Adoolessaa 10,2012 Qondaalota Tikaa Wayyanee Ol-aanoo Irratti Tarkaanfiin Fudhatame.

Aside

Adoolessa 11,2012 Laqamte
 Humna tikaa Wayyaanee Godina Bahaa Wallaagga irraa sochoo’uu fi itti gafatamummaa Olaanaa kan qabuu namni maqaan Shaallaamaa jedhamuu fi Itti gaafatamaan Poolisii Godinaa kan ta’ee Geetachoo Gammadaa kan jedhamuu Humni addaa ABO Onaa Giddaa Ayyanaa keessaa riphee nu lolaa jira jechuun, guyyaa kaleessaa Poolisonnii Federalaa fi milishotaa gandaa gidduutti walitti dhukaasaa banameef humna waraanaa gara Onaa Gidddaatti milishotaa gandaa qabuu fi meesha sakkata’uuf utuu deemaa jiranii daandii gara Giddaa geessuu bakkaa Magaalaa xiqqaa Jaangiraa jedhamutti yeroo dhiyaataan humni addaa isaanumti barbaacha deeman kan godinicha keessaa sochoo’uu tarkaanfii  diinaa irraatti fudhateen. konkolaachiisaan isaanii akka malee miidhamee shufeera dabalatee jarri  madaa’uun gabaafame.

Yeroo ammaa kanaa mootummaan abbaa irree humni Addaa Onaa Giddaa galeee jira baasuu qabduu jechuun qonaan bultootaa doorsisuus, Qonaan bultoonnii humnii hidhatee socho’aa jiruu isinuma, kanaa malee humna addaatti hidhatee socho’uu nuti hin arginee, ufumaa keessanii wal irraattii waraanaa banaa jirtuu nun hojii keenyaa nu hin dhorkiinaa jechuun of irraa deebisaa jiru,araddaalee qonnaan bultootaa irratti bobba’uun walgahii waamuu yaalan illee ummanni diddaa guutuun dura dhaabbatee fashalchiisee jira. Kana malees sababa lolli cimaan milishotaa fi poolisaa fedraalaa gidduutti kaleessaa ta’een yeroo ammaa kanaa milishonnii gandaa namoonnii 32 humnaa polisaa Federaalan qabanii hidhamuuf barbaadamaa jiru, keessaattuu namoonni 12 addatti barbaadama jirachuun gabaafame.

Kanamuma waliin Adooleessaa 10,2012 Onaa Giddaa Ayyaanaa gandaa Dirree Guddaa Baqoo jedhamuttii Dura ta’aan gandaa namni maqaan Gabayyoo Gammadaa jedhamuu fi Manageriin gandaa namnii Hamsaaluu Amanuu jedhamaan poolisoota Feederaalaan shakkamanii doorsifamaa jiraachuu fi humna addaa fi milishoota gandaa mootummaatti qawwee galagalfatan adamsuu irratti nu gargaaruu diddan sababaa jedhuun doorsisi cimaan irra gahee jira.

Finfinnee Keessatti Hogganooti TPLF Gurgudoon Walgahii Ifii Yaaman Irratti Salphatan

Aside

Adoolessa 11,2012 Gabaasa Qeeroo Finfinnee
Adoolessa 9- 10,2012 Qondaalonni Wayyaanee miseensota isaa waliin barsiisota diddaaf shakkaman walitti waamuudhaan wal gayii mata duree gamaggama hojii bara 2004 fi Haaromsa bara itti aanuu godhachuudhaan adeemsisaa turan irratti milkomina dhabu irraan kan ke’e ammoos Wal gayiin kun torbee tokkoof akka gaggeeffamu ta’ee jira. Wal gayiin kun bakki inni itti gaggeeffamaa jiru Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa fi Qoophaayinaa;-Kaffitanyaa 12, Kookab Atsibaa fi Biran Guzoo bakka jedhamutti yeroo ta’u

Qondaalotiin Wayyaanee bebbeekamoo jedhaman warri walgai kana gaggeessan keessaa:-

1.Gebrahiwot Hagos-qondaala olaanaa kutaa magaalaa Yakkaa fi hogganaa dhimma nageenya naannoo;

2.Zelaalem Tesfaa-Hoogganaa dhimma ispoortii fi dargaggoota magaalaa Yakkaa;

3.Birhaanuu Damee-hoogganaa Aadaa fi Tuurizimii kutaa magaala yakkaa fi dabbalee Wayyaanee olaanaa akka ta’an beekame.

Yaanni Qoondaalota Wayyaanee kanaas  inni bu’uura ta’e barsiisota diddaan irraa mul’atuu fi kanneen dhalootaan Oromoo ta’an hidhatan ABO waliin qabu sababa jedhuun gamaagamanii  hojii irraa arihuu sababaa jedhu akka ta’e ifatti beekamee jira. Adoolessa 10 walgahii godhan irratti gaaffiin barsiisota irraa ka’es waayee mirga dhala namaa fi qaalawina jireenyaa irratti akkasumas sabboonummaan namaa biyya Ethiopia keessatti yakka akka ta’ee waan jiruuf mootummaan imaamata isaa kana hamma bara meeqaatti itti fufuuf deema kan jedhu ture. Garuu deebiin isaa hamma ammaatti hin jiru,kanaaf sirni bulchiinsa amma biyyi ittiin bulamaa jirtu nuuf haa jijjiiramu,jehuudhaan gaaffii yaada kaasuun ummanni galmatti walitti qabame hundi iyya garmaleetiin galma walgayiin sun itti gaggeeffamaa ture jeeqanii ergamtoota mootummaa Wayyaanee kana yeellasiisan, kunis Qoondaalota kana hedduu aarsuudhan miseensota isaa waliin mooricha keessa kan jiru marti jechoota sansakaa fi kabaja barsiisotaa dhiibu, salphisu dubbachuu fi arrabsuudhaan ofi irroo fi olaantummaa qaban muldhisaa akka turan beekame.

Haala kanaan  barsiisoonni sabni martuu sirboota siyaasaa sirbuudhaan,kaan immoo yeroo walgayii sanatti rafuudhaan, sagalee adda addaa moobayila irraa dhageessisuudhaan, kaan immoo kitaabolee fi gaazexaa dubbisuu itti jabeessudhaan wal gayiin Wayyaanotaa kun akka feshelatu godhanii jiru. Walgayiin kun hamma furmaanni tokko argamutti torbee dhufus itti fufuu qaba jedhamaa jira.

Qonnaan Bultooti Oromoo Walagahii Dabballoota Wayyaanee Lagatan

Aside

Adoolessa 11,2012 Gabaasa Qeerroo

Godina Wallaggaa bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Heebantuu keessatti tutni waraana mootummaa wayyaanee sakatta’a meeshaaf ilmaan Oromootti bobba’e mislishoota gandaan waliin waliti bu’uu irraan poolisi feederaalaa namni 5 galafatamuu irraan qaana’uu kan ka’e mootummaan Wayyaanee qotee bultoota Oromoo wal gahii akka bahan ajaja baastu uummatni wal gahii lagate.Qotee bulaan Oromoo yeroon isaa yeroo qonnaati,Nuyi hojii keenya malee olola diiinaa hin  dandeenyu,Meeshaa waraanaas hin qabnu,Wal gahiin isin waamtanis bu’aa hoomaa hin qabu jechuun wal gahii guutummaan hafaa jiran.Mootummaan  Wayyaanees waraana ishii bobbaasuun uummata dirqiin yaasuu yaalus uummatni didee diddaa isaa cimsuu irra jira.Haala kanaan guyyaa har’aa furmaata dhabuu irraa kan ka’es wal gahii hin baatan taanaan lafti keessan isin irraa fudhatama jechuun doorsisuu irratti argamti.