TV OROMIYAA MAGAALAA TORONTOO HAGAYYA 13, 2012

Video

Ummatni Sidaamaa Ayyaana Waggaa Cambalii Jedhamu Kabajate; Dargaggootnis Sirboota Gootummaan Waraana Wayyaanee Muddan!

Video

(Qeerroo, Awaasaa, 16 Hagayya 2012) Hagayyi 15 Uummata Sidaamaa biratti ayyaana jabaa dha.Ayyaana waggaa ‘’Cambalaalaa’’ jedhamutu kabajama. Haala kanaan uummattoota cunqurfamoon Naannoo Sabaa fi sablammoota kibbaa keessaa uummatni Sidaamaa, ayyaana wadggaa Cambalalaa jedhamu  bifa hoo’aa fi dammaqina qabuun kabajachuun gabaasame; ayyaana kana irrattis mormii fi diddaa sirna fakkeessituu Wayyaaneef qaban ifatti ibsachuun isaanii beekame.

Qeerroon akka gabaasetti ummati Sidaamaa cunqursaa mootummaa garboomsaa wayyaanee jalatti miidhaa fi dhumaatiin olaanaa irra gahaa jiraatus karaa argatan maraan sirna Wayyaanee waliin falmaa gaggeessaa jiran. Qeerroon Sidaamaa Ayyaana kana irratti argaman Qeerroo Oromiyaaf akka ibsanitti, Mootummaan wayyaanee sirna cunqursaa isaa jabeeffachuuf diddaa ummataa gara jabinaan dura dhaabbachuuf yaalus, kutannoo fi murannoo ummati Sidaamaa mirga isaa deebifachuuf qabu dhaabuu hin dandeenye.

“Saba of baree mirga isaa falmatu humni dhaabu hin jiru,” kan jedhe Qeerroon Sidaamaa, “Hagayya 15/2012 kabajamee kan oole Ayyaana Fichee yookaan bara haaraa uummata Sidaamaa irratti diddaa fi mormiin mul’ates itti fufa diddaa ummatichaa ti,” jedhee jira.

Akka Qeerroon gabaasetti yeroo ammaa kanatti Ayyaana waggaa ‘’Cambalaalaa’’ jedhamu haala miidhagaan kabajamaa jira. Uumatni SIdaamaas aadaa fi afaan isaa osoo hin gadhiisiin uffata aadaan mimmiidhaguun ayyaana isaa kabajatee akka jiru hubatamee jira. Keessummaayyuu, Hagayya 14/2012 galgala ayyaana Fiichee kun waraanaan osoo tikfamuu kabajamee jira. Kabaja Ayyaana kanaa irrattis dargaggootni Sidaamaa aanaa garaa garaa irraa walitti dhufuun tokkummaan karaa hundaa akka jabaatu dhaammatanii jiran.

“Mootummaan wayyaanee gocha kana dhaabuuf waraana hedduumminaan bobbaasuus dargaggoota dhaabuu hin dandeenye,” kan jedhe gabaasaan Qeerroo, Waraanni mootummaa wayyaanee fi dargaggoon Sidaamaa Magaala Hawaasaa keessatti wal gaareffachaa akka jiran illee arguu isaa dabalee gabaasee jira.

Ayyaana kana irrattis sirbootni tokkummaa,Gootummaa fi kutattummaa leellisan kan weellifaman yoommuu tahu, ergamttoti mootummaa wayyaanee waan qaban dhabanii cinqamaa akka jiran beekuun danda’amee jira. Maanguddootni,Hojjettootni fi hawwan sirna san irratti argamanis sirboota gootummaa sirbamanitti gammaduun ililchaa akka oolan oduun nu dhaqqabe hubachiisee jira.