Sadaasa 26,2012 Jimmaa
Baratootni Oromoo Moraa University Jimmaa Barachaa Jiran 3 Tika Wayyaaneen Ukkamfamanii Bakka Buuteen Isaanii Dhabame. Baratootni Oromoo kunis maqaan isaanii
1. Barataa Tolaasaa Asmaraa Barataa Seeraa Waggaa 1ffaa,
2. Barataa Tamiruu Tafarraa Barataa Seeraa waggaa 4ffaa,
3. Barataa Gammachiis Lammeessaa Barataa civil injiinerii waggaa 2ffaa
kanneen barataan Mooraa University Jimmaa keessaa barachaa utuu jiraanii Sadaasaa 23,2012 irraa kaafamanii mooraa yuniveersitii keessaa essaa buuteen isaanii dhabamee jira, Akkuma amala isaa Mootummaan Wayyaanee yoom iyyuu ilmaan Oromoo ukkamsee dhabamsiisuun kan Beekamuu, Caasaa tikaa isaa diriirsuun ilmaan Oromoo ukkamsuu kayyeeffaate jira,Maatiin baratootaa kanaas lafa ilmaan isaani bu’aan dhabuudhaan dhiphinaa guddaa keessaa seenanii jiraachuun gabafame,
Haala kana irratti hundaawuun Qeerroon Yunversitii Jimmaa jiran ibsa ejjennoo xuqaalee 6 qabu baafachuun balaaleffannaa mootummichaaf qaban bulchiinsa moorichaatti galchanii jiru.Ibsoota isaanii keessatti ijoolleen ukkaamfaman kun hatattamaan akka gadhiifamanis tuqanii jiru.
Daily Archives: November 25, 2012
SBO Sadaasa 25,2012
Aside
Iyyoolee ABOn Dhufee As Oolee
Video
Reply