Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Mattuu Keessatti Qeerroon Gamtaan Waltti Dhufuun Dhaamsa Qabsoo Dabarfatan

Aside

Hagayya 11,2012 Mattuu
Gabaasaa G/Illuu Abbaa Booraa irraa Hagayya 10 addeessuun barattootni koolleejjii fi yuuniversitilee gara garaa irraa galan walitti dhufanii guyyaa eebbaa sababa jedhuun walitti akka dhufan gabaasi addeessa; Barattootni kunis nyaata aadaa hojjetanii,uffannaa aadaa Oromoon miidhaganii,sirboota qabsoo qindeessuudhaan,waraqaa dhaadannoo Qeerroo waliin ta’uun qopheessuun mamaxxansuudhaan diraamaa mata dureen isaa TOKKUMMAA FEDHANII, TOKKO TAUU HIN DHABANI jedhu qopheesuun ummata bakka eebba kanaatti argamee fi sabboontota kaaniif gammachiisuu fi tokkummaa Oromoo irratti barnoota gahaa kennaa turan. Akkasuma geerarsa akkana jedhus barattootni kun wal tauudhaan uummataaf dhiyeessan akkana jedha:
Gammoojjii jirbiin toobbaa nama duwwaa deemun arge;
Baddaa Faradoota guutuun nama lafoo deemuun arge;
Oromiyaa soorettii badhaatuu, lammii beelaun arge;
Xuqii ilaalikaa, rasaasa xuqaatu kaasa,dhiira xuxxuqaatu kaasa;
Xuqanii na kaasanii, biyyaa na caalasanii;
Namni biyyaa bahee, yaa qeerrro hin ciisa malee hin rafuu;
Guyyaa eegdi malee haalokoo nan bahaa, roorrifamee hin hafuu;
Lafaa fi qooxii hin beeknu surree fi kootii malee;
Garee fi Gooxi hin beeknu lammiikooti malee;
Jarri garaan harree, kan nyaatanii hin hare;
Ormaaf kaachaa jiru haras of hin barre;
Magaalatti hirkatanii boodee lagatti galti;
Hattuun mariyatanii booddee namatti malti;
Osoo ganamaan haranii balballi raaree hin taatu;

Otoo kan darbe ilaalanii,kan dhufu beekanii,galgalli waaee hin taatuu;
Yaa Qeerroo Oromoo maalif raftaree hin kaatuu?????
Jedhuun ergaa kana jedhu dabarsuu ummata gammachiisuu fi onnachiisaa akka turan qeerroon magaalaa Mattuu gabaasa. Lukkeeleen diinaa haala kana basaasuuf naannichatti argamtes homaa tokko osoo hin godhiin naannicha irraa deemtee jirti.

Wallagga Onaa Haroo Limmuu Keessatti humni Addaa WBO Injifatnoo Irratti Injifatnoo Goonfachaa Jira. Ummaanis diddaa Jabeessee.

Aside

Hagayya 11,2012 Giddaa Ayyaanaa

Hagayyaa 10,2012 Onaa Haroo Limmuu Bakkaa Darbaa Jedhamuttii Waraannii Wayyaanee Ummataa maeeshaa maleeyyii itti dhukaasaa baneen miidhaan gara lachuu irraa haagahu iyyuu malee humni addaa WBO haala kanatti dhaqabuun waraana wayyaanee haleeluun naannicha irraa akka bahan taasisee jira.

Haaluma kanaan har’aa Ganaamaa sa’a 12 irraattii Humni Addaa WBO waaranaa Wayyaanee bakkaa Darbaa jedhamuu qubattee jirtuu irraattii tarkaanfii haxxee hidhuu fudhachuun namotaa sadii madeessuun tokkoo gutummaattii dhabamsiisee jira, loltonnii Wayyaanee dhabamsifaman:

1.Damxoo Siiyyuum

2.Waldeebiraan Aseeffaa.

Nami tokkoo immoo kan maqaan nu hin geenyee madaa’anii akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.

Tarkaanfii Gotichii humni Addaa WBO Godinaa Dhihaa Oromiyaa fudhateen warannii diinaa keessaa namni Xiilaahuun Ayaaloow  jedhamuu du’aan adaabamuun gabaafame.Kanaan wal qabatee waraanni Wayyaanee ajaja sodaan guutame fudhatee naannichatti kan bobba’e irratti WBOn weerara dhukaasaa sa’aa lamaa oliif wal irraa osoo hin citiin gaggeessee jira.

Haaluma kanaan ummata Oromoo nagaa irratti WBO gargaartu jechuun ummata Oromoo nagaa irratti dhukaasa banuun warra madeesse keessaa

1, Obboo Hundarraa Caalee fi  Haadhamana isaa Addee Gammadee Wandimmuu

2. Obboo Huseen Mohaamed Ollaa Obboo Hundaarraaffaa kan ta’ee

Yeroo ta’an  ummanni naannoo kanaa waraanni kun hatattamaan naannicha akka gadhiisuu fi humna addaa WBO waliin ta’uun sochii itti fufeen Wayyaaneen naannicha irraa baqattee yaatee akka jirtu gabaasi nu gahe addeessa. Humni waranaa Wayyaanee Onaa Haroo limmuu bakka Darbaa jedhamuttii guraamee sakkatta’insaan ummaataa jeeqaa jira, Ummaanniis jalaa dhaabbaatee Waraannii wayyaanee atattaamaan naannoo san gadhiisee akka bahuu fi inveesterri kamiinuu dachii Oromoo irratti ummata buqisuun humna namaa fi dachii keenyaa saamuun amma irraa haadhabbatu sababa jedhuun diddaa itti fufanii jiru.

Gama kaaniin mormiin ummataa osoo kanaan jiru Hagayya 09,2012 waraannii dabalataan garaa Darbaattii geeffaamaa kan jiruuf basaasan Wayyaanee tokkoo yeroo hedduu ummaataa keessaa deemuun kan uummataa basasuu kan maqaan  Mollaa Barriihuun jedhamuu waraanaa wayyaaneetiif asiif achii figee utuu ergamuu,nyaataa, bishaan,fi waan isaan barbachiisuu bakkaa qubannaa dabalatee tajaajila logestinii fi basaasummaa mara osoo godhaa jiruu, tarkaanfiin humnaa Addaatiin irraattii fudhatamen lubbuun isaa dhabamsiifame. Tarkaanfii humnaa addaa kanattii warannii Wayyaanee Onaa Haaroo limmuu Bakkaa Darbaa qubachuuf deemaa jiruu utuu lafaa sanaa hin ga’iin konkolaataa irraa bu’uun meeshaa of harkaa qaban of fulduraa qabuun ummata argan mara shakkaa fi sodaachaa akka jiran odeessi nu gahe addeessa.

Diddaan Sirna Wayyaanee Irratti Deemaa Jiruu fi Gaaffiin Mirga Amantii Itti Fufe

Aside

Hagayya 11,2012 Finfinnee

Hawaasni musiliimaa Finfinnee gaaffi mirgaa walqixxummaa fi walabummaa gaafachaa akka ture gabaasaa wal irraa hin cinnee gabaafamaa akka jiru ni yaadatama. Gaaffii isaaniitiif deebii hamma ammaatti hin argataniif amma illee itti fufanii gaaffii dhiyeessaa akka jiran gabaafama.  Hagayya 10,2012 gaaffii mirgaa gaafachuutti itti fufanii akka jiran, ejjennoon isaanii hamma dhumaatti itti fufee akka jiru, iyya wal irraa hin cinneee fi sirna tokkummaatiin ammas gaaffii eegalan itti fufanii akka jiran suuraalee fi waraabbii viidiyoo kana irratti argamuun deggerameera.  Diddaa wal irraa hin cinne gaaffii mirgaatiin itti fufuuf waliif ergaa dabarsaa akka jiran beekamee jira. Qaamni nuti hin feene nu gidduu seenuun irra hin jraatu jedhanii diddaa eegalan cimsachuu irraa boodatti jedhanii hin jiran jedha qeerroon hordoftoota amantaa kana waliin jiru.

This slideshow requires JavaScript.

Godina Iluu Abbaa Booraa Keessatti Sabboontoti Maqaa ABOn Himatamuun Hidhaman

Aside

Hagayya 11,2012 Mattuu

Mootummaan Wayyaanee erga aangootti bahee kaasee uummatni biyyattii keessaa nagaan jirtaatee hin beeku,hidhaa,beela,gadadoo fi baqaan biyyattiin rakkoo hin jirre keessa galte.  Gartuun EPRDF ergamtootaa fi tajaajiltoota sirnichaa qabeenya ilmaan Oromoo akka saaman gochuun uummatni akka walitti bu’u,nagaan akka hin uumamne,tokkummaan akka badu taasisaa ture.Har’as itti jira.Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Mattuu magaala Mattuu keessatti  sabboontota Oromoo qabeenyi isaanii Inveesteroota Habashootaan akka dhuunfatamu taasifaman diddaa dhageessisan.

Haala kanaan  Wayyaanee gaaffii ilmaan Oromoo gaafatan kun gaaffii ABOti jechuun sabboontota ummata ijaartanii diddaa nurratti kakkasiftan sababa jedhuun hidhaman kanneen  hidhaman baay’inaan 12 yoommuu tahan isaan keessaa ammatti gabaasi nu gahe.

1.      Obbo Addisuu Taaddasaa daldalaa magaala mattuu irraa

2.      Obbo Geetinnet Suleeyman Daldalaa

3.      Obbo Fedhasaa Suleeyman

Keessatti argamu.Ilmaan Oromoo hidhaman gaaffiin keenya gaaffii mirgaa tahuu waan beeknuuf waan duuba nu deebisu hin jiru,Qabeenyi keenya alagootaan hin saamamu,Nuyi namoota nagaatti hin buunu jedhanii jiran.Yeroodhaa yerootti diddaa naannoo kanatti jabaachaa dhufeen mootummaan Wayyaanee kan baarage waraana hedduumminaan qubachiisuu qeerroon naannoo kanaa gabaasa!

Godina Harage Dhihaa Ona Ciroo fi Ona Bookee Keessatti Sochiin Warraaqsaa Baldhinaan Itti Fufe

Aside

Hagayya 10,2012 Ciroo
Gabaasaa G/Harargee Dhiyaa irraa ganama kana Hagayya 10 nugahaa jiru, ona Chiroo fi Ona Bookee jedhamu keessa qeerroon barattoota ona sana keessa jiru waliin walitti dhufuudhaan ganama obboroo sa’a 12:00 irraa kaanii waraqaa qabsoo magaalota keessa bittimsuu eegalanii jiru. Waraqaan kunis dhaadannoo akkana jedhuun kan barreeffamee bakkoota adda addaatti maxxanfamaa jiruudha jedha qeerroon onoota kana irraa gabaasaa addeessaa jiru.Dhaadannoon kunis:
Walabummaa fi Bilisummaan Uummata Oromoof!!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Qabsoon Hamma Duaatti!!
Injifachuun Ilmaan Oromoof!!
Injifatamuun Diina Oromoof!!

Jedhu barreessuudhaan bakka hedduutti maxxansuudhaan barruulee  qeerroo ammo uummatatti raabsaa akka jiran gabaasaan addeessa. Akkasuma abbootiin qabeenyaa ona Chiroo keessa jiraatan gariin waamicha QBOf waraqaa xixiqqaa  bifa post cardin qopheessuudhaan uummata hundatti akka raabsamu taasisaa gumaacha dandayan qabsoof gochaa akka jiran beekame.  Cardin kunis kan jedhu “QBO tti hiriiruuf gahee fi muuxannoo qabduun ka’I” kan jedhu beeksisa.
Haaluma kanaan waamichi fi raabsi barruulee godina kana keessatti har’a bakka manneen sagadaa musiliimaatti akka itti fufu waraqaa hedduu qopheessuudhaan akka jiran Qeerroon gabaasee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!! Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

Hawaasni musliimaa diddaa jabeessuun dhaadannoo dhageessisan.Addunyaan akka dhaga’uufis iyyatan.Ololli Wayyaanees fashale

Aside

Hagayya 10,2012 Finfinnee

Gaaffiin mirgaa hawaasni musliimaa gaafatu mootummaa Wayyaanee ji’oota meeqaaf cinqaa ture.Gaaffiin mirgaa isaan gaafatan,Sagaleen isaan dhageessisan akka mootummaan biyya tokko keessa hin jirreetti ilaalama.Dhuguma mootummaan wayyaanee sagalee uummataa akka hin dhageenye ifa godha.Guyyaa har’aas hagayya 10/2012 guyyaa keessaa sa’a 1:00 pm irraa kaasee hawaasni musliimaa naannoo Masgiida Anuwaaritti hedduumminaan walittti dhufuun dhaadannoo dhageessisan.

Dhaadannoowwan

1.      Rabbi Guddaa dha(Allaah Akubar)

2.      Sagaleen keenya haa dhaga’amu!

3.      Kanneen hidhaman haa hiikaman!

4.      Filannoon keenya masgiida keenyatti!

5.      Amantiin bilisa!

6.      Mirgi keenya haa kabajamu!

7.      Wayyaaneen cunqursaa dha

Jedhan dhageessisanii jiran.Hawaasni musliimaa naannoo masgiida Anuwaaritti salaataan booda islaamummaan nagaa tahuu ibsuuf waan adii harkatti qabachuun kan dhaadannoo jalqaban yoommuu tahu diddaa hawaasni musliimaa itti fufu dura dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee federaalotaa fi Poolisii Oromiyaa akkasumas basaastota hedduumminaan bobbaasus hawaasni musliimaa kutannaan itti fufanii jiran.Poolisootni,Federaalotni,Basaastotni akkasumas gaazexeessitootni olola afaanfaajjessaaf diddaan hawaasaa musliimaa hin jiru jechuuf naannoo sanatti argaman dhaabbatanii abdii kutannaan ilaaluuf dirqamanii jiran.Diddaa hawaasni musliimaa kutannaan itti fufe kana uummatni magaala Finfinnee hedduu kan deeggaru tahuus ibsachaa jira.Yeroo dhihoo darbee kanaa kaasee uummatni musliimaa hedduun ajjeefamuunii fi hidhamuun ni yaadatama.Sagaleen hawaasa musliimaa akka dhaga’amuuf qaamoleen dhimma kana hordofan addunyaatti akka isaanii iyyatan iyyachaas jiru.Qeerroon gaaffiin hawaasni musliimaa gaafatu qaama diddaa mootummaa wayyaanee tahuu ibsuun gaaffii mirgaa isaan gaafatan cinaa akka dhaabbatu dhaammata.

Seife Nebelbal Radio Program, August 10, 2012

Aside

Harargee Dhihaa Keessatti Sochiin Warraaqsa Qeerroo Babaldhate

Aside

Hagayya 10,2012 Daaroo Labuu

Hagayya 10 gabaasaa Harargee Dhiyaa irraa nu gaheen , waraqaaleen qabsoo uummatatti raabsamuu, waamichi qabsoo uummata Oromoof akka raawwatamaa oole gabaasnee jirra. Akkuma itti fufetti waraqaan kun barattootaan ona Baabbilee fi Chirootti heddummatee akka raabsamaa oole, kunis naannoo masgiida fi bakkoota adda addaa keessatti jaallen miseensotiin qeerroo amantaa musiliimaa hordofan qabatanii uummata  gidduutti raabsaa akka oolan, akkasuma ona Daaroo Labuuttis qeerroon waraqaa qeerroo  geessuun uummata ona kana irra jiruuf raabsaa akka oolan gabaasaan nu gahaa jira. Waraqaa ona Daaroo Labuutti geeffamuun uummatatti raabsameen milishootni ona sanaa mufatanii akka jiran, qeerroo waraqaa kana raabses qabuuf yaalanillee sodaa kaka’umsa uummataa shakkaniin homaa gochuuf akka hin dandeenye, uummata keessaa eenyuun qabanii  eenyuun akka dhiisan walii wallaalanii, booda irratti gara uumattaatti makamuudhaan raabsa waraqaa kanatti yaada guutuun akka hirmaannaa godhan gabaasaan addeessa.  Sochii kanattu milishootni ona Daaroo Labuu keessa jiratan namni 7 sochii uummataa kanatti akka hirmaatan gabaasaan nu gahe.

Waraanni Wayyaanee Abdii Kutate Tarkaanfii Hameenya Oromoo Irratti Fudhataa Jira.

Aside

Hagayya 10,2012
Godina wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu bakka darbaa jedhamutti waraanni mootummaa wayyaanee abdii kutannaa irraa kan kae,tarkaanfii uummatni oromoo naannoo kanaa yeroodhaa yerootti waraana mootummaa wayyaanee irratti fudhatuu fi Qabeenya investerootaa irratti fudhatamaa jiruun kan baarage namoota nagaatti seenuun reebaa jira.Bakka Darbaa jedhamu kanattis abbaa maatii Obbo Mohaammed Husen jedhamanitti halkan cabsanii seenuun ati ABO dha,ABO nyaachistee obaasta,Waraanni ABO meeshaa waraanaa si bira kaawata jechuun hedduu reebanii booda rasaasaan miila rukkutanii jiran.Namoota olla Obbo Mohaammedis isin Waan Mohaammed Huseen hojjetu beektu baasaa jechuun reebanii jiran.Waraanni mootummaa wayyaanee gowwummaan dirqama abbaa irree wayyaanee irraa fudhateen gara jabinaan uummata oromoo irratti tarkaanfii gara hammeenyaa fudhatus diddaan dachaan akka idau qeerroon naannoo kanaa addeessee jira.