Wallagga Aanaa Beegii Keessatti Walitti Bu’iinsi Ummata Oromoo fi Milishoota Gandaa Jidduutti Ka’e Jabaate.

Aside

Hagayya 12,2012 Gabaasa Qeerroo Beegii

Hagayya 11,2012  milishoonni gandaa fi ummanni Oromoo aanaa  Beegii ganda GAbaa Dafnoo jedhamu keessa jiraatan walitti bu’uun miidhaa geessisuu qeerroon gabaase. Sababaan walitti bu’iinsa kana kaasees sabboonta Oromoo naannicha jiran maqaa maadhee ABO dha jedhuun mootummaan Wayyaanee yakkee waan hidheef jecha ummanni akka warri hidhaman gadhiifamaniif jabeessanii gaafatan haala kanatti kan rifatan milshoonni gandaa ummata of irraa deebisuuf jecha  meeshaa waraanaan waan sodaachiseef jecha ummanni meeshaa mana keessaa qabu mara fudhatee of irraa ittisuuf jecha bahe.

Haala kanaan walitti bu’iinsa ta’e keessatti milishoonni Wayyaaneef ergaman keessaa namni 10 gara malee yeroo madaayan kanneen hafan naannicha gadhiisanii baqachuun ummanni lafa walitti bu’iinis kun itti ta’e Gabaa Dafinoo lukkee irraa bilisa baafachuun gammachu dhibsate.Haalli kun kan ta’e ganama keessaa sa’aa 11:00AM irratti ta’uu qeerroon gabaasa. Haalli kun akkas ta’ee yeroo oolu galgala humni waraanaa Wayyaanee heddumminaan birmannaa taasisuun  naannicha qubatee ummata nagaa mana irra deemee goolaa akka jiru beekame.

Guutummaa sochiin kanaa faana bu’ee akka gabaasu Qeerroon addeessee jira.

Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa isa cinqu dura dhaabbachuuf ilmaan Oromoo Jumlaan hidhuu amma illee hin dhaabne . Diddaanis itti fufe!‏

Aside

Hagayya 13,2012 Dirree Daawa
Erga mootummaan wayyaanee aangootti bahee uummatni oromoo guyyaadhaa guyyaatti sababa oromummaa isaaf hidhamaa turuu fi ittis jiru ifa guyyaa saafaati.Oromootni Oromiyaa keessa naanna’uun hojii dhuunfaa yoo hojjetan dabballoota ABOti,WBOtu gale maqaa jedhuun yeroodhaa yerootti hidhamu.Odeeffata wal fakkaatuunis ilmaan oromoo hojii dhuunfaa isaanii hojjechuun magaala Dirree Dawaa keessa jiraatan
1. Dargaggoo Efreem Waaqoyyaa wallagga bahaa irraa
2. Dargaggoo Tashaalaa Fiqaaduu Wallagga bahaa irraa
3. Dargaggoo Turii Badhaasaa Amboo irraa
Magaala Dirree Dawaa keessatti hojii daldalaa hojjechuun osoo jiraachaa jiranii isin eessaa dhuftan? Dirree Dawaa keessaa maal hojjettu? Isiniin ABOtu leenjisee as isin galche jedhamanii yakkamanii mana hidhaa mootummaa wayyaanee Dirree Dawaa keessatti ukkaamsamanii jiran.Haaluma wal fakkaatuun Godina wallagga lixaa Gullisoo keessaa ilmaan oromoo
1. Obbo Nugusee Tasammaa
2. Obbo Margaa Jaalal
Jedhaman mootummaa wayyaaneen isin ABO nurra ijaartu jedhamanii yakkamuun mana hidhaatti darbamanii jiran.Hidhaa fi ajjeechaan mootummaa wayyaanee irraa daran jabaachaa dhufus qeerroon diddaa magaala Finfinnee,Amboo,Mattuu,Jimmaa,Shaambuu fi Dirree Dawaa keessatti haalaan jabeessee qabuun mootummaa wayyaanee cinqaa jira.

Ummanni Godina Addaa Naannoo Finfinnee Anaa Sulultaa Irraa Buqe’e Lafa Irraa Saamame Gamtaan Falmachuuf Murteeffatan

Aside

Hagayya 13,2012 Finfinnee
Gabaasaa Godina Addaa Naannoo Finfinnee,Aanaa Sulultaa Ganda Akaakoo Manabbichi irraa Hagayya 12 addeessuun dhimmoota saamamina lafaa fi buqa’iinsa ummataan wal qabsiisanii ummanni walitti dhufuun Hagayya 11 walgayii guddaa godhatanii jiru. Uummanni walgayii kana irratti argamanis namoota 220 akka ta’an qeerroon ganda Akaakoo Manabbichi addeessa gabaasa.
Walgahii walitti dhufuun godhatan irratti uummanni murteeffatee ka’e lafa keenya yeroo adda addaatti samamenii fi kana ammaan booda samamuuf ykn buqa’iinsi nurra gahuu maraaf inveesiteroonni mootummaa kamiinuu waliin walii galanii yoo dhufan, warshaan fedhes irratti haadhabatu,manneen akka kondominyeemis haata’u ijaarsa garagaraaf mootummaa abba irree waliin kan walii galee gara keenya dhufu dura dhaabbanna malee lafa keenya irratti falmachuun haqa keenya waan ta’eef amma irraa gurmuun hawaasaa fi tokkummaan ummataa barbaachisa kan jedhuun walii galanii akka jiran qeerroon gabaasa
Akkasuma ona kana keessatti ganda Galaanoo Soboraa jedhamu keessa dargaggoonnii fi uummanni ganda kana keessa jiraatu guyyaa dargaggoota Addunyaan wal qabsiisanii barnootaa fi gorsa waliif kennaa akka oolan qeerroon gabaasee jira. Keessumaa gorsi isaanii kan irratti xiyyeeffatu jimaa irraa wal dhorkuu, buttaa, quunamtii seeraan alaa, wal kabajuu, daandii kamiinuu gadda uummata keenyatti dhufu dura akka dhaabbannu,seer-luga Afaan Oromoo wal barsiisuudhaan,Aadaa Oromoo wal yaadachiisuun,qabsaa’ota darban seenaa isaanii kaasuun yaada keessa wal bulchaa,kanneen kana fakkataniin guyyaa kaleessaa walgayii kanaan akka xumuran, akkasuma QBOttis hirmaannaa akka godhan qeerroon isaan waliin jiruuf waadaa isaanii akka haaressan uummanni ganda kana keessa jiru, uummanni 532 ta’u waadaa kana galuu isaanii gabaasaan addeessa.