barbaachisaa waan taheef waamicha kana dhiyeessina.
Waamichi Kunis:
- Miseensota DH.D.U.O Yuunivarsiitiilee keessaa, Koollejjiiwwan keessaa, manneen barnootaa ol aanaa keessatti argamtan marti mootummaan wayyaanee cunqursaa addaa ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffannoon gaggeessaa ture, haalaan jabeessaa ilmaan Oromoo garbummaa bara baraa keessatti hambisuuf haala mijeeffachaa waan jiruuf;
- Mootummaan kun wayita hundeen hin dhaabbannee fi wal shakkiin gidduutti jabaata jiru kanatti dirqama mootummaa wayyaanee irraa dhufu LAKKI GAHE jechuun akka simattan waamicha dabarfanna. Barattoota Oromoo dhaabbiilee barnootaa keessatti diinaan doorsifamaa jiran waliin walitti dhufuun dhimma QBO irratti mariiachuun gaaffii bilisummaa Sochii Dargagoota Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroon) finiinaa jiru cinaa akka dhaabbattan dhaammanna. Mootummaan wayyaanee hundeen buqqaee booda gaabbiin waan hin oolleef dirqama Oromummaa akka baatan jabeessinee dhaammanna
Guutuu isaa dubbisuu jecha link armaa gadii tuqa:-
A Call to all Oromo Nationals from the Central Committee of OPDO.pdf
Waamicha Oromummaa Koree Gidduu Galeessa DH D U O Ed.pdf