Tika Wayyaanee Beekamaa Fantaa Geetachoo Jedhamuu fi Qabeenya Isaa Irratti Tarkaanfiin Laalessa Fudhatame.

Aside

Adoolessa 18,2012 Dambi Doolloo

Gabaasaalee Qeerroo yeroo darbee keessatti diddaan sirna mootummaa Wayyaanee  Ona Anfilloo  Ganda Yattii irratti eegale osoo wal irraa hin citiin itti fufee jiraachuuu gabaafamee ture.

Haala kanaan naannoo Anfillootti yeroo dheeraaf ergamaa Wayyaanee ta’uun ummata hiraarsaa kan turee fi humna addaa WBO adamsiisaa kan ture maqaa ABO tiin ummata naannoo sanii fi  keessattuu dargaggoota Oromoo manneen barnootaa irraa hiisisuun  kan beekame nama maqaan Fantaa Geetachoo jedhamu akeekachiisi itti kennamee ture. Akeekachiisa ummanni kenniifii diduun diddaa ummataa dura dhaabbachuun humna poolisa Federaalaa naannoo sanitti bobbaasuun ummata hiisee kaanis hiisisaa osoo jiruu eda Adoolessa 17,2012 galgala  mana jireenya isaa horii guddaan hojjechiisee jiruu fi qabeenya isaa guutuu humni hin beekamiin tarkaanfii irratti fudhateen guutummaan qabeenya isaa barbadaayee jira. Inii fi maatiin isaa haala kanaan madaayuun yeroo ammaa mana Yaalaa galanii  haala hamaa keessa akka jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe addeesse.

Guyyaa har’aa Adoolessa 18,2012 humni dabalata poolisa Wayyaanee  naannoo kanatti bobba’uun ummataa fi dargaggota naannichaa  namoota tarkaanfii kana fudhatan baasa jechuun qabee qormaata akka jiru gabaasi nu gahe beeksisa.

Qabsoon itti fufa!Gabrummaan ni kufa!

 

Godina Hararge Aaanaa Jaarsoo Keessatti Diddaan Itti Fufee Sabboontoti 4 Hidhaman

Aside

Adoolessa 18,2012 Aanaa Jaarsoo
Yeroo ammaa Oromiyaa keessatti sochii diddaa sirna Wayyaanee irratti ta’aa jiru kan ammaan duraa irra daran babaldhatee jira. Ummanni Oromoo cunqursaa akkaaniin ukkamfamee jiru nu gahe gabrummaan jechuun godinaalee mara keessatti sochii fi diddaa muldhataa argamsiisaa jira. Haala diddaa Oromoon wal qabatee hordoftoonni amantaa musiliimaa sirna Wayyaanee mormuudhaan bal’inaan mormii kaasan mootummichatti yaaddoo ta’uu irra darbee gara kufaattii isa geessaa jira.
Akka kanaan gabaasi Aanaa Jaarsoo, godina Harargee Bahaa irraa nu gaheen , namootni maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffaman kun diddaa yeroo irraa yerootti Oromoon aanaalee keessatti muldhisaa turee fi yeroo ammaa magalaa Finfinnee keessatti karaa amantaa musiliimaan wal qabatee eegaleen warra adda durummaan diddaa ummataa fi sochii warraaqsaa kanneen qindeessitani jechuun poolisooti Feederaalaa argamuun qabamanii bakka buutiin isaanii hanga ammaa hin beekamiin jira
Gabaasi akka nu gahetti jarreen kun qabamanis sochii farra gabrummaa fi diktaateraa gochaa jirru duubatti nu hin deebisu jechuun hordoftooti amantaa musiliimaa godina san keessatti argamu marti diddaa kana naannichatti cimsuuf qophii irra akka jiran Qeerroon naannoo sanii gabaasee jira. Qabamuu namoota kanaa booda uummanni diddaa isaa itti cimsee akka jiruu qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Maqaan namoota Adoolessa 17,2012 qabaman kunis :
1.Hawwaa Jaffaar
2. Mohaammad Ibraahim
3.Qamar Kadir
4.Sulxaan Abdii
Kanneen jedhaman yoo ta’u namoota diddaa kana jalatti hiriiran shakkiidhaan qabamaa jiran naannoo naannoo irraa hedduu akka ta’an gabaasi nu gahe addeessa