Hararge,Ona Mi’eessoo Keessatti Poolisoonni Diinaa 3 Irree Ummataan Adabaman.Diddaa Ummanni Taasiseen Sabboontoti Hidhamanis Gadiifaman.

Aside

“Tolaan Dhabnaan Gaaffii Irreen Mirkanfanna”

Adooleessa 27,2012 Mi’eessoo

Harargee Bahaa, Ona Mi’eessoo keessatti shakkii maqaa ABOtiin barattootni hidhamanii akka jiran gabaasa qeerroo yeroo darbee keessatti gabaafamee jira.Haalli kun ummata naannoo fi maatii baratoota kanaa kan yaaddessee fi biyya dhalatanii jiraatan irratti ilmaan isaanii akka loonii qabamanii hidhamuun kan isaan aarse ummanni barattootaa maatii ijoollee hidhamanii waliin wal qindeessuun Adoolessa 25,2012  barattooti hidhaman hatattamaan akka gadhiifamanii maatii isaaniiti deebi’aniif jecha fincila kaasaniin uummataa fi hidhattoota wayyaanee gidduutti walitti bu’iinsa uumuudhaan lukkuulee Wayyaanee keessaa namni sadii harka uummataan reebamee hojiin ala ta’ee mana yaalaa magaalaa Mi’eessoo akka galan gabaasaan addeessa. Lukkuuleen diinaa irree ummataan adabaman kunis :

1.Abbichuu Daagim

2.Waasihuun Mengeshaa

3.Ifreem Zawuduu

Haalli kun jabaatee waan itti fufee uummannis diddaa jabeessuun gaaffii barattooti kun akka gadhiifamanii waan kaaseef Adoolessa 25/2012 galgala keessaa naannoo sa’a 12:00 AM irratti barattooti kun akka gadi dhiifaman ta’ee jira. Diddaan ummaataa kun roorroo if irraa ittisuu waan ta’eef guutuu Oromiyaa keessatti bifa kana fakkaateen akka deemu qeerroon dhaamsa waliif dabarsee jira.

Waraana Wayyaanee Uummata Goolan 5 Irratti Tarkaanfiin Keessa Deebii Hin Qabne Fudhatame.

Aside

Adoolessa 27,2012 Naqamte

Adooleesaa 24,2012 Godina Wallaaggaa Bahaa Onaa Haroo Limmuutti tarkaanfiin maayyii jabaatee itti fufe.

Onaa Haroo Limmuu bakka Darbaa jedhamee beekamu dangaa Gimbii(Haaroo Limmuu Fi Lixaa Wallaaggaa Gimbii)gidduutti waraanaa Wayyaanee Humna Addaa WBO sakkata’uuf bobbaa’ee, gara Gimbiitti cee’uuf naannoo laga dhidheessaa yeroo gahanii lagicha ce’uuf sodaachuun bakka Darbaa jedhamu qubatanii utuu jirani Humni Addaa Tarkaanfii haleellaa irraatti fudhatee waranaa Wayyaanee shan hojiin alaa taasisee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.

Hanganumaan kan baarage waraannii Wayyaanee dhukaasaa of irraatti banee sagalee meeshaa gurguddaa kan akka Materayesii reebaa turuun saawwaan qonnaan bultootaa nannoo sanaa Afur(4) ajjeesan,kanuma waliin basaasa waraanaa Wayyaanee kan ta’ee miseensii OPDO tokko namni maqaan “Taakkalaa Amantee jedhamuu warannii lagatti rukutamee namnii du’ee jiraa jedhee utuu Haroo Limmuu irraa gara Poolisotaa Gimbiitti bilbiluu”gareen Humna Addaa Haroo limmuu keessaa jiruu siin immoo maltuu sii galchee jechuun akka malee reebani caccabsanii akka jiran qeerroon gabaasa.

Haaluma kanaan yeroo ammaa Gimbii fi Haroo limmuu gidduu Humnaa Addaa Sakkata’uuf jedha olii fi gadi kan raafamaa jirtu humni waraana Wayyaanee abdii kutachuun garatti goran dhabanii jiran.Poolisoonni naannoo sochii waraan Wayyaanee kana irraa mormii fi mufii waan qabaniif haamleen mootummichaaf hojjechuu irraa dhaabbachaa kan jiruu fi gara diddaa ummataattis makamaa akka jiran gabaasichi addeessa.