Ethiopian police beat protesters in Finfinnee

Aside

(July 21, 2012, Finfinnee (Reuters) )– Ethiopian police clashed on Saturday with scores of Muslims protesters complaining that the state is interfering in their religion, witnesses and officials said.

The protesters, some wearing masks, blocked the entrance of the Anwar Mosque in the west of the capital Addis Ababa and hurled stones at riot police who had surrounded the compound after noon prayers.

“Police broke inside the mosque and arrested many people, including several members of the (protest organising) committee. They also fired teargas at protesters outside,” said an activist who declined to be named for fear of reprisals.

Another witness said he had seen empty tear gas canisters strewn on the ground. It was not immediately possible to verify these reports.

Thousands of Muslims have staged sporadic street protests in the capital since late last year, arguing that the government is promoting an alien branch of Islam, the Al Ahbash sect, which is avowedly apolitical and has numerous adherents in the United States.

The government denies promoting Al Ahbash, but is determined to prevent Islamic militancy spilling over from neighbouring Sudan or lawless Somalia.

Around 60 percent of Ethiopians are Christian and 30 percent Muslim, mostly of the moderate, pragmatic Sufi tradition.

Diplomats and analysts say there could be potential for any militant groups to exploit sectarian divisions and trigger violence.

The government accuses “extremist elements” of sparking violence at the protests.

Government spokesman Shimeles Kemal said police had arrested ‘several’ people on Saturday but denied that police had used teargas.

“These were masked assailants from extremist groups that prevented mosque attendants from leaving the compound after the completion of noon prayers,” he said.

“They tried to incite violence, they threw stones and damaged property.”

Activists have reported several deaths during previous clashes, but no casualties were reported on Saturday.

Al Ahbash, also known as the Association of Islamic Charitable Projects, was founded in the early 1980s by Sheikh Abdullah al Harrari, an Ethiopian cleric who was forced to leave his country for Lebanon in 1950.

The protesters say the government is promoting the ideas of the group through Ethiopia’s highest Muslim body, the Supreme Council on Islamic Affairs, and preventing overdue elections that could bring alternative views onto the Council.

Shimeles denied that the government was trying to influence Muslim affairs. “Our constitution bans any government interference in religion,” he said.

Videon gara jabina Humnoota Mootummaan Wayyaanee saaxilu argame!

Aside

(Qeerroo, Finfinnee, 22 Adoolessa 2012) Yeroo ammaa kanatti diddaa fi mormii mirgaa fi amantii finiinaa jiru dhaamsuuf hidhattooti mootummaa wayyaanee reebichaa fi dhaanisa naasisaa ummata irraan gahaa akka jiran Qeerroon gabaase.

Qeerroon magaalaa Finfinnee keessa dahatee waan poolisooti wayyaanee ummata irraan gahaa jiran vidiyoodhaan waraabe akka mul’isutti, poolisooti darggoota bakka tokkotti walitti qabanii dabaree itti darbuun ulee furdaadgaan otuu reebanii mul’ata.

Darggoota kunneen erga bakka tokkotti qabamanii konkolaataa jala teessisamanii booda ummati otuu arguu kan akkanatti reeban warra dhoksaan hidhan immoo akkamitti akka dararan yaaduun nama hin dhibu.

Ajjeechaa fi tumiimsa gara jbinaan guutame raawwachuun kan beekaman humnooti Wayyaanee, amma illee bakak addaddaatti ummata hiraarsaa akka jiran Qeerroon gabaasee jira.

Qeerroon dhaamsa dhaame keessatti kanneen ummata nagaa hiraarsuu keessatti hrmaatan marti guyyaan itti kan harka isaanii argatan fagoo akka hin taane hubachiisee jira.

Magaalli Finfinnee Dirree Waraanaa Fakkaatte ,Diddaan Ummataas Jabaatee Itti Fufe

Aside

Adoolessa 21,2012 Finfinnee

Gaaffii Mirgaa mootummaan Wayyaanee ukaamsuuf olii fi gadi kaatu milkii dhabuun uummatni waraana Wayyaanee dhagaan of irraa dhorke,Mootummaan Wayyeenee EPRDF  gaaffii mirgaa musliimotni gaafatan ukkaamsuuf yaalus uummatni gaaffiin mirgaa ukkaamsamuu hin qabu,Dhuguma Wayyaaneen  garboomfataa dha,Qaala’insi jireenyaa biyyattii keessaa sababa siyaasaan kan dhufedha jechuun waraana Wayyaanee  uummata reebuu fi qabee hidhaatti guuruuf bobba’e ummanni diddaa fi tokkummaa isaa cimsee dhagaan tume.Naannoo Masgiida Anuwaaritti kan jalqabame yoommuu tahu Wayyaaneen Agaazii kumaatamaan lakkaa’aman naannoo sanatti bobbaasuun uummata dirqamaan akka dhaaban ajaja kennus uummatni kallattii hundaan itti yaa’ee karaa cufuun waraana Wayyaanee gaaffii mirgaa ukkaamsuuf bobba’e dhagaan tumee jira.Waraanni Wayyaanees garaa jabinaan uummata reebaa,arii’uu fi qabuun fincila dhaabuuf yaaliin gochaa jiru milkie itti dhabee dhabee daandiiwwan magaala keessaa cufamanii jiran.

Daandiiwwan konkolaataa buufata konkolaataa gara Goojjam Barandaa,Piyaassaa,Lidetaa kan cufaman yoommuu tahu hojiin daldalaa naannoo kanaa dhaabbatee jira.Naannoo kanatti poolisootni ajaja Wayyaanee fudhatan uummata hedduu reebanis diddaan jabaachuun uummatni sagalee tokkoon mootummaan wayyaanee haa bu’u jechuun dhaadatee jira.

Karaa biraa Qeerroonis gaaffiin mirgaa deebi’uu qaba jechuun uummata qindeessee sagalee tokkoon uummatni akka dubbatuuf waraqaa warraaqsaa bittinseen uummatni gammachuun waraana Wayyaanee of irraa ittisuutti seenee jira.Yeroon ammaa mootummaa Wayyaaneef yeroo dhumaa kan tahe yoommuu tahu Addunyaan olola Wayyaaneen dhiyeessitu dhageettii dhiisee dhugaa biyyattii keessa jiru akka hubatuu fi ilmaan Oromoo Addunyaa irra jirtan marti sagalee keessan jabeessitanii akka dhageessistan Qeerroon jabeessee dhaamsa bakka adda addaatti dabarseen beeksisee jira.

Wallagga aanaa Anfilloo Keessatti Diddaan Ummataa Jabaatee Tikini Wayyaanee Indaaluu Asnaaqee jedhamu Irree Humna Addaan Adabame.

Aside

Adoolessa 21,2012 Dambi Doolloo

Diddaan torbee tokko dura Godina Qellem,Anfilloo irratti eegale utuu wal irraa hin citin  hamma ammaatti itti fufuu isaa gabaasaan Qeerroo Anfilloo addeessa. Humni  addaa ‘DAMEE  LAGGASAA’ kan jedhamu ganda kollii  keessatti kaleessa Adoollessa 20 tika Wayyaanee beekamaa fi naannicha keessatti dargaggootaa fi Oromoota walii gala yeroo dheeraaf kan rakkisee gufuu qabsoo ta’e  kan maqaan,Indaaluu Asnaaqee jedhamu, humna addaa kanaan tarkaanfiin maayyii akka irratti fudhatame qeerroon Anfilloo gabaasa.

Humni poolisaa fi waraana  Wayyaanee  adda kan ta’e naanncha dhaquun eenyu nama kana irratti tarkaanfii akka fudhate qorachuuf jecha Adoolessa 20,212 galgala irraa kaasanii ummata naannichaa hiraarsaa akka jiran gabaasi kun dabalata addeessa

Itti fufuudhaan har’a (Adoolessa 21) daandiin ganda Ashii fi magaalaa Aanaa Anfilloo,Muggi  gidduu, bakka gaara Baallaa jedhamu,Uummanni mukkeen daandii san irratti jigsuudhaan cufanii konkolaataan karaa darbaa dhabee of irra gara godinaatti(magaalaa Dambi Dolloo) akka deebi’aa jiru Qeerroon magaalaa Dambi Dolloo fi Anfilloo gabaasanii jiru. Akkasuma waraaqaaleen qabsoo gandoota Anfilloo 15 keessatti  baldhinaan raabsamaa akka jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe ifa godha hanga ammaatti barruuleen warraaqsaa kan aasxaa Qeeroo qabuun tames gandoota Suddii,.Ash,.Ibbur,Shollaa,.Dollaa,.Dullii,.Shebel,.Heenaa,.Kolli,.Dawo-Tobbii,.Gerechoo,.Kuuroo,.Waabaa Eebbaa,.Yettii,.Heneche.yarer

Kanneen jedhamanitti waraqaaleen kun akka raabsamee jiru qeerroon gabaasee jira.kunis  yeroo fi sa’atii tokkichatti akka ta’e gabaasan kun dabalee addeessa.  Guyyuma har’aa sakatta’iinsii fi hordoffii guddaan gandoota kana irratti akka raawwatamaa jiru, tikoonni Wayyaanee gandoota kana keessa faca’anii akka jiran gabaafama.  Uummannis waraqaa raabsame kanatti gammachuu isaa dhageessifachuu irraa kan hafe dhimma tikoonni Wayyaanee dhufaniifi dantaa itti hin kenninu jedhu jedha qeerroon Anfilloo irra. Diddaan Uummataan,Qeerroo fi humna addaa anaannichatti horatamee jiruun wal ta’uun akka itti fufuu malu gabaasaan qeerroo addeessee jira.

Qabsoon itti fufa!! Bilisummaan ni dhufa!!

Goodina Jimmaa keessattis diddaan sirna cunqursaa Wayyaanee irratti ka’e jabaatee itti fufe.

Aside

Adoolessa 21,2012 Jimma

Adoollessaa 19 -21, 2012 Godinaa Jimmaa Aanaa Aggaaroo, Sarboo, Deedoo, Gaatiraa, Sokorruu, Geeraa fi Gommaatti Waraaqaan barruulee Qeerroo facaafamaanii jiraachuun beekamaa dha, haaluma kanaan guyyoota kanneen keessatti ummanni mirga abbaa biyyummaa fi namoomaa gaafachuuf jecha tokkommaan wal gurmeessee diddaa itti fufee jiraachuu qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Aanaa Aggaroo, Deedoo fi Sarboottii Adoolessaa 20,2012 haawaasni Oromoo amantaa muslimaa hordofaan nannoo maskidaa isaanittii sagalee mormii dhageesisuun mirgii amantaa abbootii irreen nu jalaa sarbamee tokkummaadhaan kaanee haa kabachiifannuu jechuun sagalee mormii dhageesisa oolaan.

Godina Iluu Abbaa Booraa Warraaqsi Qabate Itti Fufee Qeerroo fi Ummanni gara roorroo if irraa ittisuuti seenan.

Aside

Adoolessa 21,2012 Mattuu
Haaluma kanaan Godinaa Iluu Abbaa Booraa Anaa Dhidheessaattii FDG’n Ummataan jabaatee ittii fufuun Adooleessaa 19, 2012 walittii bu’insii milishotaa Wayyaanee fi ummaataa gidduutti ummaamee ummaanni of irraa deebisee jira. Sochii waraana Wayyaanee dhorkuuf jecha  uummaannii daandii gara Gambeellaattii geessuu cufuun  konkolaataan karaa darbaadhabee rakkachaa kan ture yoo ta’uu , Wayyaaneen diddaa ummaataa kanaa ukkaamsuuf waraanaa ummatattii bobbaastullee ummaannii duraa dhaabbatee mirgaa isaa kabaachiifachaa kan jiruu ta’uun gabafamee jira.
Haala kanaan loltuun Wayyaanee tokkoo namni maqaan Abaay Firaachoo jedhamuu Qeerro dargaggotaa Oromoo waliin walitti bu’ee  reebame. Meeshaa inni hidhatee jirus sochii ummataa naannicha keessatti deemaa jiruuf galee akka jiru gabaasi kun addeessa.

Abaay Firaachoo yeroo ammaa kanaa hospitaalaa Mattuuttii du’aaf jireenyaa gidduutti argamaa.
Kanaa malees, Adoolessaa 20,2012 Aanaa Cooraattii hawaasnii muslimaa sagalee mormii dhaageessisaa olaanii jiru. Diddaa kanatti dabaluunis, magaalaa Cooraa keessaa barruuleen Qeerroo facaafamanii jiru.
Polisonnii Wayyaanees haalaa waraqaa barruu qeerroo kanaattii rifachuun ummaataa jeeqaa kan jiran yoo ta’u, humnii waaraanaa dabalataan gara kanatti guraamaa akka jirus caasaan Qeerroon dhaamee jira.
Haala kanaan Wayyaaneen sodaa guddaa irraa geessee waan jirtuuf humna waraanaa magaalaa Baaddallee irraa qubsistee jirti.Yeroo ammaa kanattis magaalaan Baddaallee dirreedhuma waraanaa fakkaatee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.

Qabsoon itti fufa!!