Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa isa cinqu dura dhaabbachuuf ilmaan Oromoo Jumlaan hidhuu amma illee hin dhaabne . Diddaanis itti fufe!‏

Aside

Hagayya 13,2012 Dirree Daawa
Erga mootummaan wayyaanee aangootti bahee uummatni oromoo guyyaadhaa guyyaatti sababa oromummaa isaaf hidhamaa turuu fi ittis jiru ifa guyyaa saafaati.Oromootni Oromiyaa keessa naanna’uun hojii dhuunfaa yoo hojjetan dabballoota ABOti,WBOtu gale maqaa jedhuun yeroodhaa yerootti hidhamu.Odeeffata wal fakkaatuunis ilmaan oromoo hojii dhuunfaa isaanii hojjechuun magaala Dirree Dawaa keessa jiraatan
1. Dargaggoo Efreem Waaqoyyaa wallagga bahaa irraa
2. Dargaggoo Tashaalaa Fiqaaduu Wallagga bahaa irraa
3. Dargaggoo Turii Badhaasaa Amboo irraa
Magaala Dirree Dawaa keessatti hojii daldalaa hojjechuun osoo jiraachaa jiranii isin eessaa dhuftan? Dirree Dawaa keessaa maal hojjettu? Isiniin ABOtu leenjisee as isin galche jedhamanii yakkamanii mana hidhaa mootummaa wayyaanee Dirree Dawaa keessatti ukkaamsamanii jiran.Haaluma wal fakkaatuun Godina wallagga lixaa Gullisoo keessaa ilmaan oromoo
1. Obbo Nugusee Tasammaa
2. Obbo Margaa Jaalal
Jedhaman mootummaa wayyaaneen isin ABO nurra ijaartu jedhamanii yakkamuun mana hidhaatti darbamanii jiran.Hidhaa fi ajjeechaan mootummaa wayyaanee irraa daran jabaachaa dhufus qeerroon diddaa magaala Finfinnee,Amboo,Mattuu,Jimmaa,Shaambuu fi Dirree Dawaa keessatti haalaan jabeessee qabuun mootummaa wayyaanee cinqaa jira.

Ummanni Godina Addaa Naannoo Finfinnee Anaa Sulultaa Irraa Buqe’e Lafa Irraa Saamame Gamtaan Falmachuuf Murteeffatan

Aside

Hagayya 13,2012 Finfinnee
Gabaasaa Godina Addaa Naannoo Finfinnee,Aanaa Sulultaa Ganda Akaakoo Manabbichi irraa Hagayya 12 addeessuun dhimmoota saamamina lafaa fi buqa’iinsa ummataan wal qabsiisanii ummanni walitti dhufuun Hagayya 11 walgayii guddaa godhatanii jiru. Uummanni walgayii kana irratti argamanis namoota 220 akka ta’an qeerroon ganda Akaakoo Manabbichi addeessa gabaasa.
Walgahii walitti dhufuun godhatan irratti uummanni murteeffatee ka’e lafa keenya yeroo adda addaatti samamenii fi kana ammaan booda samamuuf ykn buqa’iinsi nurra gahuu maraaf inveesiteroonni mootummaa kamiinuu waliin walii galanii yoo dhufan, warshaan fedhes irratti haadhabatu,manneen akka kondominyeemis haata’u ijaarsa garagaraaf mootummaa abba irree waliin kan walii galee gara keenya dhufu dura dhaabbanna malee lafa keenya irratti falmachuun haqa keenya waan ta’eef amma irraa gurmuun hawaasaa fi tokkummaan ummataa barbaachisa kan jedhuun walii galanii akka jiran qeerroon gabaasa
Akkasuma ona kana keessatti ganda Galaanoo Soboraa jedhamu keessa dargaggoonnii fi uummanni ganda kana keessa jiraatu guyyaa dargaggoota Addunyaan wal qabsiisanii barnootaa fi gorsa waliif kennaa akka oolan qeerroon gabaasee jira. Keessumaa gorsi isaanii kan irratti xiyyeeffatu jimaa irraa wal dhorkuu, buttaa, quunamtii seeraan alaa, wal kabajuu, daandii kamiinuu gadda uummata keenyatti dhufu dura akka dhaabbannu,seer-luga Afaan Oromoo wal barsiisuudhaan,Aadaa Oromoo wal yaadachiisuun,qabsaa’ota darban seenaa isaanii kaasuun yaada keessa wal bulchaa,kanneen kana fakkataniin guyyaa kaleessaa walgayii kanaan akka xumuran, akkasuma QBOttis hirmaannaa akka godhan qeerroon isaan waliin jiruuf waadaa isaanii akka haaressan uummanni ganda kana keessa jiru, uummanni 532 ta’u waadaa kana galuu isaanii gabaasaan addeessa.

SBO Afaan Oromoo fi Amaariffaa

SBO Orom     SBO Amah

HRLHA Appeal and Urgent Action

Aside

 

 

Ethiopia: Kidnapping and Disappearances

Fear of Torture
HRLHA Appeal and Urgent Action
Public: August 11, 2012.

The Human Rights League of the Horn of Africa is highly concerned about the safety and whereabouts of two Oromo nationals who were kidnapped and taken away by government security agents.
According to reports obtained by the HRLHA through its local correspondents, Mr. Biranu Nagari Calchisa, a father of six, was kidnapped from his home in the Ayyana Town of Gidda Ayyana District in Eastern Wollega Province in the middle of the night on the 20th of July, 2012. Mr. Calchisa’s family and friends have never heard from him ever since he was taken away by armed security forces; and his whereabouts is not known. Sources added that this is the second time for Mr. Calschisa to be a victim of extrajudicial actions under the same TPLF/EPRDF Regime.
In 2000, he was arrested in his hometown and taken to the Capital Addis Ababa/Finfinne where he was detained at the Kalitti and Ma’ikelawi prisons.
Similarly, Mr. Tesfa Getahun Barkessa, also a father of six, a businessman of age 42 and resident of Najjo Town in Western Wollaga Province was abducted from his workplace by security forces on August 2nd, 2012, at 5:00pm local time.
Mr. Tesfa G. Barkessa was seen at Naqamte Hospital, a few days later after his disappearance, escorted by strange people. HRLHA_PR-_Aug_11,_2012

TV OROMIYAA Magaalaa Toronto – Hagayya 6, 2012 Darbe

Aside

Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Mattuu Keessatti Qeerroon Gamtaan Waltti Dhufuun Dhaamsa Qabsoo Dabarfatan

Aside

Hagayya 11,2012 Mattuu
Gabaasaa G/Illuu Abbaa Booraa irraa Hagayya 10 addeessuun barattootni koolleejjii fi yuuniversitilee gara garaa irraa galan walitti dhufanii guyyaa eebbaa sababa jedhuun walitti akka dhufan gabaasi addeessa; Barattootni kunis nyaata aadaa hojjetanii,uffannaa aadaa Oromoon miidhaganii,sirboota qabsoo qindeessuudhaan,waraqaa dhaadannoo Qeerroo waliin ta’uun qopheessuun mamaxxansuudhaan diraamaa mata dureen isaa TOKKUMMAA FEDHANII, TOKKO TAUU HIN DHABANI jedhu qopheesuun ummata bakka eebba kanaatti argamee fi sabboontota kaaniif gammachiisuu fi tokkummaa Oromoo irratti barnoota gahaa kennaa turan. Akkasuma geerarsa akkana jedhus barattootni kun wal tauudhaan uummataaf dhiyeessan akkana jedha:
Gammoojjii jirbiin toobbaa nama duwwaa deemun arge;
Baddaa Faradoota guutuun nama lafoo deemuun arge;
Oromiyaa soorettii badhaatuu, lammii beelaun arge;
Xuqii ilaalikaa, rasaasa xuqaatu kaasa,dhiira xuxxuqaatu kaasa;
Xuqanii na kaasanii, biyyaa na caalasanii;
Namni biyyaa bahee, yaa qeerrro hin ciisa malee hin rafuu;
Guyyaa eegdi malee haalokoo nan bahaa, roorrifamee hin hafuu;
Lafaa fi qooxii hin beeknu surree fi kootii malee;
Garee fi Gooxi hin beeknu lammiikooti malee;
Jarri garaan harree, kan nyaatanii hin hare;
Ormaaf kaachaa jiru haras of hin barre;
Magaalatti hirkatanii boodee lagatti galti;
Hattuun mariyatanii booddee namatti malti;
Osoo ganamaan haranii balballi raaree hin taatu;

Otoo kan darbe ilaalanii,kan dhufu beekanii,galgalli waaee hin taatuu;
Yaa Qeerroo Oromoo maalif raftaree hin kaatuu?????
Jedhuun ergaa kana jedhu dabarsuu ummata gammachiisuu fi onnachiisaa akka turan qeerroon magaalaa Mattuu gabaasa. Lukkeeleen diinaa haala kana basaasuuf naannichatti argamtes homaa tokko osoo hin godhiin naannicha irraa deemtee jirti.

Wallagga Onaa Haroo Limmuu Keessatti humni Addaa WBO Injifatnoo Irratti Injifatnoo Goonfachaa Jira. Ummaanis diddaa Jabeessee.

Aside

Hagayya 11,2012 Giddaa Ayyaanaa

Hagayyaa 10,2012 Onaa Haroo Limmuu Bakkaa Darbaa Jedhamuttii Waraannii Wayyaanee Ummataa maeeshaa maleeyyii itti dhukaasaa baneen miidhaan gara lachuu irraa haagahu iyyuu malee humni addaa WBO haala kanatti dhaqabuun waraana wayyaanee haleeluun naannicha irraa akka bahan taasisee jira.

Haaluma kanaan har’aa Ganaamaa sa’a 12 irraattii Humni Addaa WBO waaranaa Wayyaanee bakkaa Darbaa jedhamuu qubattee jirtuu irraattii tarkaanfii haxxee hidhuu fudhachuun namotaa sadii madeessuun tokkoo gutummaattii dhabamsiisee jira, loltonnii Wayyaanee dhabamsifaman:

1.Damxoo Siiyyuum

2.Waldeebiraan Aseeffaa.

Nami tokkoo immoo kan maqaan nu hin geenyee madaa’anii akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.

Tarkaanfii Gotichii humni Addaa WBO Godinaa Dhihaa Oromiyaa fudhateen warannii diinaa keessaa namni Xiilaahuun Ayaaloow  jedhamuu du’aan adaabamuun gabaafame.Kanaan wal qabatee waraanni Wayyaanee ajaja sodaan guutame fudhatee naannichatti kan bobba’e irratti WBOn weerara dhukaasaa sa’aa lamaa oliif wal irraa osoo hin citiin gaggeessee jira.

Haaluma kanaan ummata Oromoo nagaa irratti WBO gargaartu jechuun ummata Oromoo nagaa irratti dhukaasa banuun warra madeesse keessaa

1, Obboo Hundarraa Caalee fi  Haadhamana isaa Addee Gammadee Wandimmuu

2. Obboo Huseen Mohaamed Ollaa Obboo Hundaarraaffaa kan ta’ee

Yeroo ta’an  ummanni naannoo kanaa waraanni kun hatattamaan naannicha akka gadhiisuu fi humna addaa WBO waliin ta’uun sochii itti fufeen Wayyaaneen naannicha irraa baqattee yaatee akka jirtu gabaasi nu gahe addeessa. Humni waranaa Wayyaanee Onaa Haroo limmuu bakka Darbaa jedhamuttii guraamee sakkatta’insaan ummaataa jeeqaa jira, Ummaanniis jalaa dhaabbaatee Waraannii wayyaanee atattaamaan naannoo san gadhiisee akka bahuu fi inveesterri kamiinuu dachii Oromoo irratti ummata buqisuun humna namaa fi dachii keenyaa saamuun amma irraa haadhabbatu sababa jedhuun diddaa itti fufanii jiru.

Gama kaaniin mormiin ummataa osoo kanaan jiru Hagayya 09,2012 waraannii dabalataan garaa Darbaattii geeffaamaa kan jiruuf basaasan Wayyaanee tokkoo yeroo hedduu ummaataa keessaa deemuun kan uummataa basasuu kan maqaan  Mollaa Barriihuun jedhamuu waraanaa wayyaaneetiif asiif achii figee utuu ergamuu,nyaataa, bishaan,fi waan isaan barbachiisuu bakkaa qubannaa dabalatee tajaajila logestinii fi basaasummaa mara osoo godhaa jiruu, tarkaanfiin humnaa Addaatiin irraattii fudhatamen lubbuun isaa dhabamsiifame. Tarkaanfii humnaa addaa kanattii warannii Wayyaanee Onaa Haaroo limmuu Bakkaa Darbaa qubachuuf deemaa jiruu utuu lafaa sanaa hin ga’iin konkolaataa irraa bu’uun meeshaa of harkaa qaban of fulduraa qabuun ummata argan mara shakkaa fi sodaachaa akka jiran odeessi nu gahe addeessa.

Diddaan Sirna Wayyaanee Irratti Deemaa Jiruu fi Gaaffiin Mirga Amantii Itti Fufe

Aside

Hagayya 11,2012 Finfinnee

Hawaasni musiliimaa Finfinnee gaaffi mirgaa walqixxummaa fi walabummaa gaafachaa akka ture gabaasaa wal irraa hin cinnee gabaafamaa akka jiru ni yaadatama. Gaaffii isaaniitiif deebii hamma ammaatti hin argataniif amma illee itti fufanii gaaffii dhiyeessaa akka jiran gabaafama.  Hagayya 10,2012 gaaffii mirgaa gaafachuutti itti fufanii akka jiran, ejjennoon isaanii hamma dhumaatti itti fufee akka jiru, iyya wal irraa hin cinneee fi sirna tokkummaatiin ammas gaaffii eegalan itti fufanii akka jiran suuraalee fi waraabbii viidiyoo kana irratti argamuun deggerameera.  Diddaa wal irraa hin cinne gaaffii mirgaatiin itti fufuuf waliif ergaa dabarsaa akka jiran beekamee jira. Qaamni nuti hin feene nu gidduu seenuun irra hin jraatu jedhanii diddaa eegalan cimsachuu irraa boodatti jedhanii hin jiran jedha qeerroon hordoftoota amantaa kana waliin jiru.

This slideshow requires JavaScript.

Godina Iluu Abbaa Booraa Keessatti Sabboontoti Maqaa ABOn Himatamuun Hidhaman

Aside

Hagayya 11,2012 Mattuu

Mootummaan Wayyaanee erga aangootti bahee kaasee uummatni biyyattii keessaa nagaan jirtaatee hin beeku,hidhaa,beela,gadadoo fi baqaan biyyattiin rakkoo hin jirre keessa galte.  Gartuun EPRDF ergamtootaa fi tajaajiltoota sirnichaa qabeenya ilmaan Oromoo akka saaman gochuun uummatni akka walitti bu’u,nagaan akka hin uumamne,tokkummaan akka badu taasisaa ture.Har’as itti jira.Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Mattuu magaala Mattuu keessatti  sabboontota Oromoo qabeenyi isaanii Inveesteroota Habashootaan akka dhuunfatamu taasifaman diddaa dhageessisan.

Haala kanaan  Wayyaanee gaaffii ilmaan Oromoo gaafatan kun gaaffii ABOti jechuun sabboontota ummata ijaartanii diddaa nurratti kakkasiftan sababa jedhuun hidhaman kanneen  hidhaman baay’inaan 12 yoommuu tahan isaan keessaa ammatti gabaasi nu gahe.

1.      Obbo Addisuu Taaddasaa daldalaa magaala mattuu irraa

2.      Obbo Geetinnet Suleeyman Daldalaa

3.      Obbo Fedhasaa Suleeyman

Keessatti argamu.Ilmaan Oromoo hidhaman gaaffiin keenya gaaffii mirgaa tahuu waan beeknuuf waan duuba nu deebisu hin jiru,Qabeenyi keenya alagootaan hin saamamu,Nuyi namoota nagaatti hin buunu jedhanii jiran.Yeroodhaa yerootti diddaa naannoo kanatti jabaachaa dhufeen mootummaan Wayyaanee kan baarage waraana hedduumminaan qubachiisuu qeerroon naannoo kanaa gabaasa!

Godina Harage Dhihaa Ona Ciroo fi Ona Bookee Keessatti Sochiin Warraaqsaa Baldhinaan Itti Fufe

Aside

Hagayya 10,2012 Ciroo
Gabaasaa G/Harargee Dhiyaa irraa ganama kana Hagayya 10 nugahaa jiru, ona Chiroo fi Ona Bookee jedhamu keessa qeerroon barattoota ona sana keessa jiru waliin walitti dhufuudhaan ganama obboroo sa’a 12:00 irraa kaanii waraqaa qabsoo magaalota keessa bittimsuu eegalanii jiru. Waraqaan kunis dhaadannoo akkana jedhuun kan barreeffamee bakkoota adda addaatti maxxanfamaa jiruudha jedha qeerroon onoota kana irraa gabaasaa addeessaa jiru.Dhaadannoon kunis:
Walabummaa fi Bilisummaan Uummata Oromoof!!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Qabsoon Hamma Duaatti!!
Injifachuun Ilmaan Oromoof!!
Injifatamuun Diina Oromoof!!

Jedhu barreessuudhaan bakka hedduutti maxxansuudhaan barruulee  qeerroo ammo uummatatti raabsaa akka jiran gabaasaan addeessa. Akkasuma abbootiin qabeenyaa ona Chiroo keessa jiraatan gariin waamicha QBOf waraqaa xixiqqaa  bifa post cardin qopheessuudhaan uummata hundatti akka raabsamu taasisaa gumaacha dandayan qabsoof gochaa akka jiran beekame.  Cardin kunis kan jedhu “QBO tti hiriiruuf gahee fi muuxannoo qabduun ka’I” kan jedhu beeksisa.
Haaluma kanaan waamichi fi raabsi barruulee godina kana keessatti har’a bakka manneen sagadaa musiliimaatti akka itti fufu waraqaa hedduu qopheessuudhaan akka jiran Qeerroon gabaasee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!! Gadaan Gadaa Bilisummaati!!