Hagayya 18,2012 Gullisoo
Godina Wallagga lixaa aanaa Gullisoo keessatti diddaa qeerroo deemsifamaa jiruun wal qabatee alaabaan ABO magaala Gullisoo bakka Gabaa sambataa jedhamutti fannifamuun balalii’e.Qeerroon aanaa Ayiraa fi Gullisoo yeroodhaa yerootti diddaa jabeessuun waraqaalee dhaadannoos hedduumminaan kan maxxansan yoommuu tahu Alaabaan bakka Gabaatti fannifamuun ilmaan oromoo naannoo kanaa hedduu gammachiisuun ililchanii jiran.Qeerroon naannoo kanaa jabinaan waraana mootummaa jala dhaabbachuun hidhaa mootummaa wayyaanee osoo hin sodaatiin Alaabaa ibsituu ifa baasuun dirqama oromummaa waan taheef jechuun ilmaan oromoo marti mirga isaa falmachuuf lafaa akka ka’u dhaammatanii jiran.Kaabinootni,Waraanni mootummaa wayyaanee naannoo kanatti diddaa qabbaneessuu waan dadhabeef qoratamaa akka jirus gabaasni ifa godha.
Haaluma wal fakkaatuun Ayiraa keessatti poolisootni mootummaa Wayyaanee tajaajilan sadii qawwee mootummaa wayyaanee guurguruun qabsoo uummataatti ida’aman.Poolisootni kunneen qawween nuyi baannu diina keenya wayyaaneef taha jechuun murteeffatanii akka raawwatan qeerroof ibsanii jiran.Mootummaan wayyaanees diddaa naannoo kanaa dhaamsuuf ilmaan oromoo mana hidhaatti guuraa jira.Ilmaan oromoo
1. Dargaggoo Gaaddisaa Beekaa
2. Dargaggoo Margaa Qajeelaa
3. Dargaggoo Mariyaam Dhaabaa
Jedhaman diddaa deemsifamaa jiru adda durummaan kan qindeessuu fi gaggeessu isini jedhamuun mana hidhaatti ukkaamfamuun dararamaa jiran.Kaabinootni mootummaa Wayyaanee QBO cinaa dhaabbachuun bilisummaa akka gonfannu dhaammanna jechuun qeerroon naannoo kanaa waamicha dabarsee jira.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk