Hiriiraa Mormii Hawaasaa Musilimaa Finfinnee.

Aside

(Qeerroo, Finfinnee,23 Adoolessa 2012) Hawaasti Musiliimaa diddaa fi mormii mirga amantii isaanii kabachiifachuu eegalan jabeessanii itti fufanii jiru.Mootummaan Wayyaanees shira addaddaa xaxuu fi hawaasa Musilimaa bakka addaddaatti qooduuf yaaliin godhu amma illee itti fufee akka jiru keessa beektoti saaxilanii jiru.
Yeroo hamaa kana keessattis ta’ee yeroo nagaa keessatti kaayyoo ofii milkeessuuf kutatanii diddaa fi mormii belbelchuun murteessaa ta’uu garuu hawaasti marti karaa maraan irratti walii galaa jiru.
Qeerroo

Kaabinoonni Aanga’oo 11 Sirna Wayyaanee Diduun Hojii Dhiisan

Aside

Adoolessa 23,2012 Laqamte.
Godinaa Wallaaggaa bahaa Onotaa Haaroo Limmuu fi Limmuu Galiilaa irraa Kabinoonnii OPDO ol aanoon angoo irra turan sirna mootummaa Wayyaanee nu gaha jechuun aangoo gadi lakkisan.
Haaluma kanaan Onaa Haroo Limmuu irraa
1.Admaasuu Guddaataa    Bulchaa Onaa Haroo Limmuu
2, Fayisaa Biilaa     I/A/Bulchiinsaa ” ”
3,Daasalee Dabaloo   Bulchinsaaf fayinansii ” ”,
4,Girmaa Duubee   Itti gafatamaa wajjiraa OPDO ” ”
5. Adulaa Gannatii     Miseensa kabinee ” ”
6. Biraanuu Gammadaa     miseensa ” ” ”
Kanneen jedhamaa yoo ta’an warri hafan 5 Onaa Limmuu Galiilaa irraas diddaa isaanii beeksisuuf sirnicha nu gaha jedhan keessaa
1, Asaffaa Galataa    I/G /Waajjira barnotaa onaa Limmuu Galiilaa
2,Margaa Sirnaa     Bulchaa Onaa Limmuu Galiilaa
3, Abdiisaa Goobanaa    Af-Yaa’ii Onaa Limmuu Galiilaa
4,Insarmuu Gurree    Bulchiinsaafi faayinaansii ” ”
5.Tsaayii Mengashaa   I/Gaafatamtuu wajjiraa OPDO Onaa Limmuu Gaalilaa kanneen jedhaamaan keessatti argamu
Aangawoonni kun yeroo adda addaatti tika mootummaa Wayyaanee fi humna waraana Wayyaaneen ummataa tasgabeessuu hin dandeenyee akeeka ABO qabattanii waan jirtaniif ummanni walitti fufiinsaan fincila nurratti gaggeessaa jira,humni waraana ABO naannoo kanaa sosso’u gargaaruu keessaa bulchiisi qooda qaba kan jedhuu fi yaadota adda addaan qormaatti irratti gaggeefamaa waan tureef jecha sirni EPRDF hamma fedhe yoo isa tajaajilan deebisee nama nyaata waan ta’eef sirna bususee badaa jiru kanaaf tajaajilbuu irra gaaffii ummati keenyi gaafachaa jiru waliin deemnee waan dadneenyu mara gumaachina kan jedhuun angoo lakkisan
Gama biraan mootummaa Feederaalaa irraa ergamne kanneen jedhan qondaalotiin Wayyaanee guyyaa har’aa akka ummataaf ibsaa jiranitti, Kaabinoonni kun ofiin aangoo lakkisan osoo hin taane waan akeeka ABO qabaniif mootummaan aangoo fi gaafatama isaanii irraa ari’e jechuun dubbatu. Mootummaan ari’es ta’e sabboontoti kun aangoo fiin lakkisuun dhimma qabsoo bilisummaa Oromoo waan ta’eef Oromoonni sirna mootummaa tajaajilan marti haallen kana irraa baratee bakka maratti tajaajila sirna kanaa akka dhaabuuf fakkeenya gaarii ta’anii argamu.
Kanneen aanogoo irraa lakkisanii qabsoo uummataatti makaman kana keessaa Qeerroon Adoolessa 23,2012 ganama argee akka dubbisetti “ Nuti naannoo keenya kanaa warri hojjennu sabboontota ilmaan Oromooti,dararaan ummata Oromoo irra gahaa jiruu fi maqaa sabboonummaa isaan ilmaan Oromoon kanneen dhumaa jiran lakkoofsa hin qaban,mootummaan kun unuun of fuula dura qabee ummata keenya fixaa waan jiruuf kana ammo teenyee ilaaluu irra hojii gadi lakkifnee akka ummati keenya ta’u taana jenneeti” jedha.
Haala kanaan dhuma jaarraa bulchiisa Wayyaanee jala Oromoota bulchiinsa irra jiran qofa osoo hin taane kanneen waraana keessa jiran marti sirna cunqursaa kana akka hin tajaajjilleef diddaa muldhisuun meeshaa isaanii mootummichatti akka deebisaniiif jecha waamichi kara karaa darbaafii jiraachuu Qeerroon gabaasa.

Waraana Wayyaanee 4 Irratti tarkaanfiin maayyii fudhatamee kan hafan madaayuun Hosptala Naqamtee galan

Aside

Breaking News – 

Adoolessa 22,2012 Habee Dongoroo
Adooleessaa 22/2012 Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa Habee Dongoroo bakaa Tulluu Gaanaa Jedhamuttii tarkaanfiin keessaa debi’ii hin qabnee waraanaa Wayyaanee uffata poolisotaa federaalaa jijjiirachuun ummaata keessaa galee odeessa funaanuu fi qonnaan bulaa Oromoo akkasumsa jiraattota naannoo ABO fi Qeerroo if keessaa baasaa sababa jedhuun hiraasaa kan ture irratti guyyaa har’aa Adoolessa 22,2012 waaree booda humni addaa haleellaa fudhateen loltooti Wayyaanee afur battala hojii ala taasifamuu fi meeshaan hidhatanii deeman dhuunfata humna addaa jala akka gale gabaasi naannicha irraa galgala kana nu gahe addeessa.
Waraanni Wayyaanee tarkaanfii kanaan hojii ala ta’ann maqaan isaanii:-
1. Alamuu Tayyee,
2.Mammoo Garbee,
3.Wandimmalem Ayanechoo,
4, Taddaasee Bayee
Kanneen jedhaman yeroo ta’u warri hafe kaan akkaa malee madaa’anii konkolaataan fe’amaanii gara hospitaala Neqamteettii akka geeffamanii jiran gabaasi Qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.
Haala kanaan ummanni naannoo yeroo ammaa kanatti walitti dhufuun sirboota gootaa fi faaruu warraaqsaan dhichisaa akka jiru Qeerroon naanncha irraa gabaasa.
Qabsoon itti fufa!! Bilisummaan ni dhufa!!

Waraanni EPRDF Manneen Sagadaa Cabsanii Seenuun, Buufata Waraanaa Taasisan.

Aside

Adoolessa 22,2012 Finfinnee

Uummanni nagaa qabamanii yeroo hidhaatti darbaman

Uummanni nagaa qabamanii yeroo hidhaatti darbaman

Mootummaan garboomfataa wayyaanee sodaa fincilaaf waraana isaa masgiidota biyyattii keessaa akka tiksan ajaja dabarseef.Hordoftootni amantaa musliimaa fi uummatni biyyattii mootummaan wayyaanee mirga dhala namaa guutummaan dhiibuu hubatan gaaffii mirgaa kaasan jala dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee masgiidotaa fi bakkeewwan uummatni baay’atu tiksuuf dirqame.Guyyaa har’aa Finfinnee keessatti naannoon masgiida guddaa Anuwaar waraana wayyaanee meeshaa guutuun uummatni salaataaf osoo hin bahiin eegamuu kan jalqabame namootni hojii daldalaa naannoo kanatti hojjechuun of bulchan naannoo kana irraa akka ka’an ykn mana itti hojjetan akka cufanis dirqamanii jiran.Hordoftootni amantaa musliimaa gamtaan salaataa akka deebi’etti waraana wayyaanee meeshaa guutuun tiksu arge tuffiin abaaranii jiran.
Mootummaan wayyaanee diddaa biyyattii keessatti babal’atee fi qeerroon itti jiru dura dhaabbachuuf basaastota hedduumminaan bobbaasuun ishee saaxilamee jira.Basaastotni amantaa musliimaa hin hordofnes masgiida seenanii odeeffata jiru akka musliima fakkaatanii funaanan dirqamni itti kennamuu saaxilamee jira. Qondaala Poolisiin federaalaa Iyyaasuu Mokonnin jedhamu hordoftoota amantaa musliimaa fakkaachuun masgiida Anuwaar keessa turuu odeeffatni poolisii federaalaa fi tika keessaa saaxilee jira.Hordoftootni amantaa musliimaa fi uummatni mootummaan wayyaanee basaastota ramadeef diddaa duuba deebisuu akka hin dandeenye hubachuun gaaffii mirgaa gaafachuu irraa duuba akka hin deebine qeerroon dhaamsa dabarfatee jira.

Diddaa Dargaggootaa

Diddaa Dargaggootaa

Haaluma kana waliin Oromoonni nagaa kanneen jiruu fi jireenya isaaniif carraaqata karaa irra deeman qabamanii manneen hidhaa keessatti darbamuu beekame,Yeroo ammaatti manneen hidhaa gandoota magaalaa keessa jiran gara malee guutuu irraan kan ka’e magaalaa ala baasanii jiraattota hidhuutti akka jiran gabaasi addeessa.
Qabsoon itti fufa!