Hagayya 04,2012 Qeellam
Sochii uummataa fi qeerroo ilaalchisee shakkii fi sodaa keessa galuudhaan godina Qellem ,Ona Anfilloo irratti guyyaa lamaan kana bakka buufata jaal Laggasee kan ture Ganda Gargeedaa fi daandii Yattii, gara Yaanqi jedhamu karaa Sudaaniitiin ABOn galeera jechuudhaan mootummaan wayyaanee waraana isaa goodatti guuraa akka jiru qeerroon ona Anfilloo fi Magaalaa Qellem irra jiru gabaasanii jiru. Akka jedhamaa jirutti oni sun buufata waraana wayyaanee ta’ee argame , magaalaan Anfilloo, Muggi ,ganda Gargeedaa,Laaloo Gidaamii,Yaanqii,Yaagaa bakki jedhamu kun waraana wayyaaneetiin marfamee akka jiru gabaasaan har’a Hagayya 3 addeessee jira.
Akkasumas gabaasaa Godina Wallagga dhiyaa,Ona Najjoo,Ganda Warraa Jirruu irraa addeessuun uummanni ganda sanii hedduu dhiphina keessa jiru jedha qeerroon ona sanii irraa gabaasu. Kunis sabababni isaa namoota Tokke-Shan ijaarsa jedhamuun ijaaramaa, hirmaanna misoomaa irratti jabeessaa jedhuun uummata hiriirsaa akka jiru gabaafama. Kunis biqilaa dhaabaa, ajaja gubbaa irraa dhufe bakkaan gahaa jedhanii, miseensa dhaaba OPDOtti ijaaramtan malee fuula duratti lafti isin qabdaniyyuu namoota miseensa keenya ta’anii lafa qonnaa hin qabneef akka kennamu hubadhaa jechuudhaan uummata rakkisaa akka jiran gabaasaan addeessa. Yaanni uummata irraa dhiyaatus mootummaan keessan silas du’aa fi jireenya gidduu jira maaltu akkas isin iyyisiisa, nurraa callisaa dubbii keessaniif deebii nurraa hin qabdan jechuudhaan of irraa callisiisaanii akka jiran har’a Hagayya 3 gabaasaan isaa addeessa.
Monthly Archives: August 2012
Dhiha Shawaa Keessatti Waraanni Wayyaanee Sodaa Ummataa If Jeeqaa Jira.
Aside
Hagayya 04,2012 Amboo
Gabaasaaa G/Shawaa Lixaa,Ona Dandii,Ganda Gincii irraa har’a;Hagayya 3 gabaasuun kaleessa Hagayya 2 uummanni ganda kanaa daandii konkolaataa ganda isaaniitti tolchuuf buusii barbaachisu walitti buusuudhaan haala kana irratti marii gachuuf ganama keessaa sa’a 2:30 irratti walitti qabamanii walgayii godhatan. Haata’u malee sa’a sanatti walitti qabama siyaasaa jechuudhaan jala deemtonni wayyaanee ona sanii uummata kana irratti gaaffii kaasuudhaan maaliif akka walitti qabamtan nuuf ibsaa, kaayyoo maaliitiif akka walgayiin kun ta’ame mee nuuf ibsadha, kun yaada biro ka’umsa yeroo waliin wal qabatee jiruudha, dhimma misooma miti jechuudhaan guyyaa kaleessaa guutuu uummata ona kanaa yakkaa akka oolan gabaasaan addeessa. Shakkii kanaan wal qabatee halkan kaleessaa sa’a 8:00 irraa kaasee halkan keessaa jechuudha, daandii magaalaa Amboo fi Naqamte jidduu wal quunnamsiistu guutummaan waraana wayyaaneetiin guutamee akka jiru,bosonni daandii cinaa guutummaan, bakka namni hin jirre mara waraanaan qabamee akka jiru gabaasaan qeerroo ganda Ginci irra jiru addeessee jira. Akka odeessaan jedhutti waan waraanni eegaluudhaaf bakka qabachuuti jedha haalli waraana wayyaanee kanaas, har’a qeerrooleen ona Dandii nama shan shaniin wal gurmeessuudhaan sirboota qabsoo kan akka geerarsa Eebbisaa Addunyaa sirbaa daandiima hidhattootni wayyaanee kun irra jiran irra sirbaa asii fi achi deddeebi’aa oolanii jedha odeessaan ganda sanii. Uummanni hedduu waan rifatee aaree jiruuf sochiin tokko waraana wayyaanee kanaan yoo eegale gara tarkaanfiitti ka’uuf qophii godhanii akka jiran gabaasaan addeessa.
Qabsoon itti fufa!!
Gabrummaan nu kufa!!
Basaasi Wayyaanee Maqaa ABOn akka Ummata Goyyomsuuf Dambi Doolloo itti ergame. Barattooti Najjoos walgahii Wayyaanee lagatan
Aside
Hagayya 04,2012
Mootummaan Wayyaanee sochii dargaggoota Oromoo magaalaa fi baadiyyaa biyyaa keessatti warraaqsa gaggeessaa jiru ukkamsuu fi dadhabsiisuuf humna waraanaa fi poolisaa akkasumas tika hedduu bobbaasee cabsuu fi dadhabsiisuu hin dandeenye.
Yeroo ammaa toftaa godhatee kan jiru basaasota isaa maqaa ABO fi Qeerroon waraqaa barreessee dhaaba ABO tu na erge ani qeerroon ijaara jedhanii naannoo ummanni isaan hin beekne keessa caasaa malee warri soco’an jiru,Haala kanaan basaasa isaa naannoo Wallagga Dambi Dollootti bobbaasee maqaa dhaabaan akka daldalanii fi ummataa fi barattoota soban taasisaa jira.
Akka kanaan baasii Wayyaanee Damissee Hordofaa jedhamu magaala Dambi Dolloo keessa deemee uunkaa miseensummaa ABO guutaa jechuun akka ummata basaasaa jiru bira gahamee jira. Namni kun kallattiin Adaamaa irraa ergamee naannoo D.Doollootti Hoteela keessa ta’ee ummataa fi barattoota akka goyyomsaa jiru bira gahame.
Ummanni fi dargaggoonni naannoo saniis nama kana irraa jabeessanii akka of tiksan qeerroon gabaasa.
Gama biraan gabaasaa Godina Wallagga Dhiyaa,Aanaa Najjoo,magaalaa kanaa irraa aaddeessun, Hagayya 1 fi 2 barattoota koollejjii fi yuuniversity irraa galan walitti qabuudhaan guyyaa lamaan kana qaama olaanaa irraa dhufanii wal gayii teessisaa akka iran maadheen on a sanaa gabaasa. Kaayyoon walgayii kanaas barattoota barumsa isaanii xumuranii jiraniin dokumantii keessan galfadhaa, unka miseensummaa OPDOs guutaa jechuudhaan barattoota walgayii teessisaa akka jiran gabaasaan addeessa. Barattootni yuunniversity fi koollejji kana irraa xumuranii galan hojii argachuunis nutti haafu miseensa keessan hin guunnu jechuudhaan kaleessa qaama mootummaa Wayyaanee irraa walgayii kana gaggeessuu dhufan fesheleessanii galan. Akkasuma itti fufuudhaan qote bultoota Ona sanaa har’a,Hagayya 2 xaa’oo fudha jechuudhaan walgayii waamanii jiru. Uummanni xaa’oo kana akka hin fudhanne walii galee waan jiruuf lafti keenya xaa’oo keeessaniin alattiyyuu midhaan nuuf baasuu yoom dide jechuudhaan xaa’oo dhufe akkuma jirutti bakka isaatti akka deebi’ee qaama mootummaa keessaa xaa’oo kana fidanii dhufan akkuma jiranitti qaana’anii akka deebi’an ganama kana qeerroon ona sanaa addeessa.
Raadiyoo Simbirtuu
Sagalee Bilisummaa Oromoo(SBO)
Har’as Hagayya 03,212 Hordoftooti Amantii Mulsliimaa Finfinnee Keessatti Gaaffii Mirgaa Itti Fufan
Aside
Hagayya 03,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Hawaasni musliimaa gaaffii mirgaa gaafanne eenyullee duuba nu hin deebisu,shirri mootummaan Wayyaanee olola dharaa gaggeessuun hordoftoota amantaa musliimaa diiguuf deemaa jiru milkii hin argatu jechuun hiriira nagaa itti fufan.Guyyaa har’aa Hagayya 03,2012 hordoftootni amantaa musliimaa magaala Finfinnee naannoo masgiida Anuwaaritti argamuun erga salaatanii booda hiriira nagaa fi mormii saayinsaawaa tahe itti fufanii jiran.Hordoftootni amantaa musliimaa harkatti waan adii qabachuun Islaamummaan nageenyaa fi gaaffii mirgaa akka gaafatu ibsuun mootummaan Wayyaanee hidhaa fi ukkaamsaa akka jiru harka wal qaxxaamursuunii fi afaan qabachuun agarsiisanii jiran.
Mormii jabaatee itti fufe kana waraanni mootummaa Wayyaanee meeshaa guutuun diddaa jaamsuuf bobba’anis abdii kutannaan dhaabbachuuf dirqamanii jiran.Waraanni mootummaa Wayyaanee dirqama jabaa itti kennamaa dhufeen hedduu nuffaa kan jiruu fi diddaa hawaasni musliimaa gaafatu hordoftootni amantaa kiristaanaa kan deeggaran tahuus ibsachaa jiran.Kan har’a dhimma amantaa musliimaa keessa keessa booru Wayyaaneen dhimma amantaa kiristaanaa keessa seenuun kan hin oollee fi har’as karaa hedduu saaqaa jiraachuu hordoftootni amantaa kiristaanaa ibsachaa jiran.Hordoftootni amantaa musliimaa gaaffii mirgaa gaafatan cinaa akka dhaabbatus sochiin dargaggoota biyyoolessaa kan bilisummaa fi Dimokiraasii(qeerroon) ibsatee jira.
Seife Nebelbal Radio Program, August 3, 2012
Aside
Oromoonni Amantii Musliimaa Hordofan Amma Illee Hidhamaa Jiru.Diddaan Ummataas Jabaatee Itti Fufe.
Aside
Hagayya 03,2012 Gabaasa Qeerroo Finfinnee
Oromiyaa keessatti diddaa haalaan deemsifamaa jiruun wal qabatee mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo maqaa namuusaa fi misoomaa jedhuun irraanfachiisuuf yaalus milkii dhabuun diddaan rarraafame.
Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Dhidheessaa Magaala Dambii keessatti qeerroon mootummaa Wayyaanee cinqe.Waraqaaleen warraaqsaas hedduumminaan kan raabsaman yoommuu tahu mootummaan wayyaanee hojii kana kan hojjetan ijoollee Oromoo hojii hin qabnee fi kanneen miseensa keenya hin taane jechuun doorsisaa fi sakatta’insaan uummata goolaa jira.Waraanni mootummaa wayyaanees hedduumminaan Godina kana kan qubate yoommuu tahu uummatni sodaa malee wal gahii isin waamtan hin baanu,Waan dhugaan gaafanne duubatti kan nu deebisu hin jiru jechuun bilchinaan jala dhaabbatanii jiran.Haaluma Wal fakkaatuun Godina Arsii magaala Shaashimannee keessatti mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa uummatni musliimaa gaafate ukkaamsuuf olola dharaan uummata hiriira baasistu diddaan waan guutameef guyyaa maraa masgiidotni marti waraana Wayyaaneen akka tikfamanii fi uummatni nagaan deemu akka sakatta’amu taasisanii jiran.Magaala Kana keessatti hordoftoota amantaa musliimaa fi Oromoota kan tahan isin Kaayyoo ABO tarkaanfachiisaa jirtu jechuun mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Ilmaan Oromoo hordftoota amantaa musliimaa tahan
1.Obbo Amaan Mohaammed Siraaj
2.Dargaggoo Kamaal Ibraahim
Jedhaman mootummaa Wayyaaneen yakkamanii mana hidhaatti ukkaamsamanii jiran.Diddaan gama hundaan mootummaa Wayyaanee waan cinqeef yeroodhaa yerootti waraanni wayyaanee waraana guutuun uummata irra deemuun akka doorsisanis murteessanii jiran.Gaaffii mirgaa uummatni gaafatu humni kamuu dhaamsuu akka hin dandeenyes dhaamanii jiran.
Hojjettootni Mootummaa amantaa Wayyaanee irraa dhabuu ifaan ibsuu jalqaban.Ololli Wayyaanees uummata biratti fudhatama dhabe!
Aside
Hagayya 03,2012 Finfinnee
Itoophiyaa keessatti hojjettootni mootummaa mootummaa wayyaanee irraa shakkii isaan mudate ifaan ibsuu jalqaban.Biyyattii keessatti wayita
abbaa irreen biyyattii Mallasaan dhukkubsatee jiraachuu fi du’uun isaa ifaan ibsamuu dhabametti hojjettootni mootummaa eenyuuf,maaliif akka
hojjennu nuu hin galu jechuu jalqaban.Magaala Finfinnee Biiroo Qorannoo Qonnaa Oromiyaa keessaa hojjettootni mootummaa hojjetan ifaan
wal gahii godhachuun marii’atan.Mootummaan biyyattii haala kam irra akka jiru nuuf ibsamu taanaan ejjennoo mataa keenyaa fudhanna jechuun
lafa kaa’atan.
Haaluma Wal fakkaatuun tikni mootummaa wayyaanee amantamummaa wal irraa dhabluun malaammaltummaan isaan gidduutti uumame qorannoo cimaa tahe.Tikni mootummaa wayyaanee yeroo dheeraaf qabsoo uummatni gaggeessu dura dhaabbatu wal qorachuutti deebi’ee jira.Hojjettootni
mootummaa golee biyyattii keessaa marti yeroo ammaa amantamummaa mootummaa irraa dhabuus yeroodhaa yerootti ibsachaa jiran.
Qondaala Tika Wayyaanee Ummata Oromoo Dararuun Beekamu Tokko Irratti Tarkaanfiin Fudhatame.Ummannis Gammachuu Isaa Ibsate.
Aside
Hagayya 03,2012 Naqamte
Hagayyaa 2,2012 Godinaa Wallaaggaa Lixaa Onaa Arjoo Guddaattuu Dangaa Wallaaggaa Bahaa Bakkaa Baloo Bareedaa Jedhamuttii humnaa kikaa Wayyaanee beekaamaa ummaataa sakkatta’uu fi sabboontotaa nagaa qabee mana hidhattii darbuuf Godinaa Bahaa Wallaggaa irraa kan bobbaafamee nama maqaan Ashannaafii Bariihuun jedhamuu irraattii humna hin beekamiiniin tarkaanfiin mayyii fudhatame.
Wayyaaneen du’aa Ashannaafii Bariihuu fi torbee darbee Magaalaa Neqemtee keessaattii kan haleelaamee du’aa Mitikuu Araayaatti akka malee gadduun waan qabee gadhiisu dhabuun ummata nagaa goolaa jiraachuun beekama.
Tarkaanfiin humna addaan naannoo kanatti fudhatamaa jiru haalaan jabaachaa dhufuun isaa ummata Oromoo cunqursaa Wayyaanee jalatti barootaaf miidhamaa kanneen jiraniif gammachuu guddaa fi calaqqee bilisummaa waan itti argarsiisaa jiruuf kanneen lukkee diinaa ta’aniif ammoo yaaddoo guddaa itti a’ee jira.
