Oromiyaa Keessatti Tarkaanfiin diina irratti fudhatamu daran Jabaachuun Ajajaan shantamaa(Saajin) Mohaammed Usmaan fi Ahamed(Waddoo) Usmaan irratti tarkaanfiin maayii fudhatame

Aside

Adoolessa 2,2012 Gabaasa Qeerroo Wallagga

Tarkaanfiin diinaa fi qabeenya diinaa irratti fudhatamu Oromiyaa keessatti daran jabaachaa dhufuun Godina Horroo Guduruu Wallaggaaa aanaa Amuruu magaala Amuruu keessatti jala deemaa mootummaa Wayyaanee yeroo dheeraa,amanamaa mootummaa Wayyaanee yeroo dheeraa kan tahe Poolisii Ajajaa shantamaa(Saajin) Mohaammed Usmaan jedhamu irratti Tarkaanfiin maayii fudhatame.Jala deemaan mootummaa Wayyaanee yeroo dheeraa Fincila diddaa Garbummaa 2006 magaala kana keessatti qabsiifame irratti barattoota oromoo rasaasaan rukkutaa kan turee fi waajjira Poolisii keessatti reebichaan dararaa kan ture dha.Kana malees ilmaan oromoo ragaa sobaan isin Miseensa ABO ti jechuun mana hidhaatti naqaa kan ture amanamaa mootummaa wayyaanee yeroo dheeraa kan tahe irraa ka’uun tarkaanfiin maayii irratti fudhatamee jira.Uummatni magaala Amuruu fi naannoo kanaa tarkaanfii kanaan hedduu kan gammadanii fi sirna awwaalchaa isaas lagatanii jiru.

Wwayyaanee dargaggoota Oromoo naannoo kanaa tarkaanfii kana kan raawwate isini jechuun qabuun dararuu jalqabanii jiran.Dargaggoo Oromoo Biqilaa Warquu ati keessa beekta baasi jechuun qabanii reebichaan dararuu irratti argamu.

Kana malees gaafa  Waxabajjii 28,2012 Godina wallaaggaa Bahaa Onaa Hammuruutti Tarkaanfiin keessaa deebii hin qabne lukkeelee diinaa namaa yeroo dheeraaf ummataa dararaa turee fi bara 2008 FDG baratota Oromoo keessaatti barataa Jireenyaa Raggaasaa Ajjeese poolisii Wayyaanee nama maqaan isaa Ahamed(Waddoo) Usmaan jedhaamuu irraatti tarkaanfiin maayyii fudhatame, poolisiin kun nanno jijiratee shira diinummaa dalagaa kan tureefi yeroo ammaa kanaa Onaa Hammuruuttii deebi’uun gochaa diinummaa dalagaa utuu jiruu tarkanfiin kun irree ummataan irratti fudhatame jira.

Godina kana keessatti uummatni diddaa daran kan jabesse yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee miseensota isaa yakkuun maqaa qorannoon rakkisuu jalqabe.

Mootummaan Wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun Hordoftoota amantaa Musliimaa Hidhaan dararaa jira

Aside

Adoolessa 2, 2012, Mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Mattuu Kamisee fi Tuujjee keessatti namoota hidhuun hiraarsuu irratti argama.Aanaa Mattuu Kamisee keessatti Imaamni masgiida Kamisee Sheik Saaleh jedhaman mootummaa wayyaaneen qabamanii kan miidhaan garaa garaa irra gahaa jiru yoommuu tahu namootni gaaffii mirgaa mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessa seenuu hin qabu jedhan mootummaa wayyaaneen ukkaamsamuu dararamuu irratti argamu.Aanaa kana Keessaa namootni hedduun mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu Obbo Zeenuu Abdallaa kanneen keessatti argamu.Diddaa jabaan mootummaa wayyaanee uummata irraa kan isa mudatee fi Uummatni wal gahii kan lagate yoommuu tahu mootummaan wayyaanee diddaa kana jala dhaabbachuuf waraanaa fi dabballoota hedduumminaan bobbaasuun uummata jeequu irratti argamti.Mootummaan wayyaanee dhimma amantii keessa seenuun Arsii,Baalee fi Finfinnee keessatti uummata dararaa turuu fi itti jiraachuun isaas ni yaadatama.

Uummatni Beenishaangul lafa isaa investerummaan kennamu irratti mormii kaase!

Aside

Oduu Waxabajjii 29,2012 Asoosaa irraa nu gahe akka addeesstti Mootummaan Wayyaanee lafa uummata biyyattii investerootatti gurguruun uummata biyyattii keessaa hiyyummaaf saaxilaa,mana dhabdee taasisaa kan turee fi har’as itti jiru tahuun isaa beekamaa dha.Uummatni Beenishaangul Gumuz aanaa Maa’oo Koomoo keessatti argaman lafa keenya investerottaaf hin kennitu jechuun mormii jabaa dhageessisaa jiru.Hojjettoota mootummaa Wayyaanee waliin hidhata qabaachuun lafa uummataa qabeenya investerootaa taasisan uummatni itti seenuun arrabsuu fi qaanessuu irratti argama.Mootummaan Wayyaanees wal gahiif uummata walitti qabus uummatni mootummaan kun saamtuu dha,hattuu dha jechuun ifaan dubbataa jira. Godina Matakkal jedhamu keessattis diddaa wal fakkaataan mootummaa wayyaanee mudatee jira.Mootummaan wayyaanee diddaa kana dura dhaabbachuuf waraana dhibbaan lakkaa’aman magaala Asoosaa galchaa jira.
Kana malees Zoonii Oromiyaa keessatti Waxabajjii 27/2012 Hooggantotaa OPDO fi bulchiitonni Onaa Heebantuu fi Haroo limmuu tiin hojii irraa arii’atamuu qofaa mitii ni hidhamtuu qabeenyaan keessaanis mootummaadhaan akka dhaalamuu ta’aa jechuun gareen Wayyanotaan hoggaanamuu kan humni tikaa Wayyanotaa Godinicha kan maqaan isaa ‘Shallaamaa’ kan jedhamuu fi Geetachoo Gammadaa itti gaafatamaa Poolisii Go/Wal/bahaa kan ta’aan humna poolisaa Federaala deeggaramanii yeroo ammaa kanaa rakkoo keessaa lukkeelee sakkataa’uuf bobba’an lukkeelee dorsisaa jiraachuun gabaafame. Haalaa kanaan yeroo ammaa kanaa waldhibdeen cimaan keessaa OPDO fi dabalootaa wayyaanee gidduutti ciimaa jiraachuun gabaafame.

Waxabajjii 27,2012 Irraa Kaasee Keellaawwaa Magaalaa Finfinnee irraatti sakkatta’insii akkaa malee jabaatee jira.

Aside

Waxabajjii 30,2012 Finfinnee
Mootummaan Wayyaanee yeroo amma kana shakkii guddaa keessaa seenuun keellaawwaan jiraan irraatti sakkatta’insaa cimsee jira, sakkata’insa kanaas hangaa waraqaa illee gadi fageessaanii dubbisuun sakkata’insa gochaa jirtii, kanaafuu sabboontotaa Oromoo University irraa gara matii deemaa jiran of eegganoo cimaa akka godhan hubaachiisuun barbaachiisadha, kaleessaa galgalaa kutaa magaalaa Finfinnee naannoo Magananyaatti halkaan keessaa sa’aa sadii irraatti poolisonni Federaalaa wayyaanee dhukaasaa wal irraa hin cinee walakka sa’atiif taasisuun gabaafame, polisonni sirnichaaf moootummaan garbofataa of sodaatee dadammaqaa jiraachuun ibsamera.
Motummaan garboofattuu Wayyaannee kun karaa dandiiwwaan gurguddaa gara Magaalaa Gudditii Oromiyaa Finfinneettii seensisuu keellaawwaan jiran iraattii sakkatta’insaa cimaa taasisaa kan jiru keessaa kellaawwaan kunis Daandii guddichaa Jimmaa gara Finfinnee geessuu, Adaamaa garaa Finfinnee geessuu, fi daandii guddaa karaa Kaabaa gara Walloo Finfinnee geessuu irraatti sakkata’insii kun daran haamatee jirachuu keessaa beektonnii saxilaniru,

Barattootni Oromoo Aanaa Sibuu irraa Miseensota ABO jedhamuun hidhamanii dararamaa jiru

Aside

Waxabajjii 30,2012 ,Godina Wallagga bahaa aanaa Sibuu siree keessatti mootummaan wayyaanee barattoota oromoo isin Miseensota ABOti,qeerroo keessatti ijaaramtanii uummata ijaaraa jirtu jechuun yakkee mana hidhaa mootummaa wayyaanee Sibuu siree keessatti dararaa jira.Barattootni
1. Gammachuu Gonfaa fi
2. Soorumaa Baqqalaa
jedhaman mootummaa wayyaaneen maqaa ABOn yakkamanii kanneen mana hidhaa keessatti dararamaa jirani dha.Mootummaan wayyaanee barattootaa fi barsiisota naannoo kanaa maqaa ABOn funaanee mana hidhaatti naqaa kan jiruu fi dargaggootni naannoo kanaa fi barsiisotni dararaa mootummaa wayyaanee jalaa miliquuf dirqamanii jiran.