SBO Hagayya 15 bara 2012

Gadina Wallaaggaa Bahaa Onaa Diggaa Saasiggaattii Inverstera Wayyaanee Beekamaa fi Qabeenya Isaa Irratti Tarkaanfiin Maayyii Fudhatame.

Aside

Hagayya 15,2012 Naqamte

Hagayyaa 14/2012 Onaa Diggaa Saasiggaa bakkaa bishaan Ukkee jedhaamuu fi Magaalaa Neqemtee irraa 44km fagaatee kan argamuttii Tarkaanfiin haleellaa Qaabeenyaa fi lubbuu Investeroota Wayyaanee irratti fudhatame.

Naannoo kana  irraattii Investeraa Wayyaanee nama maqaan Aksiidoom G/Mikaa’eel fi jedhamuun Qabeenyii ummaataa samamaa,qotee bulaa Oromoo lafa isaa irraa buqisaa fi mindaa xiqqaan Oromoo hojjechiifataa kan ture ta’uun beekama, Haala kanaan  roorroo saba isaa irraa kan ittisu humni Addaa WBO  hagayyaa 14/2012 galgalaa tarkaanfii maayyii konkolaataa mi’aa hojii  fi manaajeera nama maqaan isaa Taageenyii G/Masqaal Aksiidoom manaajera  G/Mikaa’el kan keessaattii irraatti tarkaanfii haleellaa fudhatameen dhabamsiifamuu gabaasi nu gahe addeessa. Namnii kun hojii  manaajerummaa hojjetu irratti dabalee mootummaa Wayyaaneedhaaf basaasa beekama ilmaan Oromoo kan basasuun hiisisaa ture ta’uun beekama.

Tarkaanfii fudhatame kanaan kanaan konkolaachiisaan isaa namni maqaan Gaalahuu Mokonnon jedhamuu  akkaa malee madaayuun haleellaa irraa akka hafe beekama. Konkolaataan  FSR jedhamu kunis mi’a fe’ee deemu waliin manaajera dabalatee barbadaayuu isaa gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa

 

Wayyaaneeen Kufaatii Sirna Isaa Jala illee Oromoota Miidhuu Hin Dhaabne

Aside

Hagayya 15,2012 Shaashamannee

Biyya uummatni abbaa irreen jilbeeffamee bulu keessatti guyyaa uummatni tole jedhee bulu hi jiraatu.Abbaa irree of irraa ittisuufis ciisee hin bulu.Mootummaan Wayyaanee aangoo abbaa irrummaan erga qabatee booda uummata Oromoo fi carraan wal fakkaataan isaan mudate yeroodhaa yerootti hidhuun,saamuun,hojii irraa arii’uun,biyyaa arii’uun waan barame dha.Uummatni Oromoos hidhaa fi ajjeechaan haamilee nu hin cabsu jechuun yeroodhaa gara yerootti FDG gaggeessaa ture.Har’as daran jabeessuun mootummaa Wayyaaneetti xumura gochaa jira.Wwayyaanees gaaffii mirgaa uummatni Oromoo gaafatu yeroodhaa yerootti hidhaan deebii kenna.Haalli kun yeroodhaa gara yerootti hammaachaa dhufuun hordoftootni amantaa musliimaa Oromoo tahan isin ABO dha,Akeeka ABO fiixaan baasuuf deemtu malee gaaffii amantii gaafattu miti jedhamuun Godina Arsii Shaashimannee dhaa tika mootummaa Wayyaaneen yakkamuun mana hidhaatti darbamanii jiran.Ilmaan Oromoo
1. Sheik Sultan Ibraahim qotee bulaa naannoo magaala shaashimannee
2. Ziyaad Usmaan daldalaa fi
3. Dargaggoo Jamaal
Jedhaman tika Wayyaaneen qabamanii mana hidhaatti darbamanii jiran.Namootni kunneen wayi sooma ramadaan keessa jiranitti mootummaa wayyaaneen kan yakkaman yoommuu tahu Wayyaaneen diddaa gama hundaan isa muddaa jiru dura dhaabbachuu dadhabee olii fi gadi fiigaa fi ijibbaata nama gama hidhaatti funaanaa jiraachuun isaas beekamaa dha.