Adoolessa 10,2012 Gabaasa Qeerroo Giddaa
Ummata meeshaa hikkachiisuu fi sababaa humna addaa WBO sakatta’uu jechuun waraanni Wayyaanee Adooleessaa 7,2012 Sakkata’insaaf Onaa Giddaa bobba’ee ture, haaluma kanaan polisonni fi waraanni Wayyyanee bobbaafaman uummataa sakkataa’aa turanii meeshaa waraanaa kan jedhamu homaa dhabuun akka meeshaan hin jirre gara Federaalatti gabaasan. Mootummaan Federaalaa utuu uummaannii meeshaa waranaa hidhatee nu lolaa jiruu beekaa irraa hiikuu dhistaan jechuun, amantaa irraa dhabee, poolisii federalaa humna guddaa kan nama Assaaffaa Gennetii jedhamuun hogganamu kan sirnichaaf sakkatta’insaaf si’a 2ffaaf bobbaase, Sana boodaa Onaa Giddaa Ayyaanaa bakkaa Dirree Guddaa Baqoo jedhamutti milishonni gandaa isiin eenyuu taatanii ummata naannoo irra deddeebitanii sakattaatuu?! Roorroo irratti roorruu nutti fidaa jirtu jechuun dhukaasaa Poolisoota Federaalaa irraatti banan, sana boodaa milshotaa gandaa fi Poolisaa Federalaa Wayyaanee waliin walitti dhukaasnii sa’ati 3:00 oliif polisotaa Federalaa irraa nama 5 battalatti ajjeefaman isaan keessaa namni tokko dhalootaan Gumuzii dha. kan dhalotaan Guumuz ta’an namonni 5 ajjefamani, tokko ammo haalaan madaa’e.
Haalli kun kanaan osoo hin dhaabbatiin guyyaa har’aa mootummaan Wayyaanee humna waraanaa fi poolisoota Federaalaa naannoo sanitti hedduminaan guuruun milishoota gandaa san barbaacha waan bobba’ee jiruuf ummanni diddaa isaa muldhisaa jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa. Hordoffiin gabaasa guutuu gama fuula duraa dhiheessina
Daily Archives: July 10, 2012
Barataan Dhalootaan Tigraay Ta’e Tokko Mooraa University Jimmaa Keessaatti Gamoo Irraa if Darbatee Caccabe.
Aside
Adoolessa 10,2012 Jimma
Universiy Jimmaa keessatti Adoolessa 08,2012 irraa kaasee ibsaan doormii barattoota irraa dhaamuun dukkanni dhuunfatee jira,barattooti galgala waan ittiin qayabatanis ta’e ifa argatan waan hin jirreef moorichi cal jedhee jira. Tikii fi humni poolisa Wayyaanee barattooti Oromoo fincila diddaa gabrummaa kaasuufi sababa jedhuun mooricha keessaa fi alatti eegumsa jabeessanii jiru, gariin ammo mooraa keessa uffata sibiilii uffatanii barattoota keessa garmaamu.
Haala kanaan Adoolessa 09,2012 galgala barataan dhalootaan Tigree ta’e Dajanee Habtuu muummee Medicine kan baratu ibsaan dhaamee dukkanni mooricha dhuunfachuu irraan halkan gamoo mana barnootaa san irraa of darbee guututtu qaami isaa hunkutaayee caccabuun Hosptala galee jiraachuu qeerroo ngabaasa.
Barataan Oromoo Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo qabxii olaanaa qabu tika mootummaa Wayyaaneen ajjeefame!
Aside
Adoolessa 10,2012
Mootummaan Wayyaanee yuunivarsiitiilee keessatti barattoota Oromoo baratan hidhaa fi ajjeesaa turuun ishee ni yaadatama.Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo Keessatti Barataan Oromoo Addisuu Akililuu Socilal Science muummee seenaatti qabxii olaanaa 3.8 kan qabu tika mootummaa Wayyaaneen ajjeefamuu qeerroon gabaasa.Barataan kun yeroo adda addaatti jabinaa fi sabboonummaa qabu irraa kan ka’e ergamtooti Wayyaanee qormaata adda addaa jala isa galchaa kan turan yeroo ta’u Adoolessa 09,2012 humna tika Wayyaaneen ajjeefamee kan darbame yoommuu tahu, barattooti Oromoo kaan ajjeefamuu barataa kanaatti aaruun gaaffii mootummaa saniif kan dhiheessan keessaa akkamitti akka du’e haa qoratamu yoommuu jedhamu yuunivarsiitiin Walaayittaa Sooddoo dhiphachuun barattoota Oromoo tasgabbeessuuf oliif gadi fiigaa jira.Barattootni Oromoo yuunivarsiitii kanaa barataa Oromoo dandeettii isaa fi sabboonummaa isaa irraa jibbiinsa qabaachuun mootummaan Wayyaanee kan ajjeese itti gaafatamummaa haa fudhatu jechaa kan jiran yoommuu tahu haala kana doorsisaan callisiisuuf jecha waraanni Wayyaanee mooraa yuunivarsiitii keessa seenuun barattoota Oromoo jeeqaa jira.Kan barataa kana ajjeesee fi qaami tikaa Wayyaanee gaafatama kana fudhachuu akka qabuu fi ajjeefamuun ilmaan Oromoo ammo Oromoo mara kan kakaasu malee diddaa gabrummaa irraa duubatti kan nu deebisu miti jedhchuun barattooti Oromoo beeksisanii jiru