Four regular police officers defected to the popular uprising in Shambu, Wollega; while nine federal police were killed in sabotage of Haroo Limmu area.

Aside

Qeerroo, Finfinnee (July 16, 2012)

Four police officers from Shambu area have joined the local popular uprising by pointing their gun at the occupying force of the Woyane government in a continued political tension that is gripping the whole region.  The police officers were reported to be the local Ex-prison guards and they decided to join the popular uprising after witnessing the unspeakable atrocities being committed in the prison against innocent Oromo civilians. Due to the security gap, some inmates have also made their way while the government responded by deploying extra security personnel.

In a similar news, nine federal police officers were reported to have been killed as a result of sabotage by local residents. The residents have destroyed the main route to their village and caused an immediate accident, death and injury on the merciless convoy heading to destyoy them.

Reports also surfaced on the different punishment being taken by the local residents in Kokosa, Arsi (East Oromiya) and Anfillo, Dambi Dollo (West Oromiya) on the collaborators of the dictatorial governments of Ethiopia.

Evidences of the all out uprising is growing as angry residents in all directions of the Oromiya region has started to defend themselves with every possible and available  means.

Har’as July 16,2012 Finfinneen Diddaan Muddamte. Ummannis Wayyaanee Toobbate.

Aside

Adoolessa 16,2012 Finfinnee

Diddaan karaa hordoftoota amantaa Musiliimaan eegalee kan magaalaa Finfinnee akkuma jirutti itti fufee jiraachuun isaa beekamaadha.Halkan Edaa dhukaasni Uummata kana irratti banamee akka jiru Qeerroon gabaasa.Ammallee daandii konkolaataa cufuudhaan ganama kanaa kaasee itti fufee jira.

Akkasuma guyyaa har’aa(July 16, 2012) hordoftoota amanataa kana keessaa fincila kanaaf adda dureedha jedhamanii shakkaman jedhee ummata nagaa karaa isaa irra deemu mootummaan Wayyaanee qabee bakka buuteen isaanii dhabamee jiru, qabamuu isaanii malee bakka itti hidhamanii fi bakka geessee isaanii hamma ammaatti kan hin argamne namoota maqaa isaanii argannee jirru :
1.Mohammad Alii
2.Shariif Husseen
3.Kaliifaa kamala
4.Mohaammad A/Jiffaar
5.Yasuuf Kadir
6.Abdallaa Kadir
7.Faaxumaa Mohaammad
8.Osumaan Awwal
9.Kadiroo Yasuuf
Kanneen jedhaman kun naannoo mana sagadaa Anuwaaritti tika Wayyaaneetiin qabamuu isaanii namootni argan dhugaa iyyuu garuu hanga ammaa bakka buuteen isaanii hubatamuu hin dandeenye. Kun ammayyuu hordoftoota amantaa musiliimaa boodatti kan deebisu osoo hin taanee amma gara qindoomina caalutti deembuuf ykn ce’uuf qophiin adda addaa godhamaa akka jiru dhagahama.
Karaa biraa baayinni Uummata Musiliimaa guyyaadhaan heddummataa kan dhufe yoo ta’u godinaa Jimmaa irraa uummanni guyyaa kaleessaa konkolaataa 5niin fe’amanii dhufanii akka itti dabalaman, har’a immoo godina Harargee, Wallaggaa Arfanuu fi godinoota Arsii lamaanuu irraa fincila ykn diddaa kanatti makamuun mootummaa farra dimokraasii fi nageenyaa ta’e irratti ka’uun nagaa waaraa biyyattii keessatti fiduuf jedhcha warraaqisa itti fufanii jiru.
Hanga ammaatti Finfinnee irraan alatti uummanni nama 5000 ol dhufanii diddaa kanatti akka dabalaman Qeerrooleen dhimma kana hordofan gabaasanii jiru. Karaa biraa Qeerrooleen Godinaalee adda addaa irra jiran dhimma ka’umsa hordoftoota amantaa musiliimaa kanaan wal qabsiisee addatti fincila kaasuu eegaluu fi eegalchiisuutti jiru.
Diddaan Ummataa kun mootummaa Wayyaaneetti xumura akka godhuu fi nagaan waaraa Oromiyaa fi naannoo isheetti akka bu’u qindeessitooti Qeerroo addeessu.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

OromoPress: Gootittiin Oromoo Adde Asilii Oromoo Dubbii Ijoo OSAtti Kannite

Aside

Kuni vidiyoolee gaggabaaboo ijoo dubbi Adde Asilii Oromoo irraa fudhatame. Hasaan Addde Asilii namoota baay’ee boochisuurra darbee, namoota walgahii WQO irratti argamaniif muxannoo isiin akka WBOtti fi hidhamtuu siyaasaatti keessa darbiterratti barumsa gudda kennee jira. For more visit   http://www.Gadaa.com

 

Radiyoo tamsaasa July 15,2012

Aside

Oromo – Seife Nebelbal Radio Program, July 15, 2012

Oromo Radio News/Oduu Simbirtuu – July 15, 2012 (Oromiyaa)

Wallagga Shaambu Irraa Poolisoonni Wayyaanee 4 Sirnicha Ganuun Qabsoo Sabaatti Makaman.

Aside

Adoolessa 15,2012 Gabaasa Qeerroo Shaambuu
Godinaa Wallagga,Horroo Guduruu irraa Poolisonnii Wayyaanee dhalootaan Oromoo kanneen ta’an namni 4 sirna mootummaa Wayyaanee ganuun hidhannoo isaanii guutuu waliin Adoolessa 14,2012 qabsoo ummataa naannicha irraa gaggeefamaa jirtutti tti  gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa .
Poolisoonni sirna gabroomfataa ganan kun mana hidhaa gabroomfataa magaalaa Shaambuu kanneen tiksaa turan yeroo ta’u,manneen hidhaa adda addaa keessatti Oromooti maqaa Oromummaan hidhamanii hiraara argaa jiran ilaaluu fi haala gochaa sukkanneessaa akkasii qalbiin keenya arguu waan dadhabeef jecha hidhannoo keenya guutuun qabsoo sabaatti makamnee diddaa gabrummaa gaggeessuuf dirqamne akka jedhan gabaasi nu gahe ifa godha.
Akkuma poolisoonni kun mootummicha jalaa miliqanii badaniin hidhamtoonni nama lama Adoolessa 14,2012 galgala mana hidhaa Shaambuu irraa mana hidhaa cabsanii badanii jiru. Haalli kunis poolisoota kanneen hafan shakkisiisee guyyaa har’aa Adoolessa 15,2012 Feederaala irraa qormaataaf humni biraa ergamee naannicha akka cinqaa jiru beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Mootummaan Wayyaanee Gaaffii mirgaa hordoftootni amantii musliimaa kaasaniin yaaddoo guddaa keessa bu’e.Gara jabinaan dhaabuuf yaalus milkii dhabuun waraanni Wayyaanee tasgabbii dhabe.‏

Aside

Finfinnee keessatti warraaqsa dho’een mootummaan wayyaanee yaaddoo guddaa keessa bu’ee jira.Guyyaa 13,07,2012 galgala keessaa sa’a shan irraa kaasee hordoftootni amantii musliimaa mootummaan dhimma amantii keessa galuu hin qabu jechuun hiriira nagaa kan bahan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee waraana federaalaa hedduumminaan yaasuun gara jabeenyaan reebuun ilmaan musliimaa 5 yeroosuma yoommuu ajjeesan hedduun isaanii madaa’anii jiran.Hiriira nagaa masgiidota gurguddoo Finfinnee keessaa kanneen akka Masgiida Anuwaar keessatti jalqabamee fi Awaaliyaatti jalqabameen mootummaan wayyaanee to’achuu dadhabuun waraanatti tarkaanfii gara jabeenyaan akka dhaabu ajaja dabarse.Waraanni mootummaa wayyaanee ajaja abbootii irree fudhate naannoo Fiinans boolla guddaa keessatti namootni hedduun aara ukkaamsaa poolisootni federaalaa gadhiisaniin hedduumminaan keessatti kukkufuun kan caccaban yoommuu tahu poolisootni federaalaas uummata musliimaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiru gara jabeenyaan rukkutuun miidhaa guddaa irraan gahanii jiran.

Hordoftootni amantii musliimaa hiriira nagaa bahan mootummaa irraa mirga hiriira nagaa bahuu fi wal gurmeessuu dhimma eeyyama gaafannuuf ghin qabnu,Mootummaan dhimma amantii keessa seenuu hin qabu,Rabbi malee mootummaan aangoo qabate jabaa miti jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiran.Poolisootni federaalaa halkan guutuu baay’ee olii fi gadi fiigaa bulan karaa gara Wiingetitti baasutti namni akka hin dabarre guyyaa har’aas dhorkaa oolanii jiran.Uummatni musliimaas namoota gaaffii mirgaa isaanii dura dhaabbatan poolisoota federalaa fi jala deemtota wayyaanee irratti tarkaanfii gara jabeenyaa fudhachuuf dirqamuun poolisootni federaalaa 27 haalaan miidhamuun hospitaala seenanii jiran.Magaala Finfinnee keessatti yoommuu wal gahiin Afrikaa gaggeeffamaa jiru mootummaan Wayyaanee qaaniin qabamne jechuun masgiidota hundaa wayita sagadan(salaatan) waraanaan eegaa jira.Magaalota gurguddoo biyyattii keessattis waraana bittinsuuf karoorsaa kan jiru yoommuu tahu,wal gahii aangaawotni gurguddoon dhimma nageenyaa Adoolessa 14,2012 gaggeessaniin musliimni keessa waan jiruuf osoo hin dubbatiin bahuu isaaniis saaxilamee jira.
Hordoftootni amantii musliimaa gaaffii mirgaa gaafachuu irraa hoomtuu duubatti akka isaan hin deebisne dhaammachuun uummatni marti waamicha keenya dhaga’uun akka gahee isaanii bahan dhaammatanii jiran.

Barattooti Oromoo University Jimmaa Adoolessa 14,2012 Sirna Wayyaanee Irratti Mormii Dhageessisan.

Aside

Adoolessa 15,2012 Gabaasa Qeerroo Jimmaa
Adooleessaa 14/2012 Mooraa University Jimmaa Keessaatti FDG’n Jabaatee itti fufee oole, Sabboontonnii baratootaa Oromoo University Jimmaa Caffee Obaamaa Jedhamuun mooraa sana keessaatti beekamuu irraa nyaataan 9000 Olta’aan Fulduraa Caaffeetti wal eeguun mootummaa Abbaa irree Wayyaanee balaaleffaataan. Nyaatas utuu hin nyaatiin olaan.
Barattooti Oromoo Yunversiy Jimmaa yeroo adda addaatti jagnummaan mootummaa abbaa irree dura dhaabbachuun sirna cunqursaa fi gabrummaa ummata Oromoo irratti barootaaf fe’amee jiru irraa buusanii Oromiyaa walaba ijaaruu irratti gaaffii adda addaa gaafataa kan turan yeroo ta’u.Adoolessa 14,2012 diddaa taasisaniin gaaffiin isaanii kan walabummaa fi bilisummaa ta’uu mormii mootummichaaf dhiheessan irratti ifatti dubbatanii jiru.
Sodaa kanaa irraa ka’uun Mooraan University Jimmaa humna waraanaa Wayyaaneen marfamtee eegamaa jirti. Kanaa malees Hiriiraa Mormii hordoftonnii amantaa Musilimaa Magaalaa Finfinnee keessaatti gaggeessaa jiraan kan deeggaraan ta’uu gotonnii baratootaa Oromoo University Jimmaa ibsan, FDG hordoftonnii Amantaa Musilimaatiin Maagaalaa Finfinnee keessaatti gaggeeffaamaa jiruun lubbuun namotaa

Godinaa Wallaagaa Bahaa Onaa Haroo Limmuu bakkaa Abbaa Mo’aa jedhamuu irraa namoonnii 18 ABO tti shakkamuun hidhaman.

Aside

Adoolessa 15,2012 limmuu
Haala tarkanfii gidduu kanaa diinaa irraatti fudhatamaa jiruun wal qabsisuun Humna Addaa WBO ummata keessa galee jiru baasuu qabduu jechuun namotaa nagaa 18 humna poolisaa Federaalaan qabamanii Onaa Haroo limmutti Hidhaman, namotaa hidhaman keessaa ammatti maqaan namotaa murasaa nu ga’ee
1. Hundee Guutamaa,
2.Caalchisaa Amanuu,
3.Fiqaaduu Taasisaa
4.Amanuu Olaanii,
5. Yaadataa Qadiidaa
6.Hundarraa Lammii,
7.Tasfaayee Geetahuun
Kanneen jedhamaan kan keessaatti argamaan yeroo ta’u namoonni kun badii tokko malee ABO dhoksitanii nyaachiisaa jirtuu, ABO’n isiin keessaa dhokatee tarkaanfii nurraatti fudhachaa jira jechuun seeraan ala qabamanii kan hidhaman ta’uu gabbaasi nu gahe addeessa.

Barattooti Yuniverstii lrraa Eebbifaman Miseensummaa Wayyaaneef Dirqamaa jiran hin fudhannu jedhan

Aside

Adoolessa 15,2012 Finfinnee
Gabaasaa Shawwa Lixaa,Ona Dandii Magaalaa Jalduu irraa nu gaheen, yeroon yeroo itti barattootni mana barumsaa isaanii xumuranii gara mana isaaniitti galan ta’uu isaa akkuma beekame, barattootni eebbifamtoonni barruulee eebbaa isaanii (dokumantii) kan akka Tiraansikiriiptii harakatti qabatanii akkuma galan, mootummaan Wayyaanee hojii argachuun miseensummaa malee akka hin taane dursee beeksisa baasuun isaa Qeerroon magaalaa jalduu gabaasa, kana sababeessuudhaan dokumantiiwwan barattoota harkaa guuraa akka jiru, miseensa guuttan malee hojii argachuu akka hin dandeenye dorsiisa itti bane jiraachun isaa gabaasaan addeessa.
Kan biroon akkuma beekamu diddaa fi sochii fincila hordoftoonni amantaa Musiliimaa gochaa jiran aboota hedduu fi Qeerroo oromootiin deggeramaa akka ta’e akkasumas amantaa kan biro cinatti fudhatama akka qabaachaa jiru Qeerroon godinaalee adda addaa irratti waamicha godhaa akka jiran kalattaii garagaatiin gabaasni nu gahaa jiru addeessa. Kunis yoo fudhanne amantaa biro waliin fudhatama akka qabaatuuf dhaadannoon amantaa musiliimaa masgiida Anuwaaritti guyyaa har’aa dhaadeessaa oolaniin; amantaa kamiinuu utuu hin qoodin waliin hiriiruudhaan tokkummaa horannee,harka wal qabannee yoo kaanee waraana wayyaanee mitii doorsisi waraana kamiinuu boodatti nun deebisu, kanaaf labsii tokkummaa amantaa biro waliin qabaachuu irratti qeerroon karoofatee guyyaa dhaamsota godinaalee maraaf dabarse irratti addeessee jira.
Karaa biraa sirna abbaa irree mootummaa Wayyaanee jijjiranii sirna demokraasii fi walabbummaa oromiyaa mirkaneessuuf jecha manni amantaa Makkaana Yesuu Dambi Doolloo irraa dhaamsi nu gahe akka jedhutti nutis sirna mootummaa abbaa irree jijjiruuf sochii amantaa mulsilimaa jalqaban waliin hiriirree ka’uuf kaayyoo keenya, kanaaf fincila keenya itti fufna kanaan wal qabsiisnee jedhchuun dhaamsa akka dabarfatan gabaasaan Qeerroo magaalaa Dambi Dolloo addeessa.

New Video: Muslims continue their strong demonstration against the Ethiopian government.

Aside

(Qeerroo , Finfinnee, 14 July 2012) The tension between the ruling Woyanne junta in Ethiopia and the Muslim community turned violent once again when Federal police opened fire on unarmed civilians  in Addis Ababa.

According to Qeerroo Bilisummaa reporter, the Woyanne Federal police forcibly  entered Awolia Mosque and arrested some individuals. Following that arrest, people came out to  the streets facing live bullets.

According to our sources Muslim leaders are appealing to the worshipers to take shelter. Finfinnee is partially thrown into chaos and darkness when power blackout hit the capital and a burst of gunfire at mosques broke the silence of the night. Police have used teargas and many people have been admitted to hospitals.

Millions of Ethiopian Muslims have been peacefully demanding for nearly one year that the government remove the un-elected Majlis (governing council) as well as stop the state-sponsored imposition of a new Lebanon-imported religion called Ahbash

According to different media sources, the the Federal police opened fire when the worshipers tried to reach the Awolia Mosque in Merkato that was blocked off this morning. Federal Police is being overpowered by the large crowed and started to retreat.