Qaallittii keessatti wal’aansi fayyaa Oromoof hin kennamu;kanneen dhukkubsatan wal’aansa akak hin arganne waan godhamniif fincilli ka’e.

Aside

(Qeerroo,Finfinnee, 5 Hagayya 2012) Lammilee Oromoo mana hidhaa Qaallittiitti hidhamanii jiran irratti dararaan Mootummaa wayyaaneen irra gahu hammaataa kan jiruu ta’uun bira gahame. Maddi Qeerroo akka gabaasetti, Oromoonni 69 waggaa darbee Oromiyaa garaagaraa irraa balleessaa tokkoo malee qabamanii hidhaman akka malee hiraarfamaa fi murtii malee beellamaan gidirfamaa akka jiran beekamee jira.
Keessaayyuu, lammiileen Oromoo kunneen erga qabamanii kaasee haga yoonaatti murtii tokkoo malee maqaa qoraannoo qofaan beellamamaa fi mana hidha akeessatti hiraarfamaa akka jiran beekameera. Haalumaa kanaan hidhamtotaa 69 keessaa barattootni Oromoo lamaa akka malee dhukubsatanii kan jiran yoo ta’u haga yoonaatti wal’aansa mana yaalaa dhorkamnii kan jiraan ta’uun hubatameera.
Barattooti kunneen lameenis 1. Barataa Geetachoo Iddoosaa fi 2. barataa Hirphasaa Diriirsaa kanneen jedhaman, dhukkubsatanii otuu jiranii sababa Oromoo ta’aniif yaalaa akka hin arganne godhamanii jiru.
Dhimma kanaan kan walqabates, hidhamtoonni ilmaan Oromoo mana hidhaa Qaallittii zoonii keessatti hidhamnii jiran “hangaa hidhamtoonni dhukkubsachaa jiran waldhaansaa hin argannetti, nyaataa hin nyaannu,” jechuun fincilaa nyaataa lagachuu gaggeessanii jiran.
Haalaa kanaan Mana hidhaa Qaallitii Zone 1,3,6, kessatti diddaan ilmaan Oromoo jabaachaa jiraachun kan beekame yoo ta’u, ergamtooti wayyaanee immoo sababa kanaan hidhamtoota dararaa akka jirtu illee bira gahamee jira.
Mootummaan Wayyaanee fincilaa ilmaan Oromoo kallattii garaagaraatiin belbelaa jiru dhaamsuuf ilmaan Oromoo jumlaan mana hidhaatti guuruu kan aadeffatte ta’uunis beekamaa dha.

Baroota Darban Ummata Oromoo 1500 ol Lafa Irraa kan Buqisee Inveesterri Wayyaanee Qabeenyi Isaa Guutuun Barbadaaye.

Aside

Hagayya 05,2012 Naqamte
Ona Habee Dongoroo Bakka Tulluu Gaanaa jedhamutti Hagayyaa 2,2012 Qabeenyaan Investeraa Wayyaanee beekamaa nama maqaan isaa Aksiidoom G/Sillaaseee kan jedhamuu irratti tarkaanfii fudhatame. Ammaan dura Oromoota 1500 ol humnaan qe’ee irraa buqisee lafa cash crop area qabatee qabeenyaa uummataa Oromoo saamaa kan jiru namtichi kun humna hin beekamiiniin qe’ee Oromoota irraa buqisetti qabeenyi isaa Hagayya 1,2012 barbadaayuu gabaafame.
1. Tiraakteroota 4
2. Konkolaataa Isuse FSR lama
3. Magaazinni kuufama midhaan akka Saaliixaa,Nuugii fi gosa garaa garaa kuusee biyya biraatti dabarsu.
Guutuutti barbadaayuu gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Waardiyyaan inveesitera kanaa maqaan Caannee Waaldee Yoohaanniis jedhaamuu tarkaanfii humnii addaa irraattii fudhateen akka malee madaa’ee du’aaf jireenyaa gidduu jiraachuun gabaafamera, Tarkaanfii boonsaa kanattii uummannii akka malee gammadee kan jiruu ta’u Oromoonni laficha irraa buqa’anii qabeenya malee ta’anii arihaman adda addaa haala kana yeroo dhagahan gammachuu irra darbanii akka booyichaan roorroo irra gahe ibsataa turan gabaasi naannciha irraa nu gahe addeessa.

Aanaa Midaqanyii Keessatti Diddaan Barattootaa Itti Fufe. Barsiisaan Zalaalem Hundarraa Bantiis Diggaa Saasigga Irraa Hidhame.

Hagayya 05,2012 Midaqanyii
Godina Shawaa dhihaa Aanaa Midaa Qanyii keessatti baratoonnii Oromoo University fi dhabbilee barnotaa Olaanaa garagaraa irraa baraachaa turaan qajeelfamaa Mootummaa Wayyaanee hin fudhannuu jechuun Gaaffii Mirgii Hiree Murteeffaannaa Ummataa Oromoo Haa kabajamuu barreeffaamaa jedhuu facaasuun aangawoota Wayyaaneen naannichaa raasaa jiraachuun gabaafame, haalaa kanaa sodaachuun OPDO’n Onaa Midaa Qanyii baratootaan hojii misoomaa waliin hojjeennaa jechuun baratootaa sossobuuf yaaliin isaan godhan illee baratoonnii bara mootummaan abbaa irree ummataa keenyaa irraa ka’uu, fi hireen uummataa keenyaa murteeffamuu waan hundaa iyyuu ni hojjeennaa ammatti yeroon keenya yeroo warraaqsa bilisummaa fi walabummaa biyya keenyaati malee dhadessa imaammata Wayyaanee miti jechuun lukkeelee Wayyaanee salphisuun dhagahame.

Kanuma waliin naannoo kanatti barattoota sochii warraaqsaa keessa turan garii maallaqaan bitachuuf hawwanii ummata akka basaasan gochaa jiraatan illee tarkaanfii Qeerroon barattoota kana irratti fudhateen gantooti garii naannicha dhiisanii baqatanii akka jiran gabaafama.
Gama biraan Hagayyaa 2/2012 Onaa Diggaa Saasiggaa irraa Barsiisaa Mana Barumsaa Qaaccaa Sadarkaa 1ffaa kanta’ee barsisaa Zaalaleem Hundarraa Baatii badii tokkoo malee humna poolisaa Federaalaatiin ukkaafamee manaa hidhaa Maa’ikalaawwiittii darbatamee jira, Uummaannii Onaa Diggaa Saasiggaa yeroo ammaa kanaa barsiisaa Zalaleem Hundarraa Baatii daddaffiin akka nuu gadhiiftan,lafa inni itti hidhames akka nu beeksiftan bulchitotaa nannoo Onaa sanaa irraattii diddaa fi gaaffii mirgaa akka kaasaa jiran qeerroon gabaasa.

10 –

Mootummaan Wayyaanee dhabama isaa jala daraggoota Oromoo jumlaan hidhuu araada godhate.Waraanni Wayyaanees abdii kutachuu muldhise

Aside

Hagayya 05,2012.
Oromiyaa keessatti diddaan uummataa jabaachaa waan dhufeef waraanni mootummaa Wayyaanee tasgabbii dhabe.Waraana mootummaa Wayyaaneetti dirqamni kenname kan duraanii irra daran jabaachaa waan dhufeef waraannis gara abdii kutannaatti ce’ee jira.Godina Wallagga lixaa aanaa Ayiraa ganda Hoomii fi Kolooboo jedhamn keessatti waraanni Wayyaanee hedduumminaan bobba’uun uummata Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.Gaaffii mirgaa uummatni Oromoo gaafatu isin ABOti,Qeerroon isini jechuun dargaggootaa fi abbaa maatii qabanii hidhuun reebichaan dararaa jiru.Ilmaan Oromoo ganda kanneen keessaa 50 ol mana hidhaatti ukkamsuun galgala galgala mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ganda Hoomii keessatti lama lamaan guuruun reebichaan dararaa jiru. Yeroo ammaa naannichatti Oromoonni mana hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa jiranis

1. Dargaggoo Gammachiis Mulaatuu
2. Abbaa maatii Mitikkuu Margaa
3. Dargaggoo Efreem Ejjetaa
4. Dargaggoo Lijaalem Yaadataa
5. Abbaa Maatii Abarraa Tarfaasaa
6. Abbaa Maatii Taammiruu Tarreessaa
7. Dargaggoo Lalisaa Margaa
8. Abbaa Maatii Taayyee Tarfaasaa
9. Dargaggoo Habtaamuu Bantii
10. Dargaggoo Gammachuu Bantii
Keessatti argamu.Qeerroon naannoo kanaas hidhaa fi ajjeechaan duuba nu hin deebisu jechuun halkanii fi guyyaa diddaa itti fufanii jiran.Uummatnis wal gahii Wayyaanee lagatee jira.Waraqaaleen dhaadannoo OROMIYAAN NI BILISOOMTI!,GARBOOMFATAAN NI KUFA!, jedhanis ganda hoomii keessatti maxxanfamanii jiran.Qeerroo Oromootti diina tahuun yeroodhaa yerootti rakkisaa kan jiru jala deemaan Wayyaanee Karrasaa Toonee kan jedhamu yoommuu tahu Mana barumsaa Biiftuu keessatti barsiisummaan turee miseensummaa OPDOn liigii dargaggootaa erga seenee booda gara Ijaarsa OPDO keessa kan seene dha. Karrasaa Toonee fi kanneen isa waliin wal fakkaattan wayita Oromoon tokko tahee diina isaa buqqisaa jirutti alagaa jala kurkuruun keessan bu’aan isaa miidhaa fi taajjabbii waan taheef qabsoo Oromootti akka dabalamiin ummanni naannichaa gorsaa fi akeekkachiisa kennee akka jiru Qeerroon gabaasa.

Godina Baalee Ona Adaabbaa Keessatti Sochiin Warraaqsaa Itti Fufee Oole. Poolisoonni OPDOs Qeerroo Irra Goruun Warraaqsatti Hirmaatan.

Aside

Hagayya 05,2012 Adaabbbaa
Gabaasaa Hagayya 4 godina Baalee, Ona Adaabbaa irraa addeessuun Qeerroon Ona sanaa ifatti baasee sodaa tokkoon malee ifaa fi bilisaan waamicha warraaqsa bilisummaa Oromootti uummata fi barattootaaf waamicha gochaa akka jiru gabaasaan addeessa. Kunis har’a ganamaa eegalee guyyaa guutuu uummannis ta’e barattootni, dargaggoonni ona sanii marti waraqaa qabsoo, dhaadanoo babarreesuudhaan, sirboota qabsoo kaasetta kan manaa qabu gadi yaasuudhaan daandii irratti Teeppii fi moobayilaan sirba qabsoo ona Adaabbaa hamma ganda isaa keessatti wal qabsiisuudhaan sirba qabsoo fi tamsaasa barruuleetiin guyyaa har’aa akka oole gabaasan addeessa. Akkasuma milishootni ona sana irra jiran kaka’umsa kanatti hirmaachaa akka jiran, keesumaa poolisii Oromiyaa ona sanii hidhannaa isaanii hiikkatanii sochii uummataa fi qeerroo kanatti akka hirmaatan qeerroon ona Adaabbaa addeessa. Poolisoota hirmaannaa kanatti makaman maqaan isaanii yeroof baasuu baannus nama 4 akka ta’anii fi warraaqsatti makamuu isaanii ammo ummanni naannichaa akka gammachuu qabu qeerroon beeksisa.
Sochii warraaqsaa kanatti hirmaannan uummataa kan dargaggoo ona sanii akka caalee jiru, namoonni siyaasaa godina sana keessa jiru har’a utuu manatti hin hafin sochii karaa qeerroo eegale kana humna itti gochuudhaan dhaadannoo qeerroon barreessee ona sana irratti tamsaase qabatanii akka dhaadessaa oolan gabaasan addeessa.
Dhaadannoon barreeffame kunis :
BILISUMMAAN SABA KEENYAAAF, DHALA KEENYAAF, BARATTOOTA KEENYAAF, ILMAAN OROMOO WALII GALAAF!!” kan jedhu ture. Akkasuma “INJIFANNOON SABA OROMOOF,INJIFATAMUUN DIINA OROMOOF” jedhanii magaalaa Adaabbaa fi gandoota keessatti akka dhaadeffamaa oole gabaasaan addeessa.

Radio Oromoo Press, By Qerramsoo Biyya

Aside