Hagayya 14,2012 Gidaamii
Gabaasaa Qellem,Ona Gidaamii,ganda Alchayyaa Jiilloo irraa har;a Hagayya 13,2012 addeessuun hojjetootni mootummaa Wayyaanee keessa walitti dhufuun haala sochii siyaasa yeroo ammaa irratti malii bal’aa erga deemsifataniin booda sadarkaan qabsoon Oromoo irra jiruu fi hojjettooti mootummaa kanneen sabbontota ta’an ammo qoodi isaan sochii warraaqsaa keessatti qaban maal akka ta’e ifatti mariyatanii of erga gamaa gamaniin booda qeeqa mataa isaanii irratti kennuun gara fuula duraa sochii warraaqsaa biyyattii keessatti deemu mara iyyuu faana bu’anii akka galmaan geessisuu dandayan irratti walii galuu isaanii gabaasaan qeerroo naannicha irraa addeessa.
Hojjetootni kunis barsiisota, ogeessa fayyaa, H/dirree misoomaa, mana murtii ganda sanaa,milishoota, fi poolisoota ona sanaa murtaa’oo ta’an, qeerroo keessaa ofitti dabaluun yaada wal jijjiiraa akka oolan gabaasaan qeerroo addeessa. Hojjetootni kunis keessumaa kan irratti xiyyeffatanii maree godhatan keessaa akka miidiyaan addeessaa jirutii sochiin bakka bakkaa kan nama onnessuudha, garuu nuti maaliif qabsoo eegallee mootummaa ilmaan Oromoo hidhaatti guuraa jiru kana dura hin dhaabbannuu? Miindaan isaa yoo nutti hafe waan nu miidhu hin qabu, toora tooran walitti dhufnee uummata keenyaa fi dargaggoota keenya ijaaruudhaan, fakkeenya taanee yoo kaane ummata keenyaaf duree taanee hojjechuu fi waliin hiriiruu hin dadhabnu kan jedhu mariyatanii jiru.
Gama biraan walgahii kamuu Wayyaaneen yaamtuu fi ummata walitti qabdee kijia amata 20 ammas itti duskuruu yoo feete ummanni kamuu akka walgahii dabballoota Wayyaanee hin deemne,kan kan deeme ammo akka farra warraaqsaatti ilaalamuu qabu murtee dabarfatan.
Kana malees waraqaan qeerroos ganda kana keessatti har’a galgala kana hedduminaan raabsamee jira. Uummannis waraqaan kun eessaa fi daandii kamiin dhufee osoo hin qorannee akka saamichatti wal harkatti qabanii fixan jedha,akka gabaasaan addeessutti uummata 1200 itti tilmaamamutu waraqaa kana fudhate, qeerroon waraqaa kana ganda sanatti dhiyeessee jiru akka wal hankaakee jiru waraqaan qabsoo kun addeessa. Keessumaa qooda guddaa fudhatee hojii qabsoo kanaaf adda duree ta’ee uummataa fi dargaggoota, qote bultoota ganda kanaaf fakkeenya ta’ee QBOtti nama dadammaqsaa jiru milishoota ganda sanaa akka ta’e qeerroon gabaasee jira. Waraanni wayyaanee har’a ganama gara itti socho’e hin beekamne, ganda sana keessa kan ture garamitti akka ergame hin beekamne,kunis akka qeerroon gabaasutti sodaa uummataatiin waraanni achirra jiru kanmagaalaa keessa ture gara cina cina magaalaatti, magaalaa gadi dhiisuudhaan daandii fi daggalatti siqee akka jiraatu godhee jira, kunis shakkii waraanni ABO akka jiru waan shakkamuuf kana irratti hundaa’uudhaan waraana isaa magaalaa keessaa baasee cina cina magaalaatti galche jedha qeerroon ona Gidaamii irra gabaasu.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk