Adoolessa 30,2012 Gullisoo
Qondaaloti OPDO aanaa Gullisoo godina Wallaga lixaa keessaa barattootaa fi dargaggoota Oromoo magaalaa fi baadiyyaa keessa deemuun karaa irraa qabanii bilbila harkaa irraa fuudhuun faaruu ABO fi sirboota warraaqasaa kan akka Hirphaa Gaanfuree baattanii deemtu jechuun sakkata’a guddaa gaggeessaa jiraachuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Qondaaloti OPDO milishoota gandaa fi poolisoota of faana buusanii sirba Hirphaa Gaanfureetu bilbila dargaggootaa fi barattootaa irra jiran sababa jedhuun kan sakkata’a gaggeessaa jiran keessaa.
1. Amantii Iddoosaa ga’een isaa Sabquunnamtii ,
2. Tashoomee Akaaluu Afayaa’ii mana maree olaanaa
3. Margaa Jaalal
Kanneen jedhaman yeroo ta’an. Dargaggooti hedduun bilbila isaanii kennuu diduu irraan walitti funaanamanii mana barnootaa Horest Spiingis jedhamu keessatti akka walitti qabamanii jiran Qeerroon naannicha irraa gabaasa. Haala kanaan warra wallee Hirphaa dhageeffattan jirtuu jennaan wallen Hirphaa bilbila keenya irra osoo hin taane onnee keenya keessa jira jechuun ifatti lukkeelee Wayyaaneef ibsuun beekame.
Kanuma waliin naannoo kana gandoota akka Calliyaa Eekkaa keessaa jala deemaan OPDO hojii barsiisummaan kan jiraatu Taayyee Biraanuu barattoota fi barsiisota basaanuun yeroo adda addaatti kan rakkise yeroo ta’u Adoolessa 28,2012 miseensota Qeerroon akeekachiisi jabaan xalayaan akka itti kennamee jiru gabaasan.
Karaa biraa Anaa Ayiraa kana keessatti barsiisotiin 4 maqaa ABOn shakkamuun akka hojii gadi lakkisaniif waraqaan ittiin hojii gadhiisan Adoolessa 27,2012 OPDO irraa isaan dhaqabee jira. Kanneen keessaa mursaas:-
1. Mangistuu Doctooree bars Fiiziksii ,
2. Qees Minaasee bars macaafa qulqulluu,
3. Raajee Darasuu barsiiftuu Baayoojii,
4. Eebbaa Dheeressaa bars Muummee Afaan Oromoo.
5. Kanneen jedhaman keessatti argamu.
Qabsoon itti fufa.Gabrummaan ni kufa!
