Seife Nebelbal Radio Program, July 20, 2012
Raadiyoo Simbrtuu Adoolessa 19,2012
Gootittiin Aslii Oromoo OSA 2012 irratti dhaamsa maal nuu dhaamtee?
Seife Nebelbal Radio Program, July 20, 2012
Raadiyoo Simbrtuu Adoolessa 19,2012
Gootittiin Aslii Oromoo OSA 2012 irratti dhaamsa maal nuu dhaamtee?
Adoolessa 20,2012 Giddaa Ayyaanaa.
Adooleessaa 18,2012 galgalaa tarkaanfiin mayyii daran jaabaatee ittii fufuun pooliisota Feederaala Wayyaanee 4 galafatee 6 ammoo haalaan madaayuun humni addaa injifachuu qeerroon gabaase.
Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa Haroo Limmuu bakkaa Abbaa Mo’aa Maagaalaa xiqqaa Buttuujjii jedhamuun beekamu kessaattii waraanaa mootummaa wayyaanee pooliisaa federaalaa humna Addaa WBO sakkaata’uuf qubsifamaan irratti humni addaa tarkaanfii fudhateen Poolisoonni Feederaalaa 4 battala hojii ala yeroo ta’an namni 6 ammoo madaayanii Hoptala Gimbiitti akka ergaman gabaasi nu gahe addeessa.
Poolisoonni humna addaa sakattaana jedhchuun naannichatti bobba’anii ummata hiraarsaa osoo jiranii humna sakatta’uuf deemaniin akka tasaa haleellaan irratti banameen kannen maqaan isaanii:-
1.Fisaa’aa Taarraaqenyi.
2 Zaalalem Waandimmuu,
3.Bayyanee Bertaa,
4.Zaalaleem Indeeshuu
Kanneen jedhaman tarkaanfiin maayyii kan irrati fudhatame yeroo ta’u warri hafan 6 ammoo du’aa fi jireenya jidduu akka jiran beekamee jira.
Haala kanatti kan rifate waraannii fi humni poolisa Wayyaanee ummata jeeqaa fi heddumminaan mana irraa qaqqabee akka jiru gabaafama.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!
Adoolessa 20,2012 Mattuu
Godina Illuu Abbaa Booraa ona Didheessaa jedhamu keessatti walitti bu’iinsi uummataa fi hidhattoota Wayyaanee gidduutti har’a( Adoolessa 19) guyyaa keessaa naannoo sa’atii 3:00wb walitti bu’iinsi guddaan akka ture qeerroon gabaasa.Sababiin walitti bu’iinsa kanaas daandii konkolaataa magaalicha keessa bahee gara Gambeelaatti kutu diddaa ummataan waan cumfamee jiruuf humni Wayyaanee olii gadi deemu karaa darbaa dhabuu yeroo dadhabetti ture kan diddaan kun ka’e. Haala kanaan namoota daandii kana cufanii fi ummata kakaasan sakattaanan jedhanii ummata hiraarsuuf hundi Wayyaanee bobba’e ummanni Oromoo naannichaas waraana Wayyaanee naannichatti bobba’e dura dhaabbachuun walitti bu’iinsi guddaa ta’ee jira.
Adooleessa 18,2012 ummata haala kanatti shakkin jechuun gara mana hidhaatti geessuuf yeroo waraanni Wayyaanee bobba’e irree uummantaan reebamuun of irra yeroo galagalu haalli kun uummata magaalichaa daran kan onneesse waan ta’eef har’a galgala kana uummanni meeshaa qabu baafachuun Wayyaanee ifatti loluun itti fufee jira.
Haala kanaan lukkeelee Wayyaanee meeshaa hidhatanii ummata itti dhukaasaa turan irraa irreen ummata Oromoo nama maqaan Abbayi Firaachoo nama jedhamu tokko irratti tarkaanfii maayyii fudhatchuun meeshaa isaa guutuu irraa hiikkatanii iraachuu gabaasi Qeerroon addeessa.
Hidhattooni wayyaanee hafan kaan isaanii lubbuudhaan uummata baqatanii akka bahan, meeshaa isaan gatanii bahanis harka uummataa akka gale qeerroon gabaasee jira. Daandiin kun kan cufame magaalichaa keessa bahee gara bosonaa waan ta’eef humna addaa ABOtu jira jechuudhaan kallattii sana irratti humna waraanaa naannoo Gambeelaa irraa, akkasumas Finfinnee irraa halkan kana geessaa akka jiru qeerroon gabaasaa nuun gahee jira. Odeeffannaan isaa akka nu gahee jirutti daandiin kun kan cufame sabboontota Oromoo shamarran nama lamaan akka ta’e gabaasaan addeessa. Sababa lukkuu wayyaanee kanaa galaafatameef walitti bu’uunsi uummataa fi mootummaa wayyaanee gidduutti ta’aa jiru akka itti fufaa jiru gabaasaan addeessa.
Karaa biraa barruuleen warraaqsaa dargaggoota magaalichaan heddumminaan faca’uu fi maxxanfamaa akka ture Qeerroon gabaasa.
It is the time to finish out the TPLF dictatorship and proclaim freedom for the oppressed Nations.
Press Release: QEERROO National Youth Movement for Freedom and Democracy (NYMFD)
July 2012 (Finfinne, Ethiopia)
Since the EPRDF government come to power, neither the Ethiopian people, nor the Oromos in particular have lived in peace and tranquility. The last 21 years on power, the regime has boosted itself as a guarantor of the right of nations and nationalities while it brutally imprisoned, tortured and killed these who have demanded for their legitimate right. Hunger, poverty, land grabbing, imprisonment and killings remains to be the visible face of the current dying regime. Despite the hugely hostile situation and unspeakable political tragedies meant to drag dissidents to submission, the people have remained at odds with dictatorial regime in its struggle. The sacrifices were also immense.
In Oromiya the fear and animosity of the regime towards the people has resulted in massive and limitless imprisonment and displacement programs; even if that has in fact strengthened the people towards its struggle for freedom and self-determination. In these years of struggles, the merciless Woyane prisons have claimed the precious lives of thousands of Oromos. When the option for a peaceful struggle literally disappeared, the people were dragged in to an armed struggle. The responses to the resistance of the people for the last two decades were imprisonment, killing and planned impoverishing programs. Read More Qeerroo Press Release July 2012 Finfinnee Oromia
Adoolessa 19,2012 Giddaa
Humnonnii poolisotaa federaalaa humna Adda WBO sakkata’uuf bakkaa Abbaa Mo’aa jedhamuu ergaa buufatanii torbee dabarsee jira, humnotaa dinaa bakka kanaa qubatanii jiran keessaa Adoolessaa 18,2012 poolisaa federalaa Wayyaanee namni ta’e Taayyee Asfaawuu namni jedhaamu fi kanneen kaan odeeffaannoo funaanuu fi uummata basaasuuf dirqama fudhatanii gara uummataattii ergaaman dirqama bobba’aniif ummata keessa lohaa fi ummata hiraarsaa turanii gara bufataa bakkaa Abbaa Mo’aatti deebi’aa osoo jiranii humnii Adda WBO tarkanfii haleellaa irraatti fudhachuu namticha Taayyee Asfaawu hojiin alaa isa taasiseraa, warren isa waliin turan kaan haalleellaa kanatti baaraguun reeffa nama kanaa achumatti dhiisuu fi meeshaa qaban darbatanii naannoo sanii baqachuun namonni ijaan argaan ragaa bahuun gabaasanii jiru .Tarkanfii kanatti ummaanni akka malee gammadee jirachuunis ibsame.
Adoolessa 18,2012 Dambi Doolloo
Gabaasaalee Qeerroo yeroo darbee keessatti diddaan sirna mootummaa Wayyaanee Ona Anfilloo Ganda Yattii irratti eegale osoo wal irraa hin citiin itti fufee jiraachuuu gabaafamee ture.
Haala kanaan naannoo Anfillootti yeroo dheeraaf ergamaa Wayyaanee ta’uun ummata hiraarsaa kan turee fi humna addaa WBO adamsiisaa kan ture maqaa ABO tiin ummata naannoo sanii fi keessattuu dargaggoota Oromoo manneen barnootaa irraa hiisisuun kan beekame nama maqaan Fantaa Geetachoo jedhamu akeekachiisi itti kennamee ture. Akeekachiisa ummanni kenniifii diduun diddaa ummataa dura dhaabbachuun humna poolisa Federaalaa naannoo sanitti bobbaasuun ummata hiisee kaanis hiisisaa osoo jiruu eda Adoolessa 17,2012 galgala mana jireenya isaa horii guddaan hojjechiisee jiruu fi qabeenya isaa guutuu humni hin beekamiin tarkaanfii irratti fudhateen guutummaan qabeenya isaa barbadaayee jira. Inii fi maatiin isaa haala kanaan madaayuun yeroo ammaa mana Yaalaa galanii haala hamaa keessa akka jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe addeesse.
Guyyaa har’aa Adoolessa 18,2012 humni dabalata poolisa Wayyaanee naannoo kanatti bobba’uun ummataa fi dargaggota naannichaa namoota tarkaanfii kana fudhatan baasa jechuun qabee qormaata akka jiru gabaasi nu gahe beeksisa.
Qabsoon itti fufa!Gabrummaan ni kufa!
Adoolessa 18,2012 Aanaa Jaarsoo
Yeroo ammaa Oromiyaa keessatti sochii diddaa sirna Wayyaanee irratti ta’aa jiru kan ammaan duraa irra daran babaldhatee jira. Ummanni Oromoo cunqursaa akkaaniin ukkamfamee jiru nu gahe gabrummaan jechuun godinaalee mara keessatti sochii fi diddaa muldhataa argamsiisaa jira. Haala diddaa Oromoon wal qabatee hordoftoonni amantaa musiliimaa sirna Wayyaanee mormuudhaan bal’inaan mormii kaasan mootummichatti yaaddoo ta’uu irra darbee gara kufaattii isa geessaa jira.
Akka kanaan gabaasi Aanaa Jaarsoo, godina Harargee Bahaa irraa nu gaheen , namootni maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffaman kun diddaa yeroo irraa yerootti Oromoon aanaalee keessatti muldhisaa turee fi yeroo ammaa magalaa Finfinnee keessatti karaa amantaa musiliimaan wal qabatee eegaleen warra adda durummaan diddaa ummataa fi sochii warraaqsaa kanneen qindeessitani jechuun poolisooti Feederaalaa argamuun qabamanii bakka buutiin isaanii hanga ammaa hin beekamiin jira
Gabaasi akka nu gahetti jarreen kun qabamanis sochii farra gabrummaa fi diktaateraa gochaa jirru duubatti nu hin deebisu jechuun hordoftooti amantaa musiliimaa godina san keessatti argamu marti diddaa kana naannichatti cimsuuf qophii irra akka jiran Qeerroon naannoo sanii gabaasee jira. Qabamuu namoota kanaa booda uummanni diddaa isaa itti cimsee akka jiruu qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Maqaan namoota Adoolessa 17,2012 qabaman kunis :
1.Hawwaa Jaffaar
2. Mohaammad Ibraahim
3.Qamar Kadir
4.Sulxaan Abdii
Kanneen jedhaman yoo ta’u namoota diddaa kana jalatti hiriiran shakkiidhaan qabamaa jiran naannoo naannoo irraa hedduu akka ta’an gabaasi nu gahe addeessa
Sirni Diktaateraa fi Cunqursaa TPLF Xumura Argachuuni fi Cunqurfamtootni Mirga isaanii Harka Galfatuun Yeroon isaa Amma
Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Bilisummaa fi Dimokrasiif (Qeerroo), Adoolessa 2012
Mootummaan abbaa Irree EPRDF erga aangootti bahee ummati Itopiyaas ta’e addatti Oromoon nagaa fi qabbana argatee qe’ee isaa irra guyyaa tokkoof illee hin jiraanne. Erga TPLF baroota 21f aangoo gubbaatti human waraanaan of irroomsee as maqaa mirga sabootaan kabajchiisaan kakataa garuu mirgi sabootaa ukkaamsaa fi kanneen mirga isaaniif falman duguugaa fi hidhaatti dararaa as gehe. Beelli, hiyyummaan, hidhaa fi ajjeechaan akkasumas qabeenyaa samamanii dachii irratti dhalatan irraa buqa’uun miidhaa daangaa hin qabnetu ummata irra gahaa yoona gahe. Sirni nama nyaataa ta’ee ummataafis ta’e biyyattiif silmii itt ta’ee jijjirraa tokkoon malee yoona geessisuun waan hin malle tahus umanni baroota bittaa Wayyaanee kanatti diddaa deemsisuu irraa osoo duuba hin jedhiin warraaqsa wal irraa hin cinne gaggeessaa yoona gahan. Warraaqsa kana keessattis wareegamni bahe haalan guddaa dha.
Oromiyaa keessatti soda fi dinummaa sirni kun Oromoof akka sabaatti qabu irraa ummanni Oromoo hidhamuu fi qe’ee isaa irratti hiraafamuun daangaa dhaba tahu illee cunqursaa gara jabina kanaf osoo hin jilbeeffanne ummanni Oromoo walabummaa fi bilisummaa isaaf aarsaa hiriyyaa hin qabne kafalaa yoona gahee jira. Aarsaa kafalame kana keessatti manneen hidhaa biyyattii Oromoota kumaatama hedduun lakkaawaman nyaatee hafe. Karaa nagaa mirga gaafachuun dadhabsiisaa taanaan filmaati jiru qawwee kaasanii mirgaa sabaaf falmuun mirgaa fi dirqama waan taheef ilmaan Oromoo kumaan lakkaawaman bilisummaa saba isaaniif aarsaa kafalaa diddaa muldhsuun yoona gahe. Gutummaa ibsa kanaaf:- Ibsa Qeerroo Adoolessa 17,2012 Finfinnee
Adoolessa 17,2012 Giddaa Ayyaanaa
Godina wallaaggaa bahaa Onaa Giddaa Ayyaanaa Bakkaa Shaashoo Barrii jedhamuttii dureessa Abbaan Qabeenyaa Wayyaanee nama maqaan Nugusee Mahaarii jedhamuu kutaalee Oromiyaa gara garaa keessa deemee kan daldaluu fi kuusaa ykn Magaazanaa midhaan Dheedhii fi zayitaa magaazana guddaa ijaaree midhaan akka Nugii,talbaa,saalixii Xaafii,Boqqolloo fi kkf Wallagga keessaa bitee kan kuusaa kan turee fi yeroo ammaas kuufama midhaan kanaa naannoo Giddaa Ayyaanaa Bakka Shaashoo Barii jedhamu jiru Adoolessa 16,2012, Humni hin beekamiin Godinaa dhihaa Oromiyaa keessaa socho’uu tarkkanfii maayyii irraattii fudhatee gutummaatti qabeenyaa kufaameefi magaazana isaa waliin ibiddaan barbadeesse.
Haala tarkanfii kanatti uummaannii Oromoo hedduu gammadee kan jiruu ta’uun naannicha irraa Qeerroon gabaasa. Keessaattuu namni Nuguusee Maarii jedhamuu kun dhalootaan lammii Tigree kan ta’ee fi sabboontotaa Abbaa Qabenyaa Oromoo basaasuun bakkoota adda addaatti kan hisisaa ture, namotaa abbaa qabeenyaa Oromoo namootaa inni hisisaa turee fi ammaa iyyuu mana hidhaa Qaalittii jiran kan akkaa Abbaa Qabeenyaa Ilmaa Oromoo Daassaalenyi Daabal magaalaa Naqamtee keessatti abbaa qabeenyaa kan ture ta’uu beekama.
Daasaleenyi Dabaal baleessaa tokkoo utuu hin qabaatiin namichaa kanaa waliin hojii investimetiif dorgomee waan mo’ateef inni ABO dha jechuun akka qabamee hidhamee ehama daldalaa Obbo Nuguseen gaggeessuu fi caal baasii inni moohate ofitti fudhatee akka daldalataa ture ummanni marti ni beeka. Walumaa gala abbaan qabeenyaa kun nama Wayyaanee ta’ee fi ummata Oromoo guddoo dararaa kan ture waan ta’eef tarkaanfiin kana fakkaatu qabeenya isaa irratti fudhamee jiraachuu qeerroon godhinicha irraa gabaasa
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!
Adoolessa 17,2012 Jimma
Gabaasa Adoolessaa 16/2012 Godinaa Jimmaa Aanaa Deeddoo fi Sarboottii Hawwaasni musilimaa sagaalee mormii dhageessisuu jabbeessee itti fufee jira, mootummaan garboofataa, humnaa waraanaa polisaa federaalaa garaa Aanaawwaan kanaafi magaalaa Jimmaattii guuraa jira, kanaa malees tajajilaa bilbilaa fi marsaalee internetii network balleessuun ummata irraa mootummaan Wayyaanee quunamtii kutee jira. Sirni mootummaa TPLF ummata irraa sodaa guddaa keessaa seene network balleessuu toftaa, godhatee yeroo irraa gara yerootti haahojjetu malee diddaan ummataa fi haalli sochii warraaqsaa alanaa mootummicha hundee irraa akka buqqisu shakkii tokko hin qabu kan jedhu ummanni dubbata.
Diddaa hawaasi musiliimaa aanaa Deeddoo fi Sarbootti taasisan kana irratti gaaffiin ummataa inni guddaan,waayee mirga ummataa fi amantii yeroo ta’u dhadannooleen dhageessifamanis kan mirga hawaasummaa fi abbaa biyyummaa gaafachuu waliin wal qabatee mirgooti amantii akka kabajaman kan jedhutu keessatti argama.
Itti fufa gabaasa haala kanaa jala buunee dhiheessina