Haala Sochii Qeerroo Aanaa Ayiraa Gullisoo

Aside

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Cooraa keessatti diddaan qeerroo to’annaa mootummaa Wayyaanee ala tahe.

Aside

Hagayya 29,2012 Mattuu

Hagayya 25/2012,Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Coraa ganda Abdallaa 01 keessatti diddaanqeerroo dhoe toannaa mootummaa Wayyaanee ala bahe.Mootummaan Wayyaanees dargaggoota naannoo kanaa Jumlaan hidhaa jira.Dargaggootni naannoo kanaa Gaaffiin Keenya gaaffii Bilisummaati,Hawaasni musliimaa gaaffii gaafataniif deebii argachuu qabu,Mallasaan dueef hin gaddinu kanneen jedhan ganda keessa deddeebiuun uummata kakaasuun mootummaan Wayyaanee toachuu dadhabee jira. haala kanaan ummata Oromoo naannoo kanaa sochii dargaggootaan duuba jirtu jedhuun jumlaan mana hidhaatti kanneen guure keessaa

1. Haji Sharif jiraataa naannoo Baddallee kan ture

2. Sheik Saadoo Hajii Adem

3. Sheik Abdulaziz

4. Obbo Hajii Masruu Suraaqaa

5. Dargaggoo Muraad Muzamiil hojii dhabaa

6. Dargaggoo Abdoo Yaaqob hojii dhabaa

7. Dargaggoo Nuurii Jamaal hojii dhabaa

8. Dargaggoo Ibraahim Abdurazaaq hojii dhabaa

9. Dargaggoo Qaadii Shifarraa hojii dhabaa

10. Dargaggoo Muunir Adam hojii dhabaa

Yoommuu tahan qeerroon naannoo kanaa hidhaan jabaatus qabsoon akka daran jabaatu ifaan ibsaa jiran.

Poolisni Mootummaa Wayyaanee Dargaggoota Oromoo doorsisaa fi hidhaan dararaa ture Ashannaafii Girmaa irree uummataan reebame.

Aside

Hagayya 29,2012 Gimbii

Godina Wallagga Lixaa aanaa Gimbii ganda Gabaa Sambataa keessatti Poolisiin Oromiyaa dargaggoota Oromoo yeroo dheeraaf rakkisaaa fi reebaa ture Ashannaafii Girmaa jedhamu harka uummataan reebame.Poolisiin Wayyaanee Ashannaafii Girmaa yeroo dheeraaf dargaggoota Oromoo isin Miseensota ABOti jechuun mana hidhaatti guuraa kan ture dha.Poolisiin kun akeekkachiisni yeroodhaa yerootti irra deddeebbiin wayita kennamu irraa hin deebiu yeroo jedhutti uummatni naannoo kanaa reebuun of irraa ittisuuf dirqamanii jiran.Reebicha irra gaheenis Hospitaala Gimbii seenee jira.Mootummaan wayyaanee miseensa keenya kan reebe dargaggoota naannoo kanaati jechuun dargaggoota doorsisaa jira.Odeeffata uummata naannoo kanaaf kennuun kan reebsise poolisii Ajajaa shantamaa Tasfaa Ushaa magaala Naqqamteedhaa maqaa seelii diinaan gara Gabaa Sambataatti kan jijjiirte dha jechuun mana hidhaatti ukkaamsanii jiru.

Haaluma Wal fakkaatuun diddaan qeerroon gaggeeffamu Godina Wallagga lixaa dhuunfachaa jira.Aanaa Ayiraa Gullisoo keessatti qeerroon mootummaa wayyaanee cinqaa jira.Basaastotni mootummaa wayyaanee

1. Obbo Taliilaa Jaarmanaa hojjetaa finance bulchinsa magaalaa

2. Obbo Tashoomee Akaaluu dura taaaa DH.D.U.O aanaa Gullisoo

Diddaa qeerroon gaggeeffamu dura dhaabbachuu dhadhabuun waraanni mootummaa wayyaanee dargaggoota bakka argetti akka qabuu fi maqaa dargaggootaa kennaa jiru.Namootni kun hojii keessan irraa hin dhaabbattan taanaan qaaniin akka Poolisii Ashannaafii Girmaa akka isaan dhaqqabu dhaammatanii jiru.

SBO Hagayya Bara 2012 Afaan Oromoo fi Amaaraa

Aside