Wallagga Shaambu Irraa Poolisoonni Wayyaanee 4 Sirnicha Ganuun Qabsoo Sabaatti Makaman.

Aside

Adoolessa 15,2012 Gabaasa Qeerroo Shaambuu
Godinaa Wallagga,Horroo Guduruu irraa Poolisonnii Wayyaanee dhalootaan Oromoo kanneen ta’an namni 4 sirna mootummaa Wayyaanee ganuun hidhannoo isaanii guutuu waliin Adoolessa 14,2012 qabsoo ummataa naannicha irraa gaggeefamaa jirtutti tti  gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa .
Poolisoonni sirna gabroomfataa ganan kun mana hidhaa gabroomfataa magaalaa Shaambuu kanneen tiksaa turan yeroo ta’u,manneen hidhaa adda addaa keessatti Oromooti maqaa Oromummaan hidhamanii hiraara argaa jiran ilaaluu fi haala gochaa sukkanneessaa akkasii qalbiin keenya arguu waan dadhabeef jecha hidhannoo keenya guutuun qabsoo sabaatti makamnee diddaa gabrummaa gaggeessuuf dirqamne akka jedhan gabaasi nu gahe ifa godha.
Akkuma poolisoonni kun mootummicha jalaa miliqanii badaniin hidhamtoonni nama lama Adoolessa 14,2012 galgala mana hidhaa Shaambuu irraa mana hidhaa cabsanii badanii jiru. Haalli kunis poolisoota kanneen hafan shakkisiisee guyyaa har’aa Adoolessa 15,2012 Feederaala irraa qormaataaf humni biraa ergamee naannicha akka cinqaa jiru beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Mootummaan Wayyaanee Gaaffii mirgaa hordoftootni amantii musliimaa kaasaniin yaaddoo guddaa keessa bu’e.Gara jabinaan dhaabuuf yaalus milkii dhabuun waraanni Wayyaanee tasgabbii dhabe.‏

Aside

Finfinnee keessatti warraaqsa dho’een mootummaan wayyaanee yaaddoo guddaa keessa bu’ee jira.Guyyaa 13,07,2012 galgala keessaa sa’a shan irraa kaasee hordoftootni amantii musliimaa mootummaan dhimma amantii keessa galuu hin qabu jechuun hiriira nagaa kan bahan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee waraana federaalaa hedduumminaan yaasuun gara jabeenyaan reebuun ilmaan musliimaa 5 yeroosuma yoommuu ajjeesan hedduun isaanii madaa’anii jiran.Hiriira nagaa masgiidota gurguddoo Finfinnee keessaa kanneen akka Masgiida Anuwaar keessatti jalqabamee fi Awaaliyaatti jalqabameen mootummaan wayyaanee to’achuu dadhabuun waraanatti tarkaanfii gara jabeenyaan akka dhaabu ajaja dabarse.Waraanni mootummaa wayyaanee ajaja abbootii irree fudhate naannoo Fiinans boolla guddaa keessatti namootni hedduun aara ukkaamsaa poolisootni federaalaa gadhiisaniin hedduumminaan keessatti kukkufuun kan caccaban yoommuu tahu poolisootni federaalaas uummata musliimaa gaaffii mirgaa gaafachaa jiru gara jabeenyaan rukkutuun miidhaa guddaa irraan gahanii jiran.

Hordoftootni amantii musliimaa hiriira nagaa bahan mootummaa irraa mirga hiriira nagaa bahuu fi wal gurmeessuu dhimma eeyyama gaafannuuf ghin qabnu,Mootummaan dhimma amantii keessa seenuu hin qabu,Rabbi malee mootummaan aangoo qabate jabaa miti jechuun dhaadannoo dhageessisanii jiran.Poolisootni federaalaa halkan guutuu baay’ee olii fi gadi fiigaa bulan karaa gara Wiingetitti baasutti namni akka hin dabarre guyyaa har’aas dhorkaa oolanii jiran.Uummatni musliimaas namoota gaaffii mirgaa isaanii dura dhaabbatan poolisoota federalaa fi jala deemtota wayyaanee irratti tarkaanfii gara jabeenyaa fudhachuuf dirqamuun poolisootni federaalaa 27 haalaan miidhamuun hospitaala seenanii jiran.Magaala Finfinnee keessatti yoommuu wal gahiin Afrikaa gaggeeffamaa jiru mootummaan Wayyaanee qaaniin qabamne jechuun masgiidota hundaa wayita sagadan(salaatan) waraanaan eegaa jira.Magaalota gurguddoo biyyattii keessattis waraana bittinsuuf karoorsaa kan jiru yoommuu tahu,wal gahii aangaawotni gurguddoon dhimma nageenyaa Adoolessa 14,2012 gaggeessaniin musliimni keessa waan jiruuf osoo hin dubbatiin bahuu isaaniis saaxilamee jira.
Hordoftootni amantii musliimaa gaaffii mirgaa gaafachuu irraa hoomtuu duubatti akka isaan hin deebisne dhaammachuun uummatni marti waamicha keenya dhaga’uun akka gahee isaanii bahan dhaammatanii jiran.

Barattooti Oromoo University Jimmaa Adoolessa 14,2012 Sirna Wayyaanee Irratti Mormii Dhageessisan.

Aside

Adoolessa 15,2012 Gabaasa Qeerroo Jimmaa
Adooleessaa 14/2012 Mooraa University Jimmaa Keessaatti FDG’n Jabaatee itti fufee oole, Sabboontonnii baratootaa Oromoo University Jimmaa Caffee Obaamaa Jedhamuun mooraa sana keessaatti beekamuu irraa nyaataan 9000 Olta’aan Fulduraa Caaffeetti wal eeguun mootummaa Abbaa irree Wayyaanee balaaleffaataan. Nyaatas utuu hin nyaatiin olaan.
Barattooti Oromoo Yunversiy Jimmaa yeroo adda addaatti jagnummaan mootummaa abbaa irree dura dhaabbachuun sirna cunqursaa fi gabrummaa ummata Oromoo irratti barootaaf fe’amee jiru irraa buusanii Oromiyaa walaba ijaaruu irratti gaaffii adda addaa gaafataa kan turan yeroo ta’u.Adoolessa 14,2012 diddaa taasisaniin gaaffiin isaanii kan walabummaa fi bilisummaa ta’uu mormii mootummichaaf dhiheessan irratti ifatti dubbatanii jiru.
Sodaa kanaa irraa ka’uun Mooraan University Jimmaa humna waraanaa Wayyaaneen marfamtee eegamaa jirti. Kanaa malees Hiriiraa Mormii hordoftonnii amantaa Musilimaa Magaalaa Finfinnee keessaatti gaggeessaa jiraan kan deeggaraan ta’uu gotonnii baratootaa Oromoo University Jimmaa ibsan, FDG hordoftonnii Amantaa Musilimaatiin Maagaalaa Finfinnee keessaatti gaggeeffaamaa jiruun lubbuun namotaa

Godinaa Wallaagaa Bahaa Onaa Haroo Limmuu bakkaa Abbaa Mo’aa jedhamuu irraa namoonnii 18 ABO tti shakkamuun hidhaman.

Aside

Adoolessa 15,2012 limmuu
Haala tarkanfii gidduu kanaa diinaa irraatti fudhatamaa jiruun wal qabsisuun Humna Addaa WBO ummata keessa galee jiru baasuu qabduu jechuun namotaa nagaa 18 humna poolisaa Federaalaan qabamanii Onaa Haroo limmutti Hidhaman, namotaa hidhaman keessaa ammatti maqaan namotaa murasaa nu ga’ee
1. Hundee Guutamaa,
2.Caalchisaa Amanuu,
3.Fiqaaduu Taasisaa
4.Amanuu Olaanii,
5. Yaadataa Qadiidaa
6.Hundarraa Lammii,
7.Tasfaayee Geetahuun
Kanneen jedhamaan kan keessaatti argamaan yeroo ta’u namoonni kun badii tokko malee ABO dhoksitanii nyaachiisaa jirtuu, ABO’n isiin keessaa dhokatee tarkaanfii nurraatti fudhachaa jira jechuun seeraan ala qabamanii kan hidhaman ta’uu gabbaasi nu gahe addeessa.

Barattooti Yuniverstii lrraa Eebbifaman Miseensummaa Wayyaaneef Dirqamaa jiran hin fudhannu jedhan

Aside

Adoolessa 15,2012 Finfinnee
Gabaasaa Shawwa Lixaa,Ona Dandii Magaalaa Jalduu irraa nu gaheen, yeroon yeroo itti barattootni mana barumsaa isaanii xumuranii gara mana isaaniitti galan ta’uu isaa akkuma beekame, barattootni eebbifamtoonni barruulee eebbaa isaanii (dokumantii) kan akka Tiraansikiriiptii harakatti qabatanii akkuma galan, mootummaan Wayyaanee hojii argachuun miseensummaa malee akka hin taane dursee beeksisa baasuun isaa Qeerroon magaalaa jalduu gabaasa, kana sababeessuudhaan dokumantiiwwan barattoota harkaa guuraa akka jiru, miseensa guuttan malee hojii argachuu akka hin dandeenye dorsiisa itti bane jiraachun isaa gabaasaan addeessa.
Kan biroon akkuma beekamu diddaa fi sochii fincila hordoftoonni amantaa Musiliimaa gochaa jiran aboota hedduu fi Qeerroo oromootiin deggeramaa akka ta’e akkasumas amantaa kan biro cinatti fudhatama akka qabaachaa jiru Qeerroon godinaalee adda addaa irratti waamicha godhaa akka jiran kalattaii garagaatiin gabaasni nu gahaa jiru addeessa. Kunis yoo fudhanne amantaa biro waliin fudhatama akka qabaatuuf dhaadannoon amantaa musiliimaa masgiida Anuwaaritti guyyaa har’aa dhaadeessaa oolaniin; amantaa kamiinuu utuu hin qoodin waliin hiriiruudhaan tokkummaa horannee,harka wal qabannee yoo kaanee waraana wayyaanee mitii doorsisi waraana kamiinuu boodatti nun deebisu, kanaaf labsii tokkummaa amantaa biro waliin qabaachuu irratti qeerroon karoofatee guyyaa dhaamsota godinaalee maraaf dabarse irratti addeessee jira.
Karaa biraa sirna abbaa irree mootummaa Wayyaanee jijjiranii sirna demokraasii fi walabbummaa oromiyaa mirkaneessuuf jecha manni amantaa Makkaana Yesuu Dambi Doolloo irraa dhaamsi nu gahe akka jedhutti nutis sirna mootummaa abbaa irree jijjiruuf sochii amantaa mulsilimaa jalqaban waliin hiriirree ka’uuf kaayyoo keenya, kanaaf fincila keenya itti fufna kanaan wal qabsiisnee jedhchuun dhaamsa akka dabarfatan gabaasaan Qeerroo magaalaa Dambi Dolloo addeessa.