Hagayya 30,2012 Amboo
Qeerroowwaan Magaalaa Amboo fi Gudaar namota suuraa Maallas magaalaa keessaa deemaanii gurguraan akka magaalaa Oromootaa keessatti hin gurguramneef dhorkuun ari’an.Maglaanaa Amboo bakka itti suuraa Taddasaa Biruu fi Elemoo Qilxuufaa gurguran malee suuraa Mallasaa keessatti nagadan miti jedhuun ummanni dura dhaabbatee jira.
Karaa biraa humni poolisa Wayyaaneen magaalaa Amboo shakkuu irraan kan ka’ee, Humna Poolisaa Federaala Finfinnee irraa gara Ambootti yaammachuun ummata goolaa jiraachuu gabaafama. Ummaannii Amboo Hoteelotaa gurguddaa magaalaa Amboo fi Gudaar keessaatti kaaseetota Ebbisaa Addunyaa Fi Hirphaa Ganfurree fi kaasseetonni warraaqsaa humnaa ol sirbiisifaama jiraachuu kan dhagahe Wayyaaneen Poolisoota sirnichaaf uggumanii bulaniin Hoteela irraa deemuun walleen warraaqsaa kamuu akka hin sirbiisiifamne dhorkuu irra darbanii namni sirbisiisee argame akka adabbiin cimaa irra gahu yoo akeekachiisanuu umma nni diddaa isaa cimusuun walleen warraaqsaa Hoteelota keessatti dhageessisaa jira.
Kana malees konkolaataa gara Finfinneetti deemu tokko irra ilamltooti yaaban gutummaatti sirboota ABO faarsu dhageessisuun alabaa ABOs konkolaataa irratti hidhuun akka muldhatee jiru qeerroon gabaasa.Poolisoonni haala kana dhagahanii konkolaaticha hordofan iyyuu waa gochuu akka hin dandeenye gabaasi nu gahe addeessa.
Daily Archives: August 30, 2012
Ummanni Aanaa Anfilloo Diddaa Jabeesse.
Aside
Hagayya 30,2012 Anfilloo
Gabaasaa Anfilloo addeessuun, Hagayya 28 dua muummicha ministeeraa Obbo Mallas Zeenawwiif gadda ibsuuf jecha konkolaataa bulchiinsa magaalaa irratti huccuu gaddaa ykn huccuu gurraacha uffisuudhaan magaalaa Anfilloo,Muggi keessa deddeebisaa turuudhaan, uummata magaalaa fi gandootaa aanaa Anfiloo sanaaf waamicha godhanii kottaa gadda nama kanaa ibsaa jechuudhaan labsiin gadi dhiifamus uummanni nuti gadda hin qabnu,gadda keenya faafa Laggasaa Wagii wareegame fixxanne jechuudhaan kanneen gadda namichaa kana uummata boosisuuf dhiyaatan yaada isaanii uummanni fesheleessee argamee jira. Dua nama kanaaf uummata Oromoo boosisuuf dirqamni bahus hamma ammaatti godina Wallaggaa keessatti gadda nama kanaaf yaadni uummata irraa dhiyaate jiru akka hin jirree ifaa taee jira. Kunis garagarummaa saba biroo irraa uumuudhaan uummata mootummaa kana jibbu jedhamee kanneen dua isaa kanaaf gaddaa jiran akka uummata Oromoo komataa jiran ifatti mulataa jira. Kanaan kan wal qabate jibbii uummanni Anfilloo mootummaa kana irraa qabu caalatti ifatti bahee jala deemtota mootummaa kanneen taan garaa kuchisiisee jiraachuu gabaasaan Qeerroo Anfilloo gabaasee addeessa.